18
Kufaatii Baabiloniitiif Booʼuu
1 Ergasiis utuu ergamaan biraa samii irraa gad buʼuu nan arge. Innis taayitaa guddaa qaba ture; ulfina isaatiinis lafti ni ifte. 2 Innis akkana jedhee sagalee guddaadhaan iyye:
“ ‘Kufteerti! Baabilon guddittiin kufteerti!’
Lafa jireenya hafuurota hamoo,
lafa qubata hafuurota xuraaʼoo hundaa,
iddoo jireenya simbirroota xuraaʼoo,
iddoo jireenya bineensota xuraaʼoo fi
jibbisiisoo hundaa taateerti.
jibbisiisoo hundaa taateerti.
3 Saboonni hundinuus,
daadhii wayinii dheekkamsa sagaagala ishee dhuganiiruutii.
Mootonni lafaas ishee wajjin sagaagalaniiru;
daldaltoonni addunyaas qananii ishee
guddaa sanaan sooromaniiru.”
guddaa sanaan sooromaniiru.”
Murtii Baabilon Jalaa Miliquu
4 Sagalee biraas samii irraa nan dhagaʼe; innis akkana jedha:
“ ‘Yaa saba ko, isin akka cubbuu ishee keessatti hin hirmaanneef,
balaa ishee irra gaʼus akka hin qoodanneef,
kottaa ishee keessaa baʼaa;’*Erm 51:45
5 cubbuun ishee hamma samiitti ol tuulameeraatii;
Waaqnis yakka ishee yaadateera.
6 Akkuma isheen kennitetti isinis isheef kennaa;
akkuma hojii isheettis dachaa lama godhaatii isheef deebisaa.
Xoofoo isheen itti bulbultettis dachaa lama godhaatii isheef bulbulaa.
7 Hammuma isheen ulfina ofii kennitee qananii guddaadhaan jiraatte sana,
qixxeedhuma isaa dhiphinaa fi gadda isheef kennaa.
Isheenis garaa ishee keessatti,
‘Ani akka mootittii tokkootti nan taaʼa;
ani haadha hiyyeessaa miti;
gonkumaas hin gaddu’ jettee of jajji.
8 Kanaafuu dhaʼichi garaa garaa jechuunis,
duuti, gaddii fi beelli guyyuma tokkotti ishee irra ni gaʼa.
Waaqni Gooftaan isheetti murteessu sun waan jabaa taʼeef,
isheen ibiddaan ni gubamti.
Waaʼee Kufaatii Baabiloniitiif Wayyoo
9 “Mootonni lafaa warri ishee wajjin sagaagalanii fi warri qananii guddaadhaan ishee wajjin jiraatan yommuu aara gubamuu ishee arganitti isheef ni booʼu; ni wawwaatus. 10 Isaanis dhiphina ishee waan sodaataniif fagoo dhaabatanii,
“ ‘Wayyoo! Wayyoo! Yaa magaalaa guddittii,
yaa Baabilon magaalattii jabduu!
Badiin kee saʼaatuma tokko keessatti dhufeeraatii!’ jedhu.
11 “Daldaltoonni lafaas siʼachi waan namni tokko iyyuu miʼa daldala isaanii hin binneef isheef ni booʼu; ni wawwaatus. 12 Miʼi daldala isaaniis warqee, meetii, dhagaawwan gatii guddaatii fi lula, uffata haphii quncee talbaa irraa hojjetame, uffata dhiilgee, uffata haarriitii fi bildiimaa, muka urgaaʼaa gosa hundaa, miʼa ilka arbaa irraa hojjetame hunda, miʼa muka gatii guddaa irraa hojjetame hunda, miʼa naasii irraa hojjetame hunda, miʼa sibiilaatii fi miʼa dhagaa adii irraa hojjetame hundaa fi 13 qarafaa fi urgooftuu, ixaana, qumbii, haphee urgaaʼaa, daadhii wayiniitii fi zayitii ejersaa, daakuu bullaaʼaa fi qamadii, loowwanii fi hoolota, fardeenii fi gaariiwwan, akkasumas garbootaa fi lubbuuwwan namootaa faʼa.
14 “Isaanis, ‘Iji waan ati hawwite sanaa si duraa badeera. Badhaadhummaa fi bareedinni kee hundinuu sirraa badeera; gonkumaas deebitee hin argattu’ isheedhaan jedhu. 15 Daldaltoonni miʼa kanneen gurguratanii ishee irraa badhaadhummaa argatanis dhiphina ishee sodaatanii fagoo dhaabatu. Isaanis booʼaa, wawwaachaas, 16 sagalee guddaadhaan akkana jedhu:
“ ‘Wayyoo! Wayyoo, yaa magaalaa guddittii;
yaa ishee uffata haphii quncee talbaa irraa hojjetame,
uffata dhiilgee fi uffata bildiimaa uffatte,
yaa ishee warqeedhaan,
dhagaa gatii guddaatii fi lulaan miidhagfamte!
17 Badhaadhummaan guddaan akkanaa saʼaatuma tokko keessatti barbadaaʼe!’
“Ajajjuun doonii hundinuu, warri dooniin imala deeman hundinuu, warri doonii irra hojjetanii fi warri galaana irra hojjechuun jiraatan hundinuu fagaatanii ni dhaabatu. 18 Isaan yommuu aara gubamuu ishee arganitti, ‘Magaalaan akka magaalaa guddittii kanaa jiraattee beektii?’ jedhanii iyyu. 19 Isaanis awwaara mataatti firfirfatanii booʼaa, wawwaachaas akkana jedhanii iyyu:
“ ‘Wayyoo! Wayyoo, yaa magaalaa guddittii,
yaa ishee warri galaana irraa dooniiwwan qaban hundinuu
qabeenya isheetiin sooroman!
Ishee saʼaatuma tokko keessatti barbadoofte!’
20 “Yaa samii kufaatii isheetti gammadi!
Isin sabni Waaqaa gammadaa!
Ergamoonnii fi raajonni gammadaa!
Waaqni ishee irratti isiniif mureeraatii.”
Xumura Badiisa Baabilon
21 Ergamaan jabaan tokkos dhagaa hamma dhagaa daakuu gaʼu tokko fuudhee galaanatti gad darbatee akkana jedhe:
“Baabilon magaalaa guddittiin,
akkasuma furguggifamtee ni darbatamti;
gonkumaas deebitee hin argamtu.
22 Sagaleen warra baganaa fi muuziiqaa taphatanii,
sagaleen warra ulullee fi malakata afuufanii
siʼachi si keessatti hin dhagaʼamu.
Ogeessi hojii harkaa tokko iyyuu,
siʼachi si keessatti hin argamu.
Sagaleen dhagaa daakuus,
siʼachi si keessatti hin dhagaʼamu.
23 Ifni ibsaa, lammata si keessatti hin ifu.
Sagaleen misirrichaatii fi misirrittii,
lammata si keessatti hin dhagaʼamu.
Daldaltoonni kee namoota gurguddaa addunyaa turan.
Falfala keetiin sabni hundinuu gowwoomfameera.
24 Dhiigni raajotaatii fi dhiigni qulqullootaa,
dhiigni warra lafa irratti gorraʼaman hundumaas
ishee keessatti argame.”
ishee keessatti argame.”