Ibroota
1
Dubbii Waaqayyoo Kan Xumuraa: Ilma Isaa
1 Bara durii Waaqni yeroo baayʼee fi karaa adda addaatiin raajotaan abbootii keenyatti dubbatee ture; 2 bara dhumaa kana keessa garuu Ilma isaa kan inni dhaaltuu waan hundumaa godhee muudeen nutti dubbate; isumaanis addunyaawwan uume. 3 Ilmi calaqqisa ulfina Waaqaa ti; eenyummaa Waaqaas akkuma jirutti mulʼisa; dubbii isaa humna qabeessa sanaanis waan hunda hirkisee baata. Innis erga cubbuu keenya nurraa qulqulleessee booddee samii irra mirga Waaqa ulfina qabeessa sanaa taaʼe. 4 Akkuma maqaan inni dhaale sun kan ergamootaa caalaa guddaa taʼe sana innis ergamoota caalaa guddaa dha.
Ilmi Ergamoota Caaluu Isaa
5 Waaqni ergamoota keessaa isa kamiin,
“Ati Ilma koo ti;
ani harʼa si dhalcheera”*Far 2:7
Yookaan isa kamiin,
“Ani isaaf Abbaa nan taʼa;
innis Ilma naa taʼa”†2Sm 7:14; 1Sn 17:13
jedhee beeka? 6 Akkasumas Waaqni yommuu Ilma isaa hangafa gara addunyaa kanaatti ergutti,
“Ergamoonni Waaqaa hundi isa haa waaqeffatan”‡Far 104:4
jedha. 7 Yommuu waaʼee ergamootaa dubbatus,
“Inni ergamoota isaa hafuurota,
tajaajiltoota isaa immoo arraba ibiddaa godhaӤFar 104:4
jedha. 8 Waaʼee Ilmaa garuu akkana jedha;
“Yaa Waaqayyo, teessoon kee bara baraa hamma bara baraatti ni jiraata;
bokkuun qajeelummaas bokkuu mootummaa keetii ni taʼa.
9 Ati qajeelummaa jaallatte; jalʼina immoo ni jibbite;
kanaafuu Waaqayyo Waaqni kee zayitii gammachuutiin si dibee,
hiriyoota kee si caalchise.”*Far 45:6,7
10 Akkasumas inni akkana jedha;
“Yaa Gooftaa, ati jalqabatti lafa hundeessite;
samiiwwanis hojii harka keetii ti.
11 Isaan ni badu; ati garuu ni jiraatta;
hundumti isaanii akkuma uffataa ni moofaʼu;
12 ati akkuma wayyaatti isaan marta;
isaan akkuma uffataatti geeddaramu;
ati garuu sanuma;
umuriin kees gonkumaa dhuma hin qabu.”†Far 102:25‑27
13 Waaqni ergamoota keessaa isa kamiin,
“Hamma ani diinota kee ejjeta miilla keetii godhutti,
gara mirga koo taaʼi”‡Far 110:1
jedhe? 14 Ergamoonni hundinuu hafuurota tajaajilan kanneen warra fayyina dhaalan tajaajiluuf ergaman mitii?