Mudhii Yohaannisitti Mudhatte
Seensa
Wolde'ooti kiristaanaa Yesuus Kiristoos Goottaa ifii godhatanee waan itti dhugeeffataneef, yennaa miidha'aa fi rakkinni isaan geyiisatti jiru, mudhiin Yohaannisii barreeffante. Xiyyeeffannaan barreessa'aa guddoon, addiin worra dubbifatuu guutuu akka teetuuf, isaan jajjabeessiisaa fi miidha'aa fi rakkinna isaan geye keessatti dhugeeffanna'aan akka jabaatanu uttisiisa*Uttisiisa: jajjabeessiisa.
Kutaan Kitaaba kanaa irra caalaa mudhii heddu'uu fi ta wol gula himantu ka qabateeru; mudhiin hedduun tunille ta wolde'i kiristaanaa hubatiisaa dande'anu, worra dhibi'iif ammoo dhossaa teetee ta turtu ta okol-gombisaanOkol-gombisaan: Dubbii woyiin fakkeessanee dubbatanu ta dhiyaateertu. Akkuma itti deddeebiin faaru'uu itti deddeebi'antu mata dureen kitaaba kanaalle karaa mudhii adda addaatiin, bifa adda addaatiin itti deddeebi'iisaan dhiyaateerti. Marroo hiikkaa kitaaba kanaa yaadi adda addaa jiraatulle, yaadi guddaan ifa; yaadi kunille Waaqi karaa Goottaa Kiristoosiitiin diinota ifii duudii, Seexanalle, takkumaan guutuma guutu'utti hin injifata; yennaa injifachaan tun muummotte, worra isaa ka addatameef eebba ol-gubbaa haareyaatii fi lafa haareyaa hin dhaalchisa ta jettu.
Haadhoo Dubbi'ii
Seensa1:1-8
Itti keyata Mudhi'iitii fi xalayaa wolde'oota kiristaanaa torbaaf ergame1:9—3:22
Kitaaba marama'aa fi chaappaa torba4:1—8:1
Tultullaa torba8:2—11:19
Jawwe'ee fi bineensa lamaan12:1—13:18
Mudhii adda addaa14:1—15:8
Muduunuu mufii Waaqaa torba16:1-21
Badii Baabilonii, injifatamiisa bineensaa, injifatamiisa raagaa dharichaatii fi Seexanaa17:1—20:10
Muraa muumme'ee20:11-15
Ol-gubbaa haareya, lafa haareya, Yerusaalemii haareya21:1—22:5
Yaada buufataa22:6-21
1
Mudhiin Yesuus Kiristoosii, ta akka inni waan dafee te'uu qabu tajaajiltoota ifiititti mudhisuuf Waaqi itti kenne tana; Yesuusille ergamaa Waaqaa ergee tajaajilaa ifii Yohaannisitti waan kana beessise. Yohaannisille marroo Jecha Waaqaatii fi marroo dhugaa baya Yesuusiitiif waan dhagge mara dhugaa baye. Barri waan dhiyaateeruuf, dubbii raagaa tana nami dubbisu, worri dhage'uu fi worri waan keessatti barreeffame eeggatu ka badhaadhe.
Nageya Wolde'oota Kiristaanaa Torbaaf Ergame
Ani Yohaannis, wolde'oota kiristaanaa torba ka lafa Asiyaa keessa jirtanuuf:
Badhaadhii fi nageenni Waaqa amma jiru, ka duri jiru, ka dhufu'uu jiru biraa, ayyaanota torba ka barcumaa mootummaa isaa dura jiranu biraa, Yesuus Kiristoosii dhugaa-bayaa addatamaa, ka worra du'e keessaa angafa te'ee kaafamee fi bulchaa mootota lafa tanaa te'e biralle'ee isiniif te'u jedha.
Ka nu jaalatee cubbuu teenna jalaa dhiiga ifiitiin bilisa nu baasee, Waaqa Abbaa isaa akka tajaajilluuf mootumma'aa fi hayyoota ka nu godheef, ulfinnii fi hunni bara baraa, haga bara baraa teetu! Ameen.Mudh. 5:10
Kunoo, inni duumensaan dhufaara,
