2
Gara Waldaa Kiristaanaa Efesoonitti
“Ergamaa Waaqaa kan waldaa kiristaanaa Efesoonitti*Efesoonitti – Efesoon magaalaa guddoo fi beekamtuu biyya Asiyaa ti; Asiyaan immoo biyya Roomaa Keessatti argamti. Isheenis buufata doonii kan hojiin itti baayʼattuu fi kan daldalaan badhaatee dha; wiirtuu falfala waaqittii Arxeemis (Hoj 19:27,35 ilaalaa) akkasumas lafa hojiin falfalaa itti hojjetamu turte (Hoj 19:19).akkana jedhii barreessi:
 
Inni urjiiwwan torba harka isaa mirgaatti qabatee baattuuwwan ibsaa kanneen warqee irraa hojjetaman gidduu deddeebiʼu sun akkana jedha.
 
Ani hojii kee, dadhabbii keetii fi obsaan dhaabachuu kee beeka. Akka ati calʼiftee namoota hamoo hin dhiifne, warra utuu ergamoota hin taʼin ergamoota ofiin jedhan qortee akka isaan sobduu taʼan mirkaneessites nan beeka. Ati maqaa kootiif jettee obsaan dhaabatteerta; rakkina obsiteerta; hin dadhabnes. Taʼus jaalala kee isa jalqabaa dhiisuu keetiif ani waan sirraa jibbu xinnoo qaba. Kanaaf ati maal irraa akka kufte yaadadhu! Qalbii jijjiirradhuutii hojii kee kan duraa sana hojjedhu. Yoo ati qalbii jijjiirrachuu baatte immoo ani sittin dhufa; baattuu ibsaa keetiis iddoo isaatii nan fuudha. Garuu waan gaarii tokko qabda: Hojii Niqolaawotaa kan ani jibbu sana atis ni jibbita. Namni gurra qabu waan Hafuurri waldoota kiristaanaatiin jedhu haa dhagaʼu. Nama moʼatu akka inni muka jireenyaa kan jannata Waaqaa keessa jiru irraa nyaatuuf mirga nan kennaaf.
Gara Waldaa Kiristaanaa Samirneesitti
“Ergamaa Waaqaa kan waldaa kiristaanaa SamirnaattiSamirnaatti – Samirnees (amma Ismiir) magaalaa Soorettii fi buufata doonii kan Yihuudoonni hedduun keessa jiraatan turte. Samirnees mana qulqullummaa moofaa (dullacha) tokko waaqittii Roomaatiif qabdi turte; inni haaraan immoo mooticha Xibaariyoosiif kenname.akkana jedhii barreessi:
 
Inni Jalqabaatii fi inni Dhumaa, inni duʼee turee fi amma immoo jiraataa taʼe sun akkana jedha.
 
Ani rakkinaa fi hiyyummaa kee beeka; taʼus ati sooressa! Arrabsoo warra utuu Yihuudoota hin taʼin Yihuudoota ofiin jedhan sanaas nan beeka; isaan garuu waldaa Seexanaa ti. 10 Dhiphina sirra gaʼuuf jiru hin sodaatin. Kunoo, akka qoramtaniif diiyaabiloos isin keessaa namoota tokko tokko mana hidhaatti ni galcha. Guyyaa kudhanis ni dhiphattu. Ati hamma duʼaatti amanamaa taʼi; ani gonfoo jireenyaa siifin kennaatii. 11 Namni gurra qabu waan Hafuurri waldoota kiristaanaatiin jedhu haa dhagaʼu. Namni moʼatu duʼa lammaffaan hin miidhamu.
Gara Waldaa Kiristaanaa Phergaamoonitti
12 “Ergamaa Waaqaa kan waldaa kiristaanaa PhergaamoonittiPhergaamoonitti – manneen qulqullummaa kanneen waaqeffannaa Ziyaasiitii fi waaqota biraa warra akka Asqelephoosiitiif kennaman qabdi turte. Asqelephoosis waaqa tolfamaa nama fayyisuu dha. Phergaamoonis handhuura mootonni Roomaa itti waaqeffatan turte. Isheenis magaalaa kutaa biyya Sanaa keessaa iddoo jalqabatti manni qulqullummaa Awugisxoos waaqichaa fi waaqittii Roomaa jedhamtuuf itti kennamee dha.akkana jedhii barreessi:
 
Inni goraadee qaramaa afaan lamaa qabu sun akkana jedha.
 
13 Ani iddoo ati jiraattu beeka; innis iddoo teessoon Seexanaa jiruu dha. Taʼus ati maqaa koo jabeessitee qabatteerta. Bara Antiiphaas dhuga baatuun koo amanamaan magaalaa keessan keessatti iddoo Seexanni jiraatutti ajjeefame illee ati amantii narratti qabdu hin dhiifne. 14 Haa taʼuu malee sababii ati namoota barsiisa Balaʼaam§Barsiisa Balaʼaam – Balaʼaam falfaltuu Baabilon kan Baalaaq mootichi akka inni saba Israaʼel abaaruuf qaxaree dha. Akka seera Lak 31:16 irratti dubbatametti gorsi Balaʼaam akka sabni Israaʼel waaqota tolfamoo waaqeffatuu fi akka ejja raawwatuuf karaa irraa jalʼise (Lak 25:1‑3).duukaa buʼan achii qabduuf ani waan sirraa jibbu xinnoo qaba; namni akka inni saba Israaʼel dura gufuu kaaʼee akka isaan nyaata waaqota tolfamoof aarsaa dhiʼeeffame nyaatanii fi akka isaan halalummaadhaan jiraatan godhuuf jedhee Baalaaqin barsiise Balaʼaam tureetii. 15 Akkasumas namoota barsiisa Niqolaawotaa duukaa buʼan tokko tokko of biraa qabda. 16 Kanaafuu qalbii jijjiirradhu! Yoo kanaa achii ani dafeen sitti dhufa; goraadee afaan kootiitiinis jara sana nan lola. 17 Namni gurra qabu waan Hafuurri waldoota kiristaanaatiin jedhu haa dhagaʼu. Nama moʼatuuf mannaa dhokfame irraa nan kenna. Akkasumas dhagaa adii maqaan haaraan irratti barreeffame tokko nan kennaaf; maqaa sanas namicha isa fudhatu sana malee namni tokko iyyuu hin beeku.
Gara Waldaa Kiristaana Tiyaaxiroonitti
18 “Ergamaa Waaqaa kan Waaqaa kan waldaa Kiristaanaa Tiyaatiraatti*Tiyaatiraatti – Tiyaaxiroon wiirtuu industirii turte. Industiroota Tiyaaxiroon gurguddoo keessaas tokko hojiin isaa qalamii dibuu fi uffata suufii hodhuu dha (Hoj 16:14).akkana jedhii barreessi:
 
