24
Mallattoo Dhuma Baraa
24:1‑51 kwf – Mar 13:1‑37; Luq 21:5‑36
1 Utuu Yesuus mana qulqullummaatii baʼee deemaa jiruu barattoonni isaa gamoowwan mana qulqullummaa isatti argisiisuuf gara isaa dhufan. 2 Innis, “Waan kana hunda argituu? Ani dhuguma isinittin hima; asitti dhagaan dhagaa irratti hafu tokko hin jiru; hundi isaa iyyuu ni diigama” jedhee deebiseef.
3 Utuu Yesuus Tulluu Ejersaa irra taaʼee jiruu, barattoonni isaa kophaa isaanii gara isaa dhufanii, “Mee nutti himi; wanni kun yoom taʼa? Mallattoon dhufa keetii fi mallattoon dhuma barichaa maali?” jedhan.
4 Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Akka namni tokko iyyuu isin hin gowwoomsineef of eeggadhaa. 5 Namoonni hedduun, ‘Ani Kiristoos’ jedhanii maqaa kootiin ni dhufuutii; nama hedduus ni gowwoomsu. 6 Isin waaʼee waraanaatii fi oduu waraanaa ni dhageessu; garuu akka hin rifanne of eeggadhaa. Wanni akkanaa taʼuu qabaatii; dhumni garuu amma iyyuu hin geenye. 7 Sabni sabatti, mootummaanis mootummaatti ni kaʼa. Beellii fi sochiin lafaa iddoo garaa garaatti ni taʼa. 8 Garuu kun hundinuu jalqaba ciniinsuu daʼumsaa ti.
9 “Isaan dabarsanii dhiphinatti isin kennu; isin ajjeesus; sababii maqaa kootiifis saba hundaan ni jibbamtu. 10 Yeroo sanatti namoonni baayʼeen ni gufatu; dabarsanii wal kennu; wal jibbus; 11 raajonni sobaa hedduun ni dhufu; nama hedduus ni gowwoomsu. 12 Sababii baayʼina hamminaatiif jaalalli namoota baayʼee ni qabbanaaʼa; 13 namni hamma dhumaatti jabaatee dhaabatu garuu ni fayya. 14 Wangeelli mootummaa kunis akka saba hundaaf dhuga baʼumsa taʼuuf addunyaa hunda keessatti ni lallabama; ergasiis dhumni sun ni dhufa.
15 “Kanaafuu, ‘Isin yommuu wanni jibbisiisaan badiisa fidu’*Dan 9:27; 11:31; 12:11kan Daaniʼel raajichi waaʼee isaa dubbate sun iddoo qulqulluu dhaabatee argitanitti, namni dubbisu haa hubatu; 16 yommus warri Yihuudaa keessa jiran tulluuwwanitti haa baqatan. 17 Namni bantii manaa irra jiru tokko iyyuu waan tokko illee mana isaatii fudhachuuf gad hin buʼin. 18 Namni lafa qotiisaa keessa jiru tokko iyyuu uffata isaa fudhachuuf duubatti hin deebiʼin. 19 Bara sana keessa dubartoota ulfaatii fi haadhota hoosisaniif wayyoo! 20 Garuu akka baqachuun keessan ganna keessa yookaan Guyyaa Sanbataatiin hin taaneef kadhadhaa. 21 Yeroo sanatti dhiphinni guddaan isaa ni dhufaatii; dhiphinni akkasiis uumama addunyaatii jalqabee hamma ammaatti hin dhufne; siʼachis gonkumaa hin dhufu.
22 “Utuu guyyoonni sun gabaabbachuu baatanii silaa namni tokko iyyuu hin hafu ture; garuu sababii filatamtootaatiif guyyoonni sun ni gabaabbatu. 23 Yeroo sana yoo namni kam iyyuu, ‘Ilaa, Kiristoos as jira!’ yookaan ‘Achi jira!’ isiniin jedhe, hin amaninaa. 24 Kiristoosonni sobaatii fi raajonni sobaa ni kaʼuutii; isaanis yoo dandaʼameef filatamtoota illee gowwoomsuuf jedhanii mallattoo gurguddaa fi dinqii ni hojjetu. 25 Kunoo ani duraan dursee isinitti himeera.
