2
Dhufaatii Hafuura Qulqulluu
Yeroo guyyaan Pheenxeqoosxee*Guyyaan Pheenxeqoosxee – Guyyaan kun naannoo caamsaa 20 taʼa; innis guyyaa Yihuudoonni ayyaana haamaa midhaanii itti ayyaaneffatan. Pheenxeqoosxee jechuun “Shantamaffaa” jechuu dha; kunis sababii ayyaanni kun erga ayyaanni Faasiikaa darbee guyyaa shantamaa booddee ayyaaneffamuuf. Ayyaanni kun ayyaanota warri Israaʼel waggaa keessatti ayyaaneffatan gurguddoo sadan keessaa isa tokko. Isaan guyyaa kanatti kennamuu seeraa yaadatu; yeroo ayyaana kanaatti dhiironni Yihuudootaa gara Yerusaalem dhaquun barbaachisaa ture. gaʼetti, hundi isaanii iddoo tokkotti walitti qabamanii turan. Akkuma tasaas sagaleen akka bubbee jabaa bubbisu tokko samii irraa dhufee mana isaan keessa tataaʼaa turan sana hunda guute. Isaanis waan akka arraba ibiddaaWaan akka arraba ibiddaa – Ibiddi mallattoo argamuu Waaqaa ti; murtii Waaqaa wajjinis ni deema. tokko isaa gargar qoodamee dhufee tokkoo tokkoo isaanii irra bubbuʼu argan. Hundi isaaniis Hafuura Qulqulluudhaan guutamanii akkuma hafuurri sun isaan dandeessisetti afaan gara biraatiin dubbachuu jalqaban.
Yeroo sana Yihuudoonni Waaqa sodaatan saboota samii jala jiran hunda keessaa dhufanii Yerusaalem keessa jiraachaa turan. Yeroo sagaleen sun dhagaʼamettis namoonni hedduun waan jedhan dhabanii walitti qabaman; warri Hafuuraan guutaman sun afaan tokkoo tokkoo namoota sanaatiin dubbachaa turaniitii. Isaanis akka malee dinqifatanii akkana jedhan; “Namoonni dudubbatan kunneen hundi warra Galiilaati mitii? Yoos akkamiin tokkoon tokkoon keenya isaanii afaanuma keenya kan nu itti dhalanne dubbatan dhageenya ree? Nu warri Phartee,Phartee – Pharteen naannoo biyya harʼa Iraani jedhamtu keessatti gara kaaba baʼaatti argamtuu dha. warri Meedii§Meedii – Meediin naannoo biyya harʼa Iraan jedhamtu keessatti gara kaaba dhiʼaatti argamtuu dha. fi warri Elaam,*Elaam – biyya harʼa Iraan jedhamtu keessatti gara kaaba dhiʼaatti argamti. jiraattonni Mesophotaamiyaa,Mesophotaamiyaa – Biyya harʼa Iraaq jedhamtu keessatti, laga Xegroosiitii fi laga Efraaxiis gidduutti argamti. warri YihuudaaYihuudaa – naannoon kun Yerusaalem illee ofitti dabalata. fi Qaphadooqiyaa§Qaphadooqiyaa – lafa Asiyaa xinnoo keessatti naannoo baʼaatti, biyya harʼa Turki jedhamtu keessatti argamtuu dha. akkasumas jiraattonni Phonxoosii*Phonxoos – mootummaa gama kibbaatiin qarqara galaana gurraachaa gara caalu qabatu. fi Asiyaa,Asiyaa – biyya Roomaa kan dhiʼa biyya harʼa Turki jedhamtuutti argamtu. 10 FiriigiyaaFiriigiyaa – bulchiinsa gidduu gala dhiʼa Asiyaa xinnoo keessatti kaaba Ajeeniitii fi laga Haaliisi gidduutti argamu. fi Phamfiliyaa,§Phamfiliyaa – biyya Roomaa kan kibba Asiyaa xinnootti biyya harʼa Turki jedhamtu keessatti argamtu. Gibxii*Gibxi – biyya Roomaa kan lafuma harʼa Gibxi jedhamu kana turte. fi kutaawwan biyya LiibiyaaLiibiyaa – Biyya kaaba Afriikaatti argamtu kan gama dhiʼaatiin Gibxitti aantu. kanneen naannoo QareenaattiQareenaatti – Magaalaa guddittii biyya Roomaa kan Qareenikaatii fi kutaa bulchiinsa Liibiyaa. argaman, nu warri Roomaadhaa§Roomaa – Magaalaa guddittii teessoo bulchiinsa mootummaa Roomaa. dhufne, 11 nu Yihuudoonnii fi warri amantii Yihuudootaa fudhanne lamaan, namoonni Qareexii fi Araboonni kunoo yommuu namoonni kunneen afaanuma keenyaan dinqii Waaqaa dubbatan dhageenya!” 12 Hundi isaaniis dinqifatanii, waan jedhanis wallaalanii, “Kun maal jechuu dha?” jedhanii wal gaafatan.
13 Namoonni tokko tokko garuu, “Isaan daadhii wayinii baayʼee dhuganiiru” jedhanii isaanitti qoosan.
Haasaa Phexros
14 Phexrosis ergamoota Kudha Tokkoo sana wajjin kaʼee dhaabate; sagalee isaas ol fudhatee tuuta sanaan akkana jedhe; “Isin yaa namoota Yihuudaatii fi warri Yerusaalem keessa jiraattan hundi, mee waan kana beekaa; waan ani isinitti himu kana hubadhaa dhagaʼaa. 15 Yeroon kun waan guyyaa keessaa saʼaatii sadaffaa taʼeef namoonni kunneen akka isin yaaddan sana hin machoofne! 16 Kun garuu waan Yooʼeel raajichi dubbatee dha; innis akkana jedha:
17 “ ‘Bara dhumaa keessa, jedha Waaqayyo,
