Ergaa Phawuloos
Gara Worra Rooma'aa Erge
Seensa
Ergaan Phawuloosii ta gara worra Rooma'aa barreeffante, Phawuloos wolde'a kiristaanaa ka Roomaa jiru dhaqee ilaaliisaaf yaada waan qabuuf, qophowanee akka isa eeganuuf barreeffante. Yaad Phawuloosii wolde'a kiristaanaa ka Roomaa keessa jiru woliin yennaa diqqoo hujeen duuba, qarqaarsa isaaniitiin, gara Ispeenii dhaqiisa. Marroo dhugeeffannaa kiristaanaa waan isaa galeeruu fi kiristaanoti le'ii isaanii keessatti hujii irra akka oolfatanu itti himiisaaf barreesse. Ergaan Phawuloosii haala guutu'uun ergaa tana keessatti dhagganti.
Phawuloos dhugeeffattoota Rooma'atti dhaggamanuuf nageya ergee, akka daadimatuufille addii isaaniif kenneen duuba, handhurti yaada isaa, «Wongeelli Waaqi dhugeeffanna'aan namoota akka balchoonsu jalqabaa haga dhumaatitti mudhisa» (1:17).
Kanaan duuba Phawuloos yaaduma kana badhisiisaan barreessa. Worri Yihudootaatii fi worri Yihudoota hin te'inille, ilmaan namootaa duudiin, cubbuu jala waan jiranuuf, Waaqa woliin araaramuu isaan barbaachisa. Yesuus Kiristoositti dhugeeffatiisaan, namooti Waaqa woliin araaramuu dande'an. Firooma haareya Waaqa woliin godhatane kana ka fide, jiruu haareya Kiristoos woliin tokko te'ane kana akka te'e Phawuloos himeera. Dhugeeffataan Waaqa woliin nageya qaba. Ayyaana Waaqaatiin cubbu'uu fi du'a jalaa bayeera. Foorota 5-8 keessatti Phawuloos yaada Seera Waaqaatii fi le'ii dhugeeffata'aa keessatti hunna Ayyaana Waaqaa akeeka. Achiin duuba Phawuloos, «Karoora Waaqi sanyii namaatiif qabu keessatti Yihudootaa fi worri Yihudoota hin te'in attam wolii galuu dande'an?» gaaffii jettu woliin wodhaantoo qabata.
Ammalle Yihudooti Yesuus fudhatuu dhabiisi karoora Waaqaa akka teete mudhisa; sababille haala kanaan sanyiin ilmaan namaa marti badhaadha Waaqi Yesuus Kiristoosiin mudhise keessa dabaruu dandeetti; teetuu male, yennaan Yihudooti Yesuus fudhatanu akka dhufu'uu jirtu Phawuloos hin dhugeeffata; dhuma irratti Phawuloos le'ii kiristaanaa attam akka le'uu malane, keessattuu dhugeeffattooti tokkummaa wol wolii qabanu keessatti, karaa jaalalaa hordofiisa akka barbaachisu hima; marroo Waaqa tajaajiliisaa, kiristaanoti biyya ifiitii fi wol wolii ifiitiif itti gaafatama qabanuu fi gaaffii wodanaa namaa keessatti kaatu, tokko tokkoon hima.
Haadhoo Dubbi'ii
Itti seensa Yaada jabaa kitaaba kana keessaa1:1-17
Fayyinni ilma namaatiif barbaachisaa akka te'e 1:18—3:20
Karaa Waaqi itti fayyisu3:21—4:25
Jiruu haareya Kiristoosiin dhaggantu5:1—8:39
Karoora Waaqi Israa'eliif qabu9:1—11:36
Hujii kiristaanumma'aa12:1—15:13
Yaada buufataatii fi nageya15:14—16:27
1
Ana Phawuloosii tajaajilaa Yesuus Kiristoosii te'ee fi ergamaa te'iisaaf waamamee, Oduu Gammadaa ta Waaqaa akka lallabuuf Waaqi file irraa: Oduun Gammadaa tun akkuma Barreeffama Woyyicha keessatti barreeffante, ta Waaqi bara heddu'uun duratti karaa raagota ifiitiin waadaa gale. Oduun Gammadaa marroo Ilma isaa, Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii, namoomaan sanyii Daawitii keessaa dhalatee dubbatti; akkasuma Goottaan keenna Yesuus Kiristoos Ayyaana Woyyichaan*Ayyaana Woyyichaan: Ayyaana woyyummaa ifiitiin du'a keessaa ka'iisaan, Ilma Waaqaa akka te'e hunna guddo'oon beekkameera. Karaa isaatii fi maqaa isaatii jedhee, worri Yihudoota hin te'in mara akka dhugeeffatuu fi ajajamu, akka ani qajeelchuuf badhaadha ergamaa te'iisaa, Waaqi naaf kenneera. Isinille worri Roomaa keessaa, ka Yesuus Kiristoosii akka teetanuuf Waaqi waameera.
Maarre isin worra Roomaa keessa leetanu, ka Waaqi jaalatee akka kolbaa isaa teetanuuf waame maraaf:
Waaqi Abbaan keennaa fi Goottaa Yesuus Kiristoos badhaadhaa fi nageya kennu.
Daadimata Galataa
