12
Dubartitti'ii Fi Bineensa Jawwee Fakkaatu
Kancirri guddaan tokko ol-gubba'atti mudhate; dubartiin aduu uffattee, ji'a miila jala keyattee, kallacha urjoota kudha lamaa*Kallacha urjoota kudha lamaa: Urjoota kudha lama akka kallachaa keyatteertu mata'atti keyatteertu takka mudhatte. Isiin ulfa qaddi; yennaa deyiisaaf ciniinsifattu, ciniinsu'uun rakkattee iyyite. Kancirri dhibiille ol-gubba'atti mudhate; jawweenJawween: Muusageessi, bineensi akka jawwe'ee guddoon diintuun, ta mataa torbaa, ta gaafa kudhan qadduu fi kallacha torba mata'atti keyatteertu takka mudhatte. Eegeen isi'ii urjoota harka sad keessaa harka tokko ol-gubba'aa harkittee gad lafatti qolaansite. Jawween sun, akkuma dubartittiin deetteen mucaa isiin deettu liqinsiisaaf, isii deya geette dura dhaabbatte. Isiin ilma gosa biyya maraa ulee sibiilaa ta bokku'uutiin bulchu deette; mucaan gara Waaqaatii fi gara barcumaa mootummaa ifii ol fudhatame. Dubartittiille, gara addee Waaqi akka isiin guyyaa kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi jaatamaaf, waan ittiin leetu dhaggattuufWaan ittiin leetu dhaggatuuf: Kunuunfantuuf qopheessee, gara lafa goomole'ee baqatte.
Kanaan duuba ol-gubbaalle'etti lolli ka'e. Mikaa'elii fi ergantooti isaa jawwee san lolane; jawwe'ee fi ergantuun isi'iille deebisane isaan lolane; te'uu malee jawwe'ee fi ergantooti isi'ii injifatamane; addee ol-gubba'atti qabanulle dhabane. Jawween guddoon gad qolaanfante; isiin Diyaabiloosii yookiin Seexana biyya lafaa duudii wollaalchise jedhamu, dhudhuufaa bara durii ti. Isiin gad gara lafaa qolaanfante; ergantooti isi'iille isii woliin qolaanfante. 10 Anille ol-gubbaa keessaa qoonqoo guddoo dhage'e; isiilleen,
«Amma fayyinni, hunni, mootummaan Waaqa keennaatii fi
baalliin Kiristoosii isaa dhutteerti.
Himattooti obboleeyyan teennaa,
ta halkanii fi guyyaa Waaqa keenna duratti
isaan himataa turtelle gad qolaanfanteerti.
11 Obboleeyyan teennalle,
dhiiga Hoolichaatii fi jecha dhugaa bayiisa ifiitiin
isa mowataneeran;
lubbuu ifii adoo hin jaalatin
du'aaf dabarsanee ifi kennaneeran.
12 Maarre yoona ol-gubbootii fi
worri isaan keessa leetanu gammada'a!
Lafaa fi abbaayaa guddo'o, isiniif ammoo aanne'e!
Sababille Seexanni yennaa gabaadduu callaa akka qabu beekee,
mufii gudda'aan gadi gara keessan dhufeera» jedhe.
13 Jawween sun gara lafaatitti akka gad qolaanfante yennaa beette, dubartittii ilma deette san ari'utti kaate. 14 Dubartittiin ammoo gara lafa goomole'ee, addee itti woggaa sadii fi wodhakka'aaf waan ittiin leetu dhaggattu sanii, akka koolaan kaatuuf koolli risaa guddichaa lama isi'iif kenname. 15 Achiin duuba jawween sun akka dubartiin sun lola'aan fudhatantuuf, bisaan akka lagaa, afaan ifii keessaa, dudda isi'ii duubaan gadi naxxe. 16 Latti ammoo dubartittii gargaarte; afaan ifii bantee laga jawween afaan ifii keessaa gadi naxxe san liqinsite. 17 Jawween sunille dubartii sanitti aartee, ijoollee isi'ii ta hatte woliin loliisaaf dhaxxe; isaan worra ajaja Waaqaa eeggatuu fi dhugaa baya Yesuusii qabatu. 18 Jawween sun maansa cinaa abbaaya'aa irra dhaabbatte.

*12:1 Kallacha urjoota kudha lamaa: Urjoota kudha lama akka kallachaa keyatteertu

12:3 Jawween: Muusageessi, bineensi akka jawwe'ee

12:6 Waan ittiin leetu dhaggatuuf: Kunuunfantuuf