11
Marartii Waaqi Israa'eliif Qabu
Ani hin gaafadha: Waaqi kolbaa ifii gateeraa ree? Ijjumaa hin ganne! Aninuu nama Israa'elii ti; sanyii Abrahaamii keessaa gosa Beniyaamii ti. Waaqi kolbaa dursee fooyate hin ganne. Marroo Eliyaasii, ka Israa'eliin mormee Waaqa itti daadimatee, waan Barreeffam Woyyichi jedhu, isin hin beettanuu? Inni, «Gootta'a! Isaan raagota teeti ijjeesaneeran, addee ciinca'aa keeti diiganeeran; na qofatti hafe; lubbuu tiyyalle barbaadiisatti jiran» jedha. Deebiin Waaqi isaaf kenne ta maan jettu? «Ani namoota waaqa dharaa ka Ba'aali jedhamuuf hin jilbiiffanne kuma torba ifiif hamburadheera» ta jettu. Bara ammaa kanalle akkasuma baraareen Waaqi badhaadha ifiitiin fooyate hin jirti. Fooyati isaa waan isaan hujaneeranu irratti adoo hin te'in, badhaadha isaa irratti hundaya. Yoo fooyati Waaqaa waan kolbaan hujju irratti hundaye, badhaadhi isaa badhaadha dhuga'aa te'uu hin dande'u.
Maan te'inna ree? Kolbaan Israa'elii waan barbaaddu hin dhagganne. Worri dhaggatane worra diqqaa Waaqi fooyate qofaayyu; worri kuun waamicha Waaqaatiif gurra duudane. Tunille tama Barreeffam Woyyichi,
«Waaqi qalbi'ii fi gadhaa isaanii dilleesse;
haga adhaalle ilaan hin dhagganu;
gurralle'een hin dhage'anu» jedhu.
Daawitille,
«Qoriin isaanii tiyyoo qadduu fi
gufuu itti teetee isaan farrisiittu.
10 Akka hin dhaggine
ilti isaanii dukkanoottu;
goorri*Goorri: Duddi isaaniille yennaa mara rakko'oon gad gogu» jedhu.
11 Ammalle ani hin gaafadha: Yihudooti yennaa gufatane, akka jiganee hafanuuf ree? Ijjumaa waawwo'o; sababa Yihudooti Seera cassaneef worri Yihudoota hin te'in fayyinna dhaggate; worra Yihudoota hin te'in irratti akka Yihudooti hinaafanuuf tun teete. 12 Seera cassiisi Yihudootaa biyya lafaatiif eebba guddaa yoo te'e, jinnanni isaaniille worra Yihudoota hin te'iniif durummaa yoo te'e, adoo Yihudooti fayyanee fa'a eebba caalu attamiititti te'a ree!
Fayyinna Worra Yihudoota Hin Te'inii
13 Ani amma isin worra Yihudoota hin te'initti dubbadha: ani ergamaa worra Yihudoota hin te'inii akkuma te'etti, hujii tiyyatti hin boona. 14 Gosa tiyya hinaassisee, isii keessaa gariin akka fayyitu godhiisaaf tana godha. 15 Yennaa Waaqi isaan gate, eega kolbaan biyya lafaa ta dhibiin Waaqa woliin araarante, yennaa Waaqi isaan fudhatu maanti te'inna laati? Tun qixxee du'aa ka'iisaa ti!
16 Bukoo takkaa irraa diqqoon isi'ii mataa godhantee, Waaqaaf kennante yoo woyyoonte, bukoon duudiinuu woyyuu teeti; akkasuma hiddi muka tokkoolle Waaqaaf kennamee yoo woyyoome, dameeleelle woyyuu hin teeti. 17 Dameeleen ejersa ficha'atti dhaabamee yoo caccadde, dameelee ejersa badda'aa itti qabachiisan. Isin worri Yihudoota hin te'in akka ejersa bada'aa san, eebba isaanii worra qoodamu yoo teetane, 18 Yihudoota akka dameele'ee caccabane san irratti hin koorina'a. Yoo koortane ammoo isin dameelee qofa waan teetaneef, hiddi isin ba'ata malee, isin hidda ba'atuu akka hin dandeenne qaabadha'a.
