11
Hambaa Israaʼel
Anis, “Egaa Waaqni saba isaa ni gatee ree?” jedhee nan gaafadha. Kun gonkumaa akkas miti! Ani iyyuu Israaʼelicha, sanyii Abrahaam keessaa gosa Beniyaam. Waaqni saba isaa warra duraan dursee beeke sana hin ganne; isin waaʼee Eeliyaas, inni akkamitti Waaqa duratti akka Israaʼelin himate Katabbiin Qulqulluun maal akka jedhu hin beektanii? Innis akkana jedha: “Yaa Gooftaa isaan raajota kee ajjeesaniiru; iddoo aarsaa keetii illee diiganiiru; anuma qofatu hafe; anas ajjeesuu barbaadu.”*1Mt 19:10,14 Garuu deebiin Waaqni isaaf kenne maal ture? “Ani ofii kootiif namoota Baʼaaliif hin jilbeenfatin 7,000 hambifadheera.”1Mt 19:18 Akkasuma yeroo ammaas hambaawwan ayyaanaan filataman jiru. Erga ayyaanaan taʼe immoo siʼachi hojiin miti; utuu hojiin taʼee immoo ayyaanni silaa ayyaana hin taʼu ture.
Egaa maali ree? Israaʼel waan jabeessee barbaade sana hin arganne; warri filataman garuu argataniiru. Warri kaan immoo mataa jabaatan. Kunis isa,
“Waaqni hamma guyyaa harʼaatti,
akka iji isaanii hin argineef,
akka gurri isaaniis hin dhageenyeef,
hafuura nama dawweessu isaaniif kenne”KeD 29:4; Isa 29:10
jedhamee barreeffamee dha. Daawitis akkana jedha;
“Maaddiin isaanii iddaa fi kiyyoo,
gufuu nama gufachiisuu fi adaba isaanitti haa taʼu.
10 Akka arguu hin dandeenyeef iji isaanii haa haguuggamu;
dugdi isaaniis bara baraan haa goophatu.ӤFar 69:22,23
Namoonni Ormaa Fayyina Argatan
11 Anis deebisee, “Isaan hamma kufanii kaʼuu hin dandeenyetti gufatanii?” jedheen gaafadha. Kun gonkumaa akkas miti! Garuu akka sabni Israaʼel hinaafuuf sababii balleessaa isaaniitiif fayyinni Namoota Ormaatiif dhufe. 12 Yoos erga balleessaan isaanii addunyaaf badhaadhummaa fidee, kufaatiin isaaniis erga Namoota Ormaatiif badhaadhummaa fidee, guutummaan isaanii immoo hammam caalaa badhaadhummaa haa fiduu ree?
13 Yaa Namoota Ormaa, ani isinittin dubbadha. Ani waanan ergamaa Namoota Ormaa taʼeef, tajaajila koo nan kabaja. 14 Kanaanis ani tarii saba koo hinaaffaaf kakaasee isaan keessaa tokko tokko fayyisuu abdadhee ti. 15 Erga gatamuun isaanii addunyaaf araara fidee, fudhatamuun isaanii immoo warra duʼan keessaa jireenyatti kaafamuu malee maal fida ree? 16 Kutaan bukoo kan akka kennaa hangafaatti dhiʼeeffame tokko erga qulqulluu taʼee, bukoon guutuun qulqulluu dha; hiddi erga qulqulluu taʼee, dameewwan isaas akkasuma qulqulloota.
17 Dameewwan sana keessaa tokko tokko caccabsamnaan ati utuma lataa ejersa bosonaa taatee jirtuu iddoo dameewwan caccabaniitti fayyifamtee soora hidda ejersaa irraa argamu kan qooddattu taanaan, 18 dameewwan sanatti hin koorin. Yoo of jajje garuu hidda sanatu si baata malee akka ati hidda sana hin baanne hubadhu. 19 Atis, “Akka ani itti fayyifamuuf dameewwan sun caccabsaman” ni jetta. 20 Kun dhuguma. Isaan waan amantii hin qabneef caccabsaman; ati garuu amantiidhaan dhaabatteerta. Kanaafuu sodaadhu malee of hin tuulin. 21 Waaqni yoo dameewwan uumamaatiif hin hilin siifis hin hiluutii.
22 Egaa arjummaa fi gara jabina Waaqaa hubadhu: gara jabinni isaa warra kufan irratti; arjummaan isaa garuu hamma ati arjummaa isaa keessa jiraattutti siif; yoo kanaa achii atis ni kutamta. 23 Isaanis yoo amantii dhabuutti fufuu baatan itti fayyifamu; Waaqni deebisee itti isaan fayyisuu ni dandaʼaatii. 24 Ati muka uumamaan ejersa bosonaa taʼe irraa muramtee karaa seera uumamaatiin ala taʼeen muka ejersaa kan dhaabame irratti erga fayyifamtee, dameewwan uumamaa kunneen hammam caalaa muka ejersa isaanii irratti deebifamanii hin fayyifaman ree!
Israaʼeloonni Hundinuu Ni fayyu
25 Yaa obboloota, ani akka isin ogeeyyii of seetanii icciitii kana wallaaltan hin barbaadu; hamma lakkoobsi Namoota Ormaa guutuun seenutti Israaʼel gariin mata jabinaan jiraachaa turan. 26 Kanaafuu Israaʼel hundi ni fayyu; akkana jedhamee barreeffameeraatii:
“Inni furu Xiyoonii ni dhufa;
Yaaqoob irraas Waaqa malee jiraachuu ni balleessa.
27 Yommuu ani cubbuu isaanii isaan irraa fuudhutti,
kakuun koo kan ani isaan wajjin qabu kana.”*Isa 27:9; 59:20,21; Erm 31:33,34
28 Akka wangeelaatti isiniif jecha isaan diinota; akka filannootti garuu abbootiif jecha isaan jaallatamoo dha; 29 kennaan Waaqaatii fi waamichi isaa gaabbii hin qabuutii. 30 Akkuma isin kanaan dura Waaqaaf ajajamuu diddanii amma garuu ajajamuu diduu isaaniitiin araara argattan sana 31 isaanis akkasuma araara Waaqaa kan isin argattaniin akka araara argataniif amma ajajamuu didan. 32 Waaqni hunduma isaaniitiif araara buusuuf jedhee namoota hunda ajajamuu diduu jala galche.
Waaqa Jajuu
33 Badhaadhummaan ogummaatii fi
beekumsa Waaqaa hammam gad fagaata!
Murtiin isaa qoramee bira hin gaʼamu!
Karaan isaas barbaadamee itti hin baʼamu!
34 “Eenyutu yaada garaa Gooftaa beeke?
Yookaan eenyutu gorsaa isaa ture?”Isa 40:13
35 “Yookaan akka Waaqni deebisee isaaf kennuuf jedhee,
eenyutu takkumaa Waaqaaf waa kenne?”Iyo 41:11
36 Wanti hundinuu isa irraa dhufe; isumaan dhufe; isaaf dhufe.
Bara baraan ulfinni isaaf haa taʼu! Ameen.

*11:3 1Mt 19:10,14

11:4 1Mt 19:18

11:8 KeD 29:4; Isa 29:10

§11:10 Far 69:22,23

*11:27 Isa 27:9; 59:20,21; Erm 31:33,34

11:34 Isa 40:13

11:35 Iyo 41:11