6
Rakkataaf Waa Kennuu
“Akka isaan isin arganiif jettanii ‘Hojii qajeelummaa’ keessan fuula namootaa duratti akka hin hojjenneef of eeggadhaa. Yoo akkas gootan abbaa keessan kan samii irraa biraa gatii hin qabaattaniitii.
“Kanaafuu ati yommuu warra rakkataniif waa kennitutti akka fakkeessitoonni namoota biratti jajamuuf jedhanii manneen sagadaa keessattii fi karaa irratti godhan sana malakataan hin labsatin. Ani dhuguman isinitti hima; isaan gatii isaanii argataniiru. Yeroo ati rakkattootaaf waa kennitutti garuu waan harki kee mirgaa godhu, harki kee bitaa hin beekin; kunis akka kennaan kee dhoksaan taʼuuf. Abbaan kee inni waan dhoksaatti hojjetamu argu sun ifaan ifatti gatii siif kenna.
Kadhannaa
6:9‑13 kwf – Luq 11:2‑4
“Isin yommuu kadhattan akka fakkeessitootaa hin taʼinaa; isaan namatti mulʼachuuf jedhanii manneen sagadaa keessaa fi golee karaa irra dhaabatanii kadhachuu jaallatuutii. Ani dhuguman isinitti hima; isaan gatii isaanii argataniiru. Ati garuu yeroo kadhattu mana keetti ol gali; balbala cufadhuutii Abbaa kee isa hin mulʼanne sana kadhadhu. Abbaan kee inni waan dhoksaatti hojjetamu argu sun ifaan ifatti gatii siif kenna. Isinis yommuu kadhattan akka ormootaa dubbii faayidaa hin qabne irra hin deddeebiʼinaa; isaan baayʼina dubbii isaaniitiin waan isaaniif dhagaʼamu seʼu. Isin akka isaanii hin taʼinaa; abbaan keessan utuma isin hin kadhatin iyyuu waan isin barbaachisu ni beekaatii.
“Egaa akkana jedhaa kadhadhaa:
“ ‘Yaa Abbaa keenya kan samii irra jirtu,
maqaan kee haa qulqullaaʼu;
10 mootummaan kee haa dhufu;
fedhiin kee akkuma samii irratti taʼe sana,
lafa irrattis haa taʼu.
11 Buddeena keenya kan guyyuma guyyaa harʼa nuu kenni.
12 Akkuma nu warra yakka nutti hojjetaniif dhiifnu sana,
atis yakka keenya nuuf dhiisi.
13 Isa hamaa jalaa nu baasi malee qoramatti nu hin galchin.’*Akka Giriikotaatti qoramatti jechuun qormaatatti jechuu.
Mootummaan, humni, ulfinnis bara baraan kan kee ti.
Ameen.Yookaan isa hamaa jalaa hiikkaawwan durii tokko tokko jecha isa / Mootummaan, humni, ulfinnis bara baraan kan kee ti. Ameen jedhu hin qaban.
14 Yoo isin namootaaf cubbuu isaanii dhiiftan, Abbaan keessan inni samii irraas akkasuma isiniif dhiisaatii. 15 Yoo isin namootaaf cubbuu isaanii dhiisuu baattan garuu, Abbaan keessanis akkasuma cubbuu keessan isiniif hin dhiisu.
Sooma
16 “Isin yommuu soomtanitti akka fakkeessitootaa fuula hin dukkaneeffatinaa; isaan akka soomuutti jiran argisiifachuuf jedhanii fuula isaanii hammeessu. Ani dhuguman isinitti hima; isaan gatii isaanii argataniiru. 17 Ati garuu yeroo soomtu mataa kee dibadhu; fuula kees dhiqadhu. 18 Kunis akka sooma kee sana abbaa kee isa namatti hin mulʼanne malee namni hin beekneefii dha. Abbaan kee inni waan dhoksaatti hojjetamu argu sun gatii kee ifaan ifatti siif kenna.