Duraan dursee, dhugeeffannaan teessan biyya lafaa maratti waan dhage'amiisatti jirtuuf, karaa Yesuus Kiristoosiitiin isin maraaf Waaqa kiyya galateeffadha. Waaqi ani gadhaa tokkochaan Oduu Gammadaa ta marroo Ilma isaa dubbattu lallabiisaan tajaajilu, akka ani yennaa mara daadimannaa tiyyaan isin qaabadhu dhugaa tiyya. 10 Waaqi fedha ifiitiin dhuma irratti akka ani amma dhufee isin dhagguuf akka na dandeessisu gaafadha. 11 Isin jajjabeessiisaaf, eebba Ayyaanaa isiniin geyiisaaf, ani isin dhaggiisaaf guddoo barbaadeera. 12 Isin dhugeeffannaa tiyyaan anille dhugeeffannaa teessaniin, nuuti lamaanuu akka wol jajjabeessinu jechuu kiyya.
13 Obboleeyyan tiyya! Ani akkuma worra Yihudoota hin te'in oddu'utti dhugeeffattoota hedduu dhagge, isin odduulle'etti dhugeeffattoota dhagguu fedheeraayyu; yennaa hedduu gara keessan dhufiisaaf karoorfadhee, ammoo akka naaf hin te'in akka beettanu barbaada.HuE. 19:21 14 Ani kolbaa maraaf, worra Giriikootaatii fi worra Giriikoota hin te'iniifille, qaroole'ee fi gowwoole'eefille itti gaafatama qaba. 15 Maarre ani isin worra Roomaa keessa leetanuufille, Oduu Gammadaa lallabiisaaf halchaa qaba.
Hunna Oduu Gammadaa
16 Ani Oduu Gammadaatitti hin fokkifadhu; Oduun Gammadaa worra dhugeeffatu mara: duraan dursitee Yihudoota, akkasuma worra Yihudoota hin te'in mara fayyisiisaaf hunna Waaqaa ti.Mar. 8:38 17 «Balchaan dhugeeffanna'aan jiruu dhaggata» jedhantee barreeffanteerti; balchummaan Waaqaa huji'iin waan mudhatteef, jalqabaa haga dhumaatitti nami dhugeeffanna'aan balchooma.
Yakkaa Ilmaan Namaa
18 Waaqa sodaa dhabiisaa fi hammeenna kolba'aa, ka hammeenna ifiitiin dhugaa mudhii dhoogganu irratti, ol-gubbaa irraa mufiin Waaqaa mudhatteerti. 19 Waan namooti marroo Waaqaa beekiisaaf dande'anu, Waaqinuu waan isaanitti mudhiseeruuf, isaanitti mura. 20 Biyyi lafaa haga dadantee jalqabee adabi isaa, jechuulle hunni isaa ta bara baraatii fi Waaqummaan isaa ilatti ta hin mudhanne, karaa waan inni dadeetiin mudhattee hubatanteerti; maarre namooti waan itti aalatanu hin qabanu. 21 Isaan Waaqa adoo beekaneeranu, ulfinnaa fi galata isaaf male hin kennineef; yaada ifiitille'een shufuroo te'ane; qalbiin isaanii duwwaan sun dukkanootte. 22 Qaroolee ifiin jedhan, ammoo isaan gowwoole'e; 23 ulfinna Waaqa hin duuneef kennuu malane, fakkii nama du'uutiif yookiin sinbirrootaatiif yookiin bineensota miila afuriitiif yookiin bineensota lafa irra lowanuutiif kennane.
24 Tanaaf akka isaan nafa wolii irratti waan fokkisiisu godhanuuf, halchaa isaanii badduu ta battumma'aan guutanteef akka bitamanu Waaqi dabarsee isaan kenne. 25 Sababille isaan dhugaa Waaqaa dharatti jijjiirane; Waaqa dade waaqonfatiisa irra waan Waaqi dade waaqonfatanee tajaajilane; Waaqi ammoo haga bara baraa ka galateeffame! Ameen.
26 Isaan kana waan hujaneef, Waaqi halchaa fokkisiittuuf dabarsee isaan kenne. Dubartiin isaanii aadaa malee dubartii woliin sagaagalte. 27 Akkasuma dhiirtille wol qunnamtii aada'aa ta dubartii woliin gootu lakkittee, halchaa wol woliitiin gubatte. Tanaaf dhiirti dhiira woliin waan fokkisiisu goote; hujii badduu ifiitiif adabbii malte ifitti fidane. 28 Namooti Waaqa beekiisa waan didaneef, Waaqi qalbii jallaametti'iif dabarsee isaan kenne; tanaaf isaan waan hujiisaaf hin malle hujan. 29 Isaan balleessaa adda addaatiin, hammeennaan, joljolaan, hujii gadhe'een, hinaaffa'aan, ijjeecha'aan, lolaan, sobaa fi dabaan guutamane. Akkasuma wol hamatan, 30 maqaa wol balleessan, Waaqa jibban, wol arrassan, hin bondhooran, ifi saadan, karaa heddu'uun hammeenna barbaadan, worra ifiitiif hin ajajamanu, 31 hin qalbeeffatanu, waan dubbatanu hin guutanu, woli hin jaalatanu yookiin woliif naasuu hin qabanu. 32 Isaan Seera Waaqaa ka, «Worra waan akkasii godhu maraaf du'atti male» jedhu hin beekan. Te'uu malee, waan akkasii mara godhiisa qofa adoo hin te'in, worra waan akkasii godhulle'een, «Dansaa gootane» jedhan.

*1:4 Ayyaana Woyyichaan: Ayyaana woyyummaa ifiitiin

1:13 HuE. 19:21

1:16 Mar. 8:38