31
Iyaasuun Addee Muuse'ee Bu'e
1 Achiin duuba Muuseen gad bayee dubbii tana kolbaa Israa'elii maratti dubbatee,
2 «Kunoo, ani amma nama woggaa dhibbaa fi diddamaa ti; haganaa achi ani isin bulchiisa hin dande'u; Mootiin Waan maraa, ‹Ati laga Yordaanosii gamatti hin buutu› naan jedheera.
3 Mootiin Waan Maraa Waaqi keessanuu isiniin dura gamatti hin bu'a; gosa biyya adda addaa tana isin duraa hin balleessa; isinille lafa isaanii hin qabattan; akkuma Mootiin Waan Maraa dubbate, Iyaasuun isiniin dura gamatti hin bu'a.
4 Mootiin Waan Maraa mootota Amoorotaa Sihoonii fi Oog lafa isaanii woliin akkuma balleesse, isaanille hin balleessa.
5 Mootiin Waan Maraa gosa biyya adda addaa san dabarsee isinitti hin kenna; isinille akkuma ani isin ajaje isaan hin gootan.
6 Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isin woliin waan jiruuf, jabaadha'a; jajjabaadha'a; isaan hin sodaatina'a yookiin hin bararaqina'a; inni isin hin lakkisu yookiin isin hin gatu» jedhe.
7 Achiin duuba Muuseen Iyaasuu waamee kolbaa Israa'elii mara duratti, «Ati kolbaa tana woliin gara lafa Mootiin Waan Maraa abbootii isaanii ta duriitiif kenniisaaf kakatetti waan galtuuf, lafa sanille dhaala isaanii gootee waan isaanii qoodduuf, jabaadhu, jajjabaadhu!
8 Mootiin Waan Maraa ifiifuu si'iin dura hin deema; si wolille'een hin jiraata; inni ijjumaa si hin lakkisu yookiin si hin gatu; hin sodaatin; addii hin kutatin» jedhe.
Ajaja Seera Dubbisiisaaf Kenname
9 Muuseen seera kana barreessee, sanyii Lewwi'ii hayyoota saanduqa gondooroo Mootii Waan Maraa ba'atanuu fi jaarsolee Israa'elii maratti kenne.
10 Achiin duuba Muuseen isaan ajajee, «Dhuma woggaa torba torbaatitti, yennaa liqaan namaaf lakkifamuu fi yennaa jila gose'ee ta woggaa wogga'aan jilifantutti,
11 kolbaan Israa'elii marti addee inni filatetti Mootii Waan Maraa Waaqa keessan duratti yennaa dhaggantanu, seera kana akka isaan dhage'anuuf isaan mara duratti dubbisa'a.
12 Mootii Waan Maraa Waaqa keessan dhage'anee akka isa sodaatiisa baratanu, jecha seera kanaa mara akka dansaa akka eegatanu, kolbaa mara dhiira, dubartii, ijoolle'ee fi orma qachaa keessan keessa jiranu wolitti qaba'a.
13 Laga Yordaanosii gamatti buutanee lafa qabattanu keessatti bara leetanu mara, ijoolleen isaanii ta seera kana hin beenne, seera kana dhage'anee, Mootii Waan Mara Waaqa keessan sodaatiisa baratuu qaban» jedhe.
Gorsa Mootiin Waan Maraa Muuse'eef kenne
14 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Kunoo, guyyaan ati duutu dhikaateera; akka ani isa ajajuuf Iyaasuu waamiitii isa woliin gara Dunkaanii Woldeenna'aa dhikaadha'a» jedhe; maarre Muuse'ee fi Iyaasuun dhaqanee gara Dunkaanii Woldeenna'aa dhikaatane.
15 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa dunkaanii keessatti utubaa duumensaa keessaa mudhate; utubaan duumensaalle seensuma dunkaani'ii dhaabbate.
16 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Kunoo, ati duutee abbootii teeti ta durii bira dhaqaarta; kolbaan tun waaqota ormaa ka biyya itti galanuu hin waaqonfatan; isaan na lakkisanee, gondooroo ani isaan woliin godhe hin diigan.
17 Guyyaa san ani isaanitti aaree bobe'ee, isaan hin lakkisa; fuula kiyya isaan duraa hin dhoffadha'a; isaanille hin badan. Badiin guddo'oo fi rakkoon guddoon isaan hin dhaqqaddi. Guyyaa san isaan, ‹Badiin tun Waaqi keenna waan nu woliin hin jirreef nu dhaqqaddee motii ree?› jedhanee hin gaafatan.
18 Isaan gara waaqota dhibi'ii deebi'iisaan waan hantuu waan hujaneef, ani guyyaa san fuula kiyya ijjumaa isaan duraa hin dhoffadha.
19 «Amma faaruu tana barreeffadhuutii, kolbaa Israa'elii barsiisi; akka isaan irratti naaf dhugaa baatu, isaan akka faarsanu godhi.
20 Ani gara lafa aananiitii fi dammaa ta abbootii isaaniitiif kenniisaaf kakadhe sanii yennaa isaan fide, isaan nyaatanee quufanee gabbataneen duuba, ana jibbanee, gondooroo ani isaan woliin godhe diiganee, gara waaqota dhibi'ii deebi'anee isaan waaqonfatane.
21 Yennaa badiin guddo'oo fi rakkoon isaan dhaqqaddu, faaruun tun sanyii isaaniitiin waan hin raanfataminiif isaan irratti dhugaa hin baati. Ani gara lafa isaanii kenniisaaf kakadhee san adoo isaan hin fidiniin dura adhalle waan isaan godhiisaaf yaadiisatti jiranu hin beeka» jedhe.
22 Maarre Muuseen guyyuma san faaruu san barreessee Israa'eloota barsiise.
23 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, Iyaasuu ilma Nunii ajajee, «Ati Israa'eloota gara lafa ani isaanii kenniisaaf kakadhetti waan galchituuf, jabaadhu; jajjabaadhu; ani si woliin jira» jedhe.
24 Muuseen jecha seeraa kana jalqabaa haga dhumaatitti kitaabatti barreessee fixeen duuba,
25 Lewwoota saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa ba'atanu ajajee,
26 «Kitaaba seeraa kana fuudhiitii, achitti akka isin irratti dhugaa bawu, saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii bira keyi.
27 Isin finqiltootaa fi worra mataa jabaatu akka teetane ani hin beeka. Kunoo ani adha adoo jiru'uun isin woliin jiruu, eega Mootii Waan Maraa finqiltanee, du'a tiyyaan duuba fa'a irra caalaa attam attam finqiltan ree!
28 Ani jecha kana akka isaan dhage'anuuf akka isaanitti dubbadhu, ol-gubba'aa fi lafa isaan irratti dhugaa baatota godhee akka waamu, jaarsolee gosa teessaniitii fi qondaaltota teessan mara na duratti wolitti naa qaba'a.
29 Ani du'een duuba akka isin ijjumaa battoottanee, karaa ani isin ajaje irraa gortanu ani hin beeka. Isin fuula Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu waan hujjanuuf, hujii harka keessaniitille'een waan isa aarsitanuuf, baroota dhufanu keessatti badiin isinitti hin dhutti» jedhe.
Faaruu Muuse'ee
30 Achiin duuba Muuseen jecha faaruu tanaa jalqabaa haga dhumaatitti, wolde'a kolbaa Israa'elii duudi'iif dubbisee,