11
Jinnana Worra Hin ajajanne
1 Ee, Libaanon!
Ibiddi muka hindheensaa keeti
akka fixuuf
balbala teeti bani!
2 Muki hindheensaa waan jigeef,
isin muki birbirsaa bowa'aatii wiiccifadha'a!
Muki jajjabaan marti badeera!
Gongomaan ciggaan waan cirameef,
ee, qilxaa Baashaanii, bowiitii wiiccifadhu!
3 Addeen horii tiffatanu
waan isaan duraa baddeef,
bowa worwaanata tissitootaa dhage'a'a!
Gongomaan laga Yordaanosii
waan badeef
dhangaa dhowiisa neenqaa dhage'a'a!
Tissitoota Lama
4 Mootiin Waan Maraa Waaqi kiyya anaan, «Hoolee qalmaaf qopheeffanteertu tiffadhu*Tiffadhu: Yookiin bobbaafadh.. 5 Worri isaan bitatu yennaa isaan qaltanu hin adabamanu; worri isaan gurguratelle, ‹Mootiin Waan Maraa leellifamuu ti! Nuuti duroonneera!› jedhan; tissitooti isaaniituu isaaniif hin nayanu; 6 ani haganaa achi worra lafa irra le'u tokkolle'eef hin nayu†Hin nayu: Yookiin hin anjiradhu ; kunoo, ani tokko tokkoo isaaniituu harka olla'aa fi mootii isaaniititti dabarsee hin kenna. Isaan biyya san hin balleessan; anille harka isaanii keessaa isaan hin baasu» jedha.
7 Ani hoolee qalmaaf qopheeffante san, keessattuu worra miicamane saniif tissee te'e; ulee lamaan fuudhe; maqaa takkatti'ii, «Jaalatantuu», ta lammeesso'ootiin, «Tokkummaa» jedhee moggaase; hoolota sanille bobbaase.
8 Ji'a tokko keessatti tissitoota sad ari'e; hooloti na jibbite; anille isaan hifadhe. 9 Tanaaf ani holotaan, «Ani haganaa achii tissee keessan hin te'u. Ka du'anu du'anuu ti. Ka badanu badanuu ti. Ka hafanelle foon woli wolii nyaatanuu ti» jedhe. 10 Achiin duuba gondooroo Mootiin Waan Maraa gosa biyya adda addaa woliin gondoore diigiisaaf, ani ulee tiyya ta, «Jaalatantuu» jedhantu fuudhee casse. 11 Gaafasuma gondooroon diigante. Daldaltooti hoole'ee, ka na dhaggiisatti jiranu, kun jecha Mootii Waan Maraa akka te'e beekane. 12 Ani isaaniin, «Yoo feetane mindaa kiyya naa kenna'a; yoo hin fedhin ammoo lakkisa'a» jedhe. Isaanille mindaa kiyya meetii soddoma naaf kennane.
13 Mootiin Waan Maraa anaan, «Meetii san saanduqa Galma Waaqaa keessa buusi‡Galma Waaqaa keessa buusi: Afaan Ibrootaatiin, «Okkotee nama faara dhowuu keessa buusi» jedha. !» jedhe. Tanaaf, «Mindaa geya'a» jedhanee ka isaan naaf kennane, meetii soddoma san fuudhee, saanduqa Galma Waaqaa keessa buuse. 14 Achiin duuba tokkummaa Yihuda'aatii fi Israa'elii diigiisaaf, ulee tiyya lammeesso'oo ta, «Tokkummaa» jedhantu casse.
15 Itti aansee Mootiin Waan Maraa anaan, «Meya tissitoota gowwoolee sanii fuudhi. 16 Kunoo, ani tissee hoolee baddeef hin yaadanne, ilmoolee badde ka hin barbaanne, ka miidhamane ka hin fayyine, yookiin fayyaaleyyii ka hin tissine biyya irratti hin kaasa; inni ka coomane hin nyaata; qeenca isaaniille hin buqqisa.
17 «Tissee gatii hin qanne,
ka hoolota hin eenneef aanne'e!
Shallaagaan, harka isaa middicha isa irraa kutuu ti!
Ila isaa middittiille keessaa baasuu ti!
Harki isaa ijjumaa goguu ti!
Ilti isaa middittiin ijjumaa badduu ti!» jedhe.