19 Ati ammoo, «Akka ani addee isi'ii bu'ee itti qabadhuufItti qabadhuuf: Fayyuuf dameeleen sun caccadde» hin jetta fa'a. 20 Sun dhuga'a. Isaan waan dhugeeffatiisa dhabaneef caccabane, ati ammoo waan dhugeeffatteef jabaattee dhaabbatte. Maarre sodaadha'a malee, hin koorina'a. 21 Waaqi Yihudoota dameelee dadante te'ane yoo adde'etti hin lakkisin, adde'etti si lakkisa jettee yaadattaa? 22 Asitti Waaqi attam akka gadhaa laafuu fi attam akka gadhaa jabaatu dhaggina. Inni worra jiganetti gadhaa jabaata, ati gadhi laafummaa isaatiin ka jabaattee jiraattu yoo teete si'iif ammoo gadhaa laafa. Ammoo ati yoo gadhi laafummaa isaatiin jabaattee hin jiraatin, atille irraa hin caccadda. 23 Yihudootille yoo dhugeeffatiisa dhaba isaanii lakkisane, isaan addee dur jiranutti hin deebi'an; sababille Waaqi san godhiisaaf dande'a. 24 Isin worri Yihudoota hin te'in, ka dameelee ejersa badda'aa ta caccadde teetane, ejersaa ficha'atti dhabametti qassiifamuu yoo dandeettane, Yihudooti dadamaan dameelee ejersa ficha'a te'ane, addee ifii duriititti deebi'ane attam qassiifamuu dadhaban ree!
Marartiin Waaqaa Nama Maraaf
25 Obboleeyyan tiyya! Dhugaan dhossa'aa ta akka isin beettanuuf ani barbaadu takkatti jira; isiin, nuuti qaroole'e jettanee yaadiisa irraa isin eeddi. Mataa jabeenni kolbaa Israa'elii akkanumatti hin turu; ammoo worri Yihudoota hin te'in mara gara Waaqaa haga dhufanu qofa tura. 26 Maarre kolbaan Israa'elii marti hin fayyiti. Barreeffam Woyyichi,
«Fayyisaan Xiyoon irraa hin dhufa,
hammeenna sanyii Yaaqoobii irraa hin balleessa.
27 Ani yennaa cubbuu isaanii isaan irraa fuudhu,
gondooroo tana isaan woliin gondooradha» jedha.
28 Yihudooti Oduu Gammadaa waan hin fudhatiniif, bu'aa teessaniif jedhanee diinota Waaqaa te'aneeran. Karaa filanno'ootiin ammoo, sababa abbootii isaaniitiif jaalota Waaqaa ti. 29 Kennansaa fi waamichi Waaqaa hin jijjiiramu. 30 Isin worri Yihudoota hin te'in kanaan dura worra Waaqaaf hin ajajanne; amma ammoo worri Yihudootaa waan ajajamuu didaneef isin marartii Waaqaa dhaggattane. 31 Akkuma isin marartii dhaggattane, isaaniille marartii dhaggatiisaaf, amma ka Waaqaaf hin ajajanne te'aneeran. 32 Waaqi nama maraaf marartii mudhisiisaaf jedhee, ajajamuu diduu jalatti kolbaan mara ta hidhante akka teetu godhe.
Galata Waaqaa Gale
33 Durummaan Waaqaa attam attam guddo'o! Beekkumaa fi qarummaan isaa attam attam gad fagaatti! Muraa isaa qorqoriisa eentu dande'a? Karaa isaa eentu hubatiisa dande'a?
34 Barreeffam Woyyichi,
«Yaada Gootta'aa eentu beeka?
Yookiin eentu gorsa isaaf kennu'uu dande'a ree?
35 Yookiin akka inni deebisee isaaf kennuuf,
eentu kennansa Waaqaaf kenneera ree?» jedha.
36 Sababille wonni maraa isaan dadamee,
karaa isaatii fi isaaf jiraata.
Ulfinni haga bara baraa isaaf te'u! Ameen!1 Qor. 8:6

*11:10 Goorri: Duddi

11:19 Itti qabadhuuf: Fayyuuf

11:36 1 Qor. 8:6