2
Yesuus Bishaan Gara Daadhii Wayiniitti Geeddaruu Isaa
1 Guyyaa sadaffaatti Qaanaa Galiilaa keessa cidha gaaʼelaatu*Cidha gaaʼelaatu – Cidhi gaaʼelaa torban tokko guutuu fudhata ture. ture. Haati Yesuusiis achi turte; 2 Yesuusii fi barattoonni isaa gara cidha sanaatti waamamanii turan. 3 Yommuu Daadhiin wayinii dhumetti haati Yesuus, “Jarri daadhii wayinii hin qaban” isaan jette.
4 Yesuus immoo deebisee, “Dubartii nana! Maal godhi naan jetta? Yeroon koo amma illee hin geenye” jedheen.
5 Haati isaas tajaajiltootaan, “Waanuma inni isinitti himu hunda godhaa” jette.
6 Gaaniiwwan dhagaa jaʼa sirna qulqulleessuu Yihuudootaatiif achi dhaabamanii turan; tokkoon tokkoon isaaniis gara liitiroo 75 hamma 115 qabata ture.
7 Yesuus tajaajiltootaan, “Gaaniiwwanitti bishaan guutaa” jedhe; isaanis hamma afaan gaaniiwwaniitti guutan.
8 Innis, “Egaa budduuqsaatii abbaa cidhaatti kennaa” jedheen.
Isaanis akkasuma godhan; 9 abbaan cidhaas bishaan gara daadhii wayiniitti geeddarame sana afaaniin qabee ilaale. Daadhiin wayinii sun eessaa akka dhufe tajaajiltoota bishaan waraabanitu beeka malee abbaan cidhaa sun hin beeku ture. Innis misirricha waamee 10 akkana jedheen; “Namni hundi daadhii wayinii isa gaarii jalqabatti dhiʼeessee, erga keessumoonni machaaʼanii booddee immoo daadhii isa laafaa dhiʼeessa; ati garuu daadhii gaarii hamma ammaatti tursite.”
11 Yesuus mallattoowwan isaa keessaa isa jalqabaa kana Qaanaa Galiilaa keessatti hojjete. Ulfina isaas ni mulʼise; barattoonni isaas isatti amanan.
Yesuus Mana Qulqullummaa Qulqulleessuu Isaa
2:14‑16 kwf – Mat 21:12,13; Mar 11:15‑17; Luq 19:45,46
12 Kana booddees inni haadha isaa, obboloota isaatii fi barattoota isaa wajjin Qifirnaahomitti gad buʼe. Isaanis guyyoota muraasa achi turan.
13 Yesuusis waan Faasiikaan Yihuudootaa dhiʼaateef Yerusaalemitti ol baʼe. 14 Mana qulqullummaa keessattis warra loon, hoolotaa fi gugee gurguratanii fi warra taaʼanii maallaqa geeddaran arge. 15 Innis quncee irraa qaccee dhaʼatee nama hundumaa hoolotaa fi loon wajjin mana qulqullummaa keessaa ariʼe; saantima warra maallaqa geeddaraniis bittinneesse; minjaala isaaniis garagalche. 16 Warra gugee gurguraniinis, “Kana hunda asii baasaa! Mana Abbaa koo mana daldalaa hin godhinaa!” jedhe. 17 Barattoonni isaas, “Hinaaffaan mana keetii na gugguba”†Far 69:9 jedhamee akka barreeffame yaadatan.
18 Yihuudoonnis deebisanii, “Kana hunda hojjechuuf akka taayitaa qabdu mirkaneessuuf mallattoo maalii nutti argisiisuu dandeessa?” jedhanii isa gaafatan.
19 Yesuus, “Mana qulqullummaa kana jigsaa; ani immoo guyyaa sadiitti olin dhaabaa” jedhee deebiseef.
20 Yihuudoonnis deebisanii, “Mana qulqullummaa kana ijaaruun waggaa afurtamii jaʼa fudhate; ati immoo guyyaa sadii keessatti ol dhaabdaa?” jedhaniin. 21 Manni qulqullummaa kan inni waaʼee isaa dubbate sun garuu dhagna isaa ti. 22 Erga inni duʼaa kaʼee booddee barattoonni isaa waan inni dubbatee ture sana yaadatan. Isaanis Katabbii Qulqulluu fi dubbii Yesuus dubbate amanan.
23 Yeroo inni Ayyaana Faasiikaatiif jedhee Yerusaalem turetti namoonni baayʼeen mallattoo inni hojjete arganii maqaa isaatti amanan. 24 Yesuus garuu waan nama hunda beekuuf, amanee isaanitti of hin dhiifne. 25 Akka namni tokko iyyuu waaʼee namaa isaaf dhugaa baʼu isa hin barbaachifne; inni waan nama keessa jiru beeka tureetii.