26 “Kanaafuu yoo isaan, ‘Kuunnoo, inni gammoojjii keessa jira’ isiniin jedhan achi hin dhaqinaa; yookaan yoo isaan, ‘Kunoo, mana keessa gola jira’ isiniin jedhan hin amaninaa. 27 Akkuma bakakkaan baʼa biiftuutii buʼee hamma lixa biiftuutti mulʼatu sana dhufaatiin Ilma Namaas akkasuma taʼa. 28 Iddoo raqni jiru kamitti iyyuu gogocorroowwan walitti qabamu.
29 “Akkuma dhiphinni bara sanaa darbeen,
“ ‘Aduun ni dukkanoofti;
jiʼis ifa ishee hin kennitu;
urjiiwwan samii irraa ni harcaʼu;
humnoonni samiis ni raafamu.’†Isa 13:10; 34:4
30 “Ergasii mallattoon Ilma Namaa samii irratti ni mulʼata; saboonni addunyaa hundinuus ni booʼu. Isaanis utuu Ilmi Namaa duumessa samiitiin humnaa fi ulfina guddaadhaan dhufuu ni argu. 31 Innis ergamoota isaa sagalee malakataa guddaa isaatiin erga; isaanis filatamtoota isaa kanneen handaara samiiwwanii tokko irraa hamma isa kaaniitti jiran bubbeewwan afran irraa walitti qabu.
32 “Fakkeenya kana muka harbuu irraa baradhaa; yommuu dameen isaa latee baala baafatutti akka bonni dhiʼaate ni beektu. 33 Akkasuma isinis yommuu waan kana hunda argitanitti akka inni dhiʼaate, akka balbala irras gaʼe ni beektu. 34 Ani dhuguma isinittin hima; hamma wanni kun hundi taʼutti dhaloonni kun hin darbu. 35 Samii fi lafti ni darbu; dubbiin koo garuu gonkumaa hin darbu.
Guyyaa fi Saʼaatiin Hin Beekamu
24:37‑39 kwf – Luq 17:26,27
24:45‑51 kwf – Luq 12:42‑46
36 “Waaʼee guyyaa sanaa yookaan waaʼee saʼaatii sanaa garuu Abbaa qofatu beeka malee namni tokko iyyuu hin beeku; ergamoonni samii irraa iyyuu hin beekan; yookaan Ilmi iyyuu hin beeku. 37 Akkuma bara Nohi taʼe sana yeroo dhufaatii Ilma Namaattis akkasuma ni taʼa. 38 Bara bishaan badiisaatiin dura ture sana, hamma gaafa Nohi doonii seeneetti namoonni nyaachaa, dhugaa, fuudhaa, heerumaas turaniitii. 39 Isaanis hamma bishaan badiisaa dhufee hunda isaanii fudhatetti waan dhufuuf jiru hin beekne. Yeroo Ilmi Namaa dhufuttis akkasuma taʼa. 40 Gaafas namoonni lama lafa qotiisaa keessa hojjetu; inni tokko ni fudhatama; kaan immoo ni hafa. 41 Dubartoonni lama dhagaa daakuutiin daaku; tokko ni fudhatamti; kaan immoo ni hafti.
42 “Kanaafuu isin dammaqaa; Gooftaan keessan guyyaa kam akka dhufu hin beektaniitii. 43 Garuu waan kana hubadhaa: Abbichi manaa utuu yeroo kamitti akka hattuun dhuftu beekee silaa dammaqee eeggata malee akka manni isaa cabsamee seenamu itti hin dhiisu ture. 44 Kanaafuu isinis akkasuma qophaaʼuu qabdu; Ilmi Namaa saʼaatii isin hin eegnetti dhufaatii.
45 “Egaa garbichi amanamaa fi ogeessi kan gooftaan isaa akka inni nyaata isaanii yeroo malutti isaanii kennuuf jedhee garboota mana isaa jiraatan irratti isa muudu eenyu? 46 Garbichi gooftaan isaa yommuu deebiʼutti utuu inni akkasuma hojjetuu isa argu sun eebbifamaa dha. 47 Ani dhuguma isinitti nan hima; inni qabeenya isaa hunda irratti isa muuda. 48 Garbichi sun garuu yoo hamaa taʼe, ‘Gooftaan koo yeroo dheeraa tura’ ofiin jedhee 49 garboota isa wajjin tajaajilan tumuu, machooftota wajjin immoo nyaachuu fi dhuguu jalqaba. 50 Gooftaan garbicha sanaa guyyaa inni isa hin eegnee fi saʼaatii inni hin beeknetti ni dhufa. 51 Innis isa kukkuta; fakkeessitoota keessattis isa ramada; achittis booʼichaa fi ilkaan qaruutu taʼa.