13
Worra Baallii Qabuuf Ajajamiisa
Nami marti worra baallii qabuuf ajajamuu qaba! Sababille baalliin fedha Waaqaatiin malee, hin kennantu; worri amma baallii qabulle Waaqaan muudame. Tanaaf nami worra baallii qabu mormu, waan Waaqi ajaje morma; nami mormulle muraa ifi irratti fida. Worra waan hantuu huju malee, worri waan dansaa huju bulchitoota hin sodaatanu. Ati worra baallii qabu akka hin sodaanne barbaaddaa? Waan dansaa huji; galatalle isaan irraa hin dhaggatta. Worri baallii qabu tajaajiltoota Waaqaa ka waan dansaa si'iif godhanu. Ammoo yoo waan hantuu hujje, isaan sodaadhu; sababille isaan worra toluma shallaagaa hidhateeruu moti. Isaan tajaajiltoota Waaqaa, ka mufii Waaqaa mudhisiisaaf, worra hantuu huju adabanu. Tanaaf nami adabbii Waaqaa qofaaf adoo hin te'in, sababa wodana'aatiif jedhee worra baallii qabuuf ajajamuu qaba. Isin tanaaf gibiralle gabbartan; worri baallii qabulle yennaa waan kana hujii irra oolchu Waaqaaf hujiisatti jira. Waan isaan isin irraa dhaggachu'uuf malane, kenna'aaf; ka gibirri maleef gibira, ka qaraxi maleef qaraxa, ka sodaan malteef sodaa, ka ulfinni maleef ulfinna kenna'a.Mat. 22:21; Mar. 12:17; Luq. 20:25
Wol Jaalatuu
Beenyaa eennuulle hin qabaatina'a; beenyaan isin qabaatuu qaddanu wol jaalatiisa qofa te'uu ti; nami nama jaalatu Seera muummesseera. Ajajooti, «Hin gaarayyeeffatin; hin ijjeesin; hin hatin; hin kajeelin» jedhanuu fi ka dhibiin martinuu, ajaja, «Akka ifi jaalattu nama jaaladhu» jedhuun wolitti qabameera. 10 Nami nama jaalatu, waan hantuu isa irratti ijjumaa hin godhu; tanaaf, nama jaalachuun Seera guutu'u.
11 Yennaan isin hirriibaa dammaxxanu akka geetteertu waan beettanuuf, tana godhuu qaddan. Sababille yennaa itti dhugeeffanne caalaa guyyaan itti fayyinu amma gara keenna dhikaateera. 12 Halkan dabariisa geyeera; guyyaalle dhikaateera. Tanaaf kowa'a hujii dukkanaa lakkinnee, meya woraanaa ka ifaa uffanna. 13 Akka kolbaa ifa guyya'aa keessa leetuutitti, amala keenna miidhaffannuu ti malee, quufanee ficiqqisu'uun yookiin machi'iin, sagaagalaan yookiin fariisa'aan, lolaan yookiin hinaaffa'aan hin te'in. 14 Goottaa Yesuus Kiristoos akka woya'aa uffadha'a malee, halchaa foonii guutatiisaaf hin yaadatina'a.

13:7 Mat. 22:21; Mar. 12:17; Luq. 20:25