ani Hafuura koo nama hunda irratti nan dhangalaasa;
ilmaanii fi intallan keessan raajii dubbatu;
dargaggoonni keessan mulʼata argu;
jaarsoliin keessan abjuu abjootu.
18 Bara sana keessa garboota koo warra dhiiraa fi dubartii irratti illee,
Hafuura koo nan dhangalaasa;
isaanis raajii ni dubbatu.
19 Ani ol samii irratti dinqii,
gad lafa irrattis mallattoo,
dhiiga, ibiddaa fi hurrii aaraa nan argisiisa.
20 Utuu guyyaan Gooftaa inni guddichii fi
ulfina qabeessi sun hin dhufin dura,
aduun dukkanatti geeddaramti;
jiʼi immoo dhiigatti geeddarama.
21 Namni maqaa Gooftaa waammatu,
hundinuu ni fayya.’*Yoe 2:28‑32
22 “Yaa namoota Israaʼel, dubbii kana dhagaʼaa; akkuma isinuu beektan, Yesuus namni Naazreeti nama Waaqni dinqii, raajii fi mallattoo karaa isaatiin isin gidduutti hojjeteen isinii mirkaneessee dha. 23 Namicha kana Waaqatu akkuma dur murteessee fi akkuma duraan dursee beeku sanatti dabarsee isinitti kenne. Isinis namoota hamoo wajjin tokko taatanii fanniftanii isa ajjeeftan. 24 Waaqni garuu dhiphina keessaa isa baasee, warra duʼan keessaa isa kaase; duuti isa irratti aangoo qabaachuu hin dandeenyeetii. 25 Daawitis akkana jedhee waaʼee isaa dubbate:
“ ‘Ani yeroo hunda Gooftaa of duratti nan argan ture.
Waan inni mirga koo jiruuf, ani hin raafamu.
26 Kanaaf garaan koo ni gammada; arrabni koos ni ililcha;
foon koos abdiidhaan jiraata.
27 Ati siiʼool keessatti na hin dhiiftuutii;
qulqullichi kee akka tortoru hin gootu.
28 Karaa jireenyaa na barsiifteerta;
fuula kee durattis gammachuudhaan na guutta.’Far 16:8‑11
29 “Yaa obboloota, akka Daawit hangafni abbootii durii sun duʼee awwaalame, awwaalli isaas hamma harʼaatti asuma akka jiru ani ija jabaadhee isinitti himuu nan dandaʼa. 30 Innis waan raajii tureef akka Waaqni sanyii isaa keessaa nama tokko teessoo isaa irra teessisuuf akka kakatee waadaa galeefii ture beeke. 31 Innis waaʼee duʼaa kaʼuu Kiristoosyookaan Masiihichaa, lubbuun isaa siiʼool keessatti akka hin hafin, yookaan foon isaas akka hin tortorin duraan dursee argee dubbate. 32 Yesuusuma kana Waaqni duʼaa kaaseera; nu hundinuu dhuga baatota waan kanaa ti. 33 Kanaaf inni gara mirga Waaqaatti ol ol jedhee, abdii Hafuura Qulqulluu Abbaa biraa fuudhee waan isin amma argitanii fi dhageessan kana dhangalaase. 34 Daawit gara samiitti ol hin baaneetii; inni mataan isaa garuu akkana jedha:
“ ‘Gooftaan Gooftaa kootiin akkana jedhe;
“Gara mirga koo taaʼi;
35 hamma ani diinota kee
ejjeta miilla keetii siif godhutti.” ’§Far 110:1
36 “Kanaafuu Yesuusuma isin fanniftan kana akka Waaqni Gooftaa fi Kiristoos isa godhe manni Israaʼel hundi dhugumaan haa beeku.”
37 Namoonni sunis yommuu waan kana dhagaʼanitti, garaan isaanii raafamee Phexrosii fi ergamoota kaaniin, “Yaa obboloota, yoos maal haa goonu?” jedhan.
38 Phexrosis akkana jedhee deebise; “Tokkoon tokkoon keessan qalbii jijjiirradhaa; dhiifama cubbuu keessaniitiifis maqaa Yesuus Kiristoosiitiin cuuphamaa; kennaa Hafuura Qulqulluus ni argattu. 39 Abdiin kunis isinii fi ijoollee keessaniif, akkasumas warra Waaqni Gooftaan keenya ofitti waamu kanneen fagoo jiran hundaaf kenname.”
40 Innis dubbii biraa baayʼeedhaan dhugaa baʼee, “Dhaloota jalʼaa kana duraa of oolchaa” jedhee isaan gorse. 41 Warri dubbii isaa fudhatanis ni cuuphaman; gaafas nama gara kuma sadiitu isaanitti dabalame.
Tokkummaa Amantootaa
42 Isaanis barsiisa ergamootaatti, jireenya tokkummaatti, buddeena caccabsuutti, Waaqa kadhachuuttis ni jabaatan. 43 Namni hundinuus sodaan guutame; dinqii fi mallattoon baayʼeen ergamootaan hojjetame. 44 Amantoonni hundinuus wajjin turan; waan hundas walumaan qabu turan. 45 Qabeenya isaaniitii fi miʼa isaaniis gurguranii nama rakkina qabu kamiif iyyuu qoodaa turan. 46 Isaanis guyyuma guyyaan mana qulqullummaatti wal gaʼaa turan; mana tokkoo tokkoo isaaniittis buddeena kukkutanii, gammachuu fi garaa qulqulluudhaan wajjin nyaachaa turan. 47 Waaqas galateeffachaa turan. Namoota hunda durattis ulfina qabu turan. Gooftaanis guyyuma guyyaan warra fayyan waldaa isaaniitti dabalaa ture.

