5
Anaaniyaasii Fi Saafiiraa
Namichi Anaaniyaa jedhamu tokko jiraayyu; inni haadha manaa ifii Safiiraa woliin lafa qabanu takka gurgurate. Ammoo haadha manaa ta ifii woliin wolii galiisaan beesee irraa hamburatee, taan fidee ergantootatti kenne. Pheexroos isaan, «Anaaniiyaas! Akka ati Ayyaana Woyyicha sodduu fi beesee lafa itti gurguratte akka hambifattu, seexanni yaada keeti akka toowatu maaf itti lakkitte? Adoo ati hin gurgurin dura, latti teetumaa motii? Eega gurgurteen duuballe beeseen teetumaa motii? Maaf waan akkasii tolchiisaaf yaadatte ree? Ati Waaqa sodde malee, namaa moti» jedheen. Anaaniiyaas akkuma jecha kana dhage'een, jigee du'e; worri marroo waan kanaa dhage'ane duudiille bararaqane. Dargaggooti dhufanee, reeffa isaa maranee, geessanee awwaalane.
Gara saatii sadiitiin duubatti, haati manaa isaa waan te'eeru adoo hin beekin dhutte. Pheexroos isi'iin, «Me natti himi, beeseen isin lafa teessan itti gurgurattane haguma kanaayyuu?» jedhee gaafate;
Isiille deebittee, «Eeti, haguma kana» jetteen.
Maarre Pheexroos isi'iin, «Atii fi Abbaan manaa keeti Ayyaana Gootta'aa haga ilaaliisaaf maaf wolii galtane? Namooti Abbaa manaa keeti awwaalane kunoo ammaa balbala dura jiran, isaan si'ille ba'atanee hin baasan» jedhe. 10 Isiin yoosuma miila Pheexroosii jalatti jiddee duute. Dargaggooti yennaa dhufane duuteertuun dhagganee, ba'atanee baasanee abbaa manaa isi'ii biratti awwaalane. 11 Wolde'ooti kiristaanaatii fi worri waan kana dhage'ane duudiin bararaqane.
Baasaa Fi Bilbaasa
12 Baasaa fi bilbaasi hedduun kolbaa oddu'utti ergantootaan hujamane. Dhugeeffattooti duudiin soroo* manaa ka Solomoonii jalatti wolitti qabamaniiyyu. 13 Worra dhibii keessaa isaanitti makamiisaaf ka itti game tokkolle hin jiru; te'ulle kolbaan isaan ulfeessitiiyyu. 14 Ammoo worri Gootta'atti dhugeeffatane gumiin hedduun dhiiraa fi dubartiin isaanitti ede'amane. 15 Yennaa Pheexroos karaa san dabaru gaaddiddummaan isaalle isaan keessaa tokko tokko akka tuxxuuf, worra dhibameeru taqe'ee fi itille'een fidanee karaa irra keyane. 16 Kolbaan qachoota adaala Yerusaalemii jiranu, worra dhibameeruu fi worra ayyaana hama'aan qabameeru fidane; isaan martinuu fayyane.
Ergantoota Irratti Miidhaan Kaate
17 Achiin duuba Hayyichi gudda'aa fi worri isa woliin jiru, ka isa gargaaranu saduqoota duudii woliin hinaaffa'aan guutamanee ergantoota irratti ka'ane. 18 Isaan ergantoota qabanee mana hidha'aatitti galchane. 19 Halkan san ammoo ergamaan Waaqaa balbala mana hidha'aa banee, ergantootaan dura deemaa, gad baasee, isaaniin, 20 «Dhaqa'aatii Galma Waaqaa keessa dhaabbadha'aa, marroo jiruu haareya tanaa, kolba'atti hima'a» jedhe. 21 Isaan dubbii tana fudhatanee, akkuma latti bariiteen Galma Waaqaa seenanee barsiisuu jalqabane.