Badhaadhummaa Samii Irraa
6:22‑23 kwf – Luq 11:34‑36
19 “Isin iddoo itti bilii fi daanaʼoon balleessituu fi iddoo itti hattuun cabsitee hattu lafa irratti badhaadhummaa ofii keessaniif hin kuufatinaa. 20 Garuu iddoo itti bilii fi daanaʼoon nyaattee hin balleessinee fi iddoo itti hattuun cabsitee hin hanne samii irratti badhaadhummaa ofii keessaniif kuufadhaa. 21 Idduma badhaadhummaan kee jiru sana garaan kees jiraatii.
22 “Iji ibsaa dhagnaa ti. Iji kee fayyaa taanaan, dhagni kee guutuun ifaan guutama. 23 Yoo iji kee fayyaa hin taʼin garuu, dhagni kee guutuun ni dukkanaaʼa. Erga ifni si keessa jiru sun dukkanaaʼee, dukkanni sun hammam haa jabaatu ree!
24 “Namni gooftota lama tajaajiluu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru. Isa tokko jibbitee isa kaan jaallattaatii; yookaan isa tokkoof of kennitee isa kaan immoo tuffatta. Isinis Waaqaa fi Maallaqa tajaajiluu hin dandeessan.
Hin Yaaddaʼinaa
6:25‑33 kwf – Luq 12:22‑31
25 “Kanaafuu ani isinittin hima; ‘Maal nyaanna yookaan maal dhugna?’ jettanii waaʼee jireenya keessanii hin yaaddaʼinaa; yookaan ‘maal uffanna?’ jettanii waaʼee dhagna keessanii hin yaaddaʼinaa. Jireenyi nyaata hin caaluu? Dhagnis uffata hin caaluu? 26 Mee simbirroota samii ilaalaa; isaan hin facaafatan yookaan hin haammatan yookaan gombisaatti hin galfatan; taʼus Abbaan keessan inni samii irraa isaan soora. Isin immoo isaan caalaa gatii guddaa qabdu mitii? 27 Isin keessaa namni yaaddaʼuudhaan hojjaa isaa irratti dhundhuma tokko dabalachuu dandaʼuu eenyu?
28 “Isin maaliif waaʼee uffataa yaaddoftu? Daraaraawwan dirree akkamitti akka guddatan mee ilaalaa. Isaan hin dhamaʼan yookaan hin foʼan. 29 Ani garuu isinittin hima; Solomoon iyyuu ulfina isaa hunda keessatti, akka tokkoo isaaniitti hin uffanne. 30 Isin yaa warra amantii xinnoo nana. Waaqni erga marga dirree kan harʼa jiruu fi kan bor immoo ibiddatti naqamutti iyyuu akkasitti uffisee, isinitti immoo guddaa caalchisee hin uffisuu ree? 31 Kanaafuu, ‘Maal nyaanna?’ yookaan ‘Maal dhugna?’ yookaan ‘Maal uffanna?’ jettanii hin yaaddaʼinaa. 32 Kana hunda ormoonni iyyuu ni barbaaduutii; Abbaan keessan inni samii irraas akka wanni kun hundinuu isin barbaachisu ni beeka. 33 Garuu duraan dursaatii mootummaa isaatii fi qajeelummaa isaa barbaadaa; wanni kun hundinuu akkasuma isiniif kennama. 34 Kanaafuu waaʼee boriitiif hin yaaddaʼinaa; bor ofii isaatiif ni yaaddaʼaatii. Hamminni guyyaa sanaa mataan isaa guyyicha ni gaʼa.

*6:13 Akka Giriikotaatti qoramatti jechuun qormaatatti jechuu.

6:13 Yookaan isa hamaa jalaa hiikkaawwan durii tokko tokko jecha isa / Mootummaan, humni, ulfinnis bara baraan kan kee ti. Ameen jedhu hin qaban.