*2:1 Guyyaan Pheenxeqoosxee – Guyyaan kun naannoo caamsaa 20 taʼa; innis guyyaa Yihuudoonni ayyaana haamaa midhaanii itti ayyaaneffatan. Pheenxeqoosxee jechuun “Shantamaffaa” jechuu dha; kunis sababii ayyaanni kun erga ayyaanni Faasiikaa darbee guyyaa shantamaa booddee ayyaaneffamuuf. Ayyaanni kun ayyaanota warri Israaʼel waggaa keessatti ayyaaneffatan gurguddoo sadan keessaa isa tokko. Isaan guyyaa kanatti kennamuu seeraa yaadatu; yeroo ayyaana kanaatti dhiironni Yihuudootaa gara Yerusaalem dhaquun barbaachisaa ture.

2:3 Waan akka arraba ibiddaa – Ibiddi mallattoo argamuu Waaqaa ti; murtii Waaqaa wajjinis ni deema.

2:9 Phartee – Pharteen naannoo biyya harʼa Iraani jedhamtu keessatti gara kaaba baʼaatti argamtuu dha.

§2:9 Meedii – Meediin naannoo biyya harʼa Iraan jedhamtu keessatti gara kaaba dhiʼaatti argamtuu dha.

*2:9 Elaam – biyya harʼa Iraan jedhamtu keessatti gara kaaba dhiʼaatti argamti.

2:9 Mesophotaamiyaa – Biyya harʼa Iraaq jedhamtu keessatti, laga Xegroosiitii fi laga Efraaxiis gidduutti argamti.

2:9 Yihuudaa – naannoon kun Yerusaalem illee ofitti dabalata.

§2:9 Qaphadooqiyaa – lafa Asiyaa xinnoo keessatti naannoo baʼaatti, biyya harʼa Turki jedhamtu keessatti argamtuu dha.

*2:9 Phonxoos – mootummaa gama kibbaatiin qarqara galaana gurraachaa gara caalu qabatu.

2:9 Asiyaa – biyya Roomaa kan dhiʼa biyya harʼa Turki jedhamtuutti argamtu.

2:10 Firiigiyaa – bulchiinsa gidduu gala dhiʼa Asiyaa xinnoo keessatti kaaba Ajeeniitii fi laga Haaliisi gidduutti argamu.

§2:10 Phamfiliyaa – biyya Roomaa kan kibba Asiyaa xinnootti biyya harʼa Turki jedhamtu keessatti argamtu.

*2:10 Gibxi – biyya Roomaa kan lafuma harʼa Gibxi jedhamu kana turte.

2:10 Liibiyaa – Biyya kaaba Afriikaatti argamtu kan gama dhiʼaatiin Gibxitti aantu.

2:10 Qareenaatti – Magaalaa guddittii biyya Roomaa kan Qareenikaatii fi kutaa bulchiinsa Liibiyaa.

§2:10 Roomaa – Magaalaa guddittii teessoo bulchiinsa mootummaa Roomaa.

*2:21 Yoe 2:28‑32

2:28 Far 16:8‑11

2:31 yookaan Masiihichaa

§2:35 Far 110:1