Hayyichi guddaan worra isa gargaaranu woliin dhufee, miseensota kora mura'aatii fi jaarsota Yihudootaa wolitti waamee, ergantoota worra hidhamaneeranu san fichisiisu'uuf gara mana hidha'aa nama erge. 22 Worri ergamane ammoo, barattoota mana hidha'aa keessaa dhabanee, gara Kora Mura'aa deebi'anee, 23 «Nuuti yennaa mana hidha'aa geenne, balbalti jabeeffantee cufantee, eeddoti balbala dura jiranuun dhaggine; ammoo yennaa balbala banne, namuu keessatti hin dhaggine» jedhane. 24 Sooreyyiin hayyootaatii fi dura bu'aan eeddota Galma Waaqaa yennaa waan kana dhage'ane, waan ergantoota irratti te'e baaseffatanee, waan godhanu wollaalane. 25 Achiin duuba nami tokko dhufee isaaniin, «Dhage'a'a! Namooti isin mana hidha'aa galchitane Galma Waaqaa keessatti, kolbaa barsiisiisatti jiran!» jedhe. 26 Maarre dura bu'aan Galma Waaqaa worra isa woliin huju woliin dhaqee ergantoota fidee dhufe. Isaan kolbaan dhaka'aan nu tunti jedhanee waan sodaataneef, hunnaan hin finne.
27 Isaan ergantoota fidanee, Kora Mura'aa dura dhaabbachiisanee, hayyichi guddaan isaan qoree, 28 «Akka isin maqaa Yesuusiitiin hin barsiinne, jabeessinee isin seerreerraayyu, ammoo waan hujjane ilaala'a! Barsiisa keessan Yerusaalem duudii keessa babadhittaneertan; du'a isaatille'eef worra itti gaafatamu nu godhiisa barbaaddan» jedhe.
29 Pheexroosii fi ergantooti worri dhibiin deebisanee, «Nuuti namaaf ajajamuu irra, Waaqaaf ajajamuu qanna. 30 Waaqi Abbootii teennaa, Yesuusii isin muka irratti fannittanee ijjeettane du'aa kaaseera. 31 Akka Yesuus kolbaa Israa'elii cubbuu irraa deebisee araara cubbu'uu kennuuf, Waaqi sooressaa fi fayyisaa godhee midda ifiititti ol isa fuudheera. 32 Nuuti waan kanaaf dhugaa baatota; Ayyaanni Woyyichi, ka Waaqi worra isaaf ajajamuuf kennulle dhugaa baya'a» jedhane.
33 Korri Mura'aa yennaa waan kana dhage'ane, guddoo aaranee ergantoota ijjeesiisa barbaadane. 34 Isaan keessaa ammoo Fariisaayichi, barsiisaa Seera Muuse'ee te'e, maqaan isaa Gamaali'el ka jedhamu, ka nami duudiin guddoo ulfeessu tokko, Kora Mura'aa keessaa ol ka'ee, ergantoota san yennaa diqqoo ala akka tursiisanu ajaje. 35 Achiin duuba inni kora Mura'aatiin, «Kolbaa Israa'elii! Waan jara tana gootanu irratti ifi eegadha'a. 36 Tanaan dura namichi Toyidaas jedhamu ka'ee, ani nama jaba'a ifiin jedhe; namooti gara dhibba afurii te'anu isa woliin hujane. Ammoo inni ijjeefamee, worri isa woliin huju duudiin bittinnowanee, wonni sun achumatti dhumatte. 37 Akkasuma Yihudaan namichi Galiila'aa, bara kolbaan laakkowante ka'ee, namooti hedduun akka isa hordofanu godhe, ammoo innille ijjeefamee jennaan, hordofattooti isaa duudiin bittinnootte. 38 Maarre ammalle, jara tana irratti waan hantuu tokkolle akka hin goone ani isinitti hima. Isaan lakkisa'a! Wonni isaan yaadanee hujane nama irraa yoo teete, hin baddi; 39 ammoo yoo ta Waaqa irraa dhutte teete, isaan balleessuu hin dandeettanu; isin ifiifuu Waaqaan loltanuun ifi dhaggitan» jedheenii jennaan, isaanille gorsa Gamaali'elii fudhatane. 40 Isaan ergantoota ol waamanee deebisanee, dhaananee, lammeessoo maqaa Yesuusiitiin akka hin dubbanne ajajane; achiin duuba gad lakkisane. 41 Ergantooti Yesuusiif farriisaa fi salphatiisa akka waan dansa'aatitti laakkowanee, gammadaan Kora Mura'aa biraa gad bayane. 42 Isaan guyyuma guyya'aan Galma Waaqaa keessaa fi mana kolba'aa keessatti, Oduu Gammadaa ta Yesuusii Masiihiicha te'ee, barsiisiisaa fi lallabiisa hin lakkinne.
* 5:12 Soroo: Galoo