ilti marti isa hin dhaggiti;
worri isa woraaneeyyuu hin dhagga;
kolbaan lafa irraa marti sababa isaatiin hin bowan.
Ee! Akkasuma hin teeti. Ameen.Mat. 24:30; Mar. 13:26; Luq. 21:27; 1 Tas. 4:17; Yoh. 19:34,37
Waaqi Goottaan amma jiru, ka durille jiru, ka dhufu, ka waan duudii dande'u, «Alfa'aa fi Omeegaan Ana» jedha; [akkasi jechuun ani ka duraatii fi duubaati jechu'u].
Mudhii Kiristoosii
Ani obboleessi keessan Yohaannis, ka waa'ela keessan te'ee Yesuusiin rakkinna, mootumma'aa fi ciniinnatanee ossiisa qoodame, marroo Jecha Waaqaatii fi marroo dhugaa-bayiisa Yesuusiitiif oddoola Phaaximoo jedhantu keessa jiraayyu. 10 Guyyaa Gootta'aa, ani Ayyaana Waaqaatiin jiraayyu; qoonqoo guddoo ta akka tultulla'aaTultulla'aa: Magalataa ifi duubatti dhage'e. 11 Qoonqoon sun, «Waan dhaggitu kitaaba marama'atti barreessiitii, wolde'oota kiristaanaa torba ka qachaa Efesoonii, ka qachaa Simiirnaa, ka qachaa Phergamoonii, ka qachaa Tiyaatiraa, ka qachaa Saardeesii, ka qachaa Filaadelfiya'aatii fi ka qachaa Laa'odiiqeya'aa keessa jiruuf ergi!» naan jette.
12 Anille qoonqoo natti dubbatiisatti jirtu ilaaliisaaf ifi irra garagale; yennaa ifi irra garagale waan issaan irra keyamu torba ka worqi'iin hujame dhagge; 13 waan issaan irra keyamu odduulle'etti waan ilma namaa fakkaatu tokko dhagge; inni uffana dheeraa hirba bira gewu uffatee, hidhata worqi'iitiin qoma ifii hidhateera. 14 Mata'aa fi rifeensi isaa adii akka rifeensa hoolee adi'iitii fi adii akka dhakaa bokkeyaa ti; ilti isaalle akka bobe'a ibiddaa fakkaatti. 15 Miilli isaa akka sageettuu dhiillee boolla ibiddaa keessatti finiintee morodantee ittuu ti; qoonqoon isaalle akka shookkessa gootuu bisaanii ti. 16 Harka middichaan urjoota torba qabateera; afaan isaa keessaa shallaagaa§Shallaagaa: Shiifa dheeraa tokko. qara lamaa ka qarametti baya; fuulli isaalle akka aduu orra'aa ifa.
17 Yennaa isa dhagge akka nama du'ee te'ee miila isaa jallatti jige. Inni ammoo harka ifii middicha ana irra keyee, «Hin sodaatin! Ka duraatii fi duubaalle ana;Mudh. 2:8; 22:13 18 ani Jiraata'a; ani du'eeraayyu, amma ammoo baraa haga bara baraa jiraadha; furtuun du'aa fi balbala addee worri du'e jiru bantu harka kiyya jirti. 19 Maarre waan dhaggite, waan amma jiruu fi waan kanaan duuba te'u barreessi. 20 Hiikkaan dhossaa urjoota torbaatii fi wonna issaan irra keyamuu ka worqi'iin hujame torbaa, ka ati harka kiyya middichatti dhaggitee kana: Urjooti torba ergantoota Waaqaa ta wolde'oota kiristaanaa torbaa ti; wonni issaan irra keyamu ka worqi'iin hujame torba, wolde'oota kiristaana torba.

*^ Uttisiisa: jajjabeessiisa

^ Okol-gombisaan: Dubbii woyiin fakkeessanee dubbatanu

1:6 Mudh. 5:10

1:7 Mat. 24:30; Mar. 13:26; Luq. 21:27; 1 Tas. 4:17; Yoh. 19:34,37

1:10 Tultulla'aa: Magalataa

§1:16 Shallaagaa: Shiifa dheeraa tokko.

1:17 Mudh. 2:8; 22:13