Ilmi Waaqaa inni iji isaa arraba ibiddaa fakkaatu, kan miilli isaa immoo naasii baqfamee qulqulleeffame fakkaatu sun akkana jedha.
 
19 Ani hojii kee, jaalalaa fi amantii kee, tajaajilaa fi obsaan dhaabachuu kee beeka; akkasumas akka hojiin kee inni ammaa kun isa duraa caalu nan beeka. 20 Haa taʼuu malee sababii ati dubartittii raajii ofiin jettu Iizaabelin calʼiftee ilaaltuuf ani waan sirraa jibbu xinnoo qaba. Isheenis barsiisa isheetiin tajaajiltoota koo gowwoomsitee akka isaan halalummaa hojjetanii fi akka isaan nyaata waaqota tolfamoof aarsaa dhiʼeeffame nyaatan gooti. 21 Ani akka isheen halalummaa ishee irraa qalbii jijjiirrattuuf yeroo kenneefiin ture; isheen garuu ni didde. 22 Kanaafuu ani siree dhiphinaa irratti ishee nan gata; warra ishee wajjin ejjanis yoo isaan karaa ishee irraa qalbii jijjiirrachuu baatan rakkina guddaa keessa isaan nan buusa. 23 Ijoollee ishee immoo dhaʼichaan nan ajjeesa. Waldoonni kiristaanaa hundinuus akka ani kalee fi onnee qoru ni beeku; anis tokkoo tokkoo keessaniif akkuma hojii keessaniitti gatii keessan isinii nan kenna. 24 Isin warra Tiyaatiraa keessa jiraattan kanneen barsiisa ishee duukaa hin buʼinii fi warra barsiisa Seexanaa kan dhoksaa gad fagoo jedhamu sana hin baratiniin akkana nan jedha; ‘Ani baʼaa biraa isinitti hin feʼu; 25 isin garuu hamma ani dhufutti waan qabdan sana jabeessaa qabadhaa.’ 26 Ani nama moʼatuuf, kan hamma dhumaattis fedhii koo guutuuf saboota irratti taayitaa nan kenna. 27 ‘Inni bokkuu sibiilaatiin isaan bulcha; akkuma qodaa supheettisFar 2:9isaan hurreessa;’ kunis akkuma ani itti Abbaa koo biraa taayitaa argadhe sanaan. 28 Ani immoo bakkalcha barii nan kennaaf. 29 Namni gurra qabu waan Hafuurri waldoota kiristaanaatiin jedhu haa dhagaʼu.

*2:1 Efesoonitti – Efesoon magaalaa guddoo fi beekamtuu biyya Asiyaa ti; Asiyaan immoo biyya Roomaa Keessatti argamti. Isheenis buufata doonii kan hojiin itti baayʼattuu fi kan daldalaan badhaatee dha; wiirtuu falfala waaqittii Arxeemis (Hoj 19:27,35 ilaalaa) akkasumas lafa hojiin falfalaa itti hojjetamu turte (Hoj 19:19).

2:8 Samirnaatti – Samirnees (amma Ismiir) magaalaa Soorettii fi buufata doonii kan Yihuudoonni hedduun keessa jiraatan turte. Samirnees mana qulqullummaa moofaa (dullacha) tokko waaqittii Roomaatiif qabdi turte; inni haaraan immoo mooticha Xibaariyoosiif kenname.

2:12 Phergaamoonitti – manneen qulqullummaa kanneen waaqeffannaa Ziyaasiitii fi waaqota biraa warra akka Asqelephoosiitiif kennaman qabdi turte. Asqelephoosis waaqa tolfamaa nama fayyisuu dha. Phergaamoonis handhuura mootonni Roomaa itti waaqeffatan turte. Isheenis magaalaa kutaa biyya Sanaa keessaa iddoo jalqabatti manni qulqullummaa Awugisxoos waaqichaa fi waaqittii Roomaa jedhamtuuf itti kennamee dha.

§2:14 Barsiisa Balaʼaam – Balaʼaam falfaltuu Baabilon kan Baalaaq mootichi akka inni saba Israaʼel abaaruuf qaxaree dha. Akka seera Lak 31:16 irratti dubbatametti gorsi Balaʼaam akka sabni Israaʼel waaqota tolfamoo waaqeffatuu fi akka ejja raawwatuuf karaa irraa jalʼise (Lak 25:1‑3).

*2:18 Tiyaatiraatti – Tiyaaxiroon wiirtuu industirii turte. Industiroota Tiyaaxiroon gurguddoo keessaas tokko hojiin isaa qalamii dibuu fi uffata suufii hodhuu dha (Hoj 16:14).

2:27 Far 2:9