15
Ergantoota Waaqaa Torbaa Fi Balaa Torba 
  1 Achiin duuba beessisa gudda'aa fi kancira te'e tokkolle ol-gubba'atti dhagge. Ergantoota Waaqaa ta balaa muumme'ee torba qabatteertu dhagge; mufiin Waaqaa isaaniin waan muummottuuf, ka muumme'ee jedhamane.   
 2 Ammalle waan ibiddaan makameeru ka abbaayaa daaw'iti'ii fakkaatu tokko dhagge; worra bineensa, fakki'ii fi laakkossa maqaa isaa injifateerulle, cinaa abbaayaa sanii dhaabbataneeranuun dhagge. Isaanille kiraara guddicha Waaqa biraa kenname qabatanee,   3 faaruu garbicha Waaqaa ka Muuse'eetii fi Ka Hoolichaa faarfatanee,  
«Waaqa Goottaa waan mara dandeettu,  
hujiin teeti guddo'oo fi baasa!  
Ati mootii gosa biyya adda addaa*Mootii gosa adda addaa: Woraabbiin gariin mootii bara baraa jedha,  
karaan keeti qajeela'aa fi dhuga'a!   
 4 Gootta'a! Nami si hin sodaanne,  
ka maqaa keetille hin guddinne eennu?  
Si calla'attuu woyyicha;  
hujiin†Hujii: Muraan teeti balchittiin waan mudhatteef,  
gosi biyya adda addaa mara dhufee,  
si'iif hin sagada» jedhane.   
 5 Kanaan duuballe'etti waan dhibii dhagge. Galmi Waaqaa ka ol-gubba'aa, ka dunkaanii dhugaa bayaa jedhamu baname;   6 ergantooti Waaqaa ta balaa torba qabatteertu, Galma Waaqaa keessaa gadi bayane; isaan woyaa quncee talba'aa irraa hujante, adii calalaxxu uffatanee qoma ifiille hidhata worqi'iitiin hidhataneeran.   7 Achiin duuba dada lubbuu qaddu afur keessaa tokkochi, qorii worqi'ii torba ta mufii Waaqa bara baraa haga bara baraa jiraatuutiin guutanteertu, ergantoota Waaqaa torba sanii kenne.   8 Galmi Waaqaa sunille aara ulfinnaa fi hunna Waaqaatiin guutame; haga balaan torba ka ergantoota Waaqaa torbaa muummottutti, eennulle gara Galma Waaqaa seeniisaaf hin dandeenne.