Kitaaba Lallabaa
Seensa
Kitaab Lallabaa, yaada nama gaaffi'ii fi qorataan yaada haareya fidu, ka jiruun namaa attam gabaadu'uu fi bu'aa bayi'iin ta guutante teetee, muraa haqa hin te'iniin ta wol xaxxee fi dadhabbi'iin ta guutante akka teete gad fageennaan hubatee, «Jiruun namaa bu'aa hin qaddu» jedhee muummesse tokko qaba. Nami gaaffi'ii fi qorataan yaada haareya fidu kun, hujii Waaqaa ta hiree namaa toowattu qalbeeffatuu dadhabeera. Te'uu malee kolbaan bara le'ii ifii haga dandeette jabaattee akka hujjuu fi kennansa Waaqaatitti akka gammaddu gorsa kenna.
Yaad namicha gaaffi'ii fi qorataan yaada haareya fidu kanaa hedduun woliif masaanummaa qaban; addii kutatiisalle'een guutamaneeran. Te'uu malee kitaab kun Kitaaba Woyyicha keessatti dhaggamiisi isaa, dhugeeffannaan Kitaaba Woyyicha irratti hundootte, ta dhibii lakkisiitii kitaaba yaada masaanumma'aa fi mamaan guutame qabu kana haga qabattutti badhoo akka teete mudhisa. Kitaab kun jiruu namaa akka daaw'iti'ii waan mudhisuuf, namooti hedduun ittiin jajjabaataneeran. Kitaabummaan Woyyichi tokkochi kun Waaqa jiru'uuf hiikkaa guddoo kennutti addii godhatiisa akka dande'anu ka gorsu akka te'e hubataneeran.
Haadhoo Dubbi'ii
Hiikkaa Jiru'uu1:1—2:26
Jedhii Marroo Jiru'uu3:1—11:8
Gorsa Muumme'ee11:9—12:8
Dubbii Gugurdoo12:9-14
1
Wonni Martinuu Bu'aa Hin Qaddu
Jechi lallabaa ilma Daawitii, ka Yerusaalem keessatti mootii te'ee, kanatti aanee jira.
Lallabaan kun, «Wonni martinuu bu'aa hin qaddu! Bu'aa hin qaddu! Ijjumaa bu'aa hin qaddu!» jedha. Nami biyya lafaa irratti waan itti elowu maraaf, bu'aa maan dhaggata? Dhalooti tokko hin dabara; dhalooti hin dhufa. Latti ammoo haga bara baraa hin jiraatti. Aduun hin baati, hin seentille'e; gara addee baateetitti deebi'iisaaf hin ariifatti. Qilleensi gara kibbaa dhowa; gara kaabaalle hin deebi'a. Maree, maree gara dhufetti hin deebi'a. Lagi martinuu gara abbaaya'aa yaa'an; te'uu malee abbaayaan ijjumaa hin guuttu. Lagooti sun gara addee dhufanee, ammalle achitti hin deebi'an. Wonni marti haga nami dubbatuu dadhabutti nama hifachiitti. Ilti ilaaltee hin quuttu; gurrille dhage'iisaan hin guutamu. Woma dur te'eerutti ammalle te'uuf jira; woma dur hujameerutti ammalle hujamu'uuf jira. Biyya lafaa irra wonni haaretti hin jirtu. 10 Wonni nami, «Ilaa! Wonni kun waan haareya» jedhuu dande'u jirtii? Wonni sun bara dheera'aan dura, duruuyyuu asuma jirti; isiin adoo nuuti hin dhalatiniin dura asuma jirti. 11 Waan bara durii te'e nami qaabatu hin jiru; worri itti aanee dhufulle waan amma te'uu fi waan te'uuf jiru hin qaabatu.
Qarummaan Bu'aa hin Qaddu
12 Ani, lallabaan Yerusaalemitti mootii Israa'elii te'eeraayyu. 13 Ani waan lafa irratti hujame mara qarumma'aan qorqoriisaaf itti yaade; ilmaan namootaa irratti Waaqi ba'aa attam attam ulfaattu fe'e! 14 Ani waan biyyaa lafaa irratti hujame mara ilaaleera; isaan martinuu bu'aa hin qabanu; akka nama qilleensa ari'ee ti. 15 Wonni micciiramaan qajeeluu hin dande'u; wonni hin jirrelle laakkowamuu hin dande'u.
16 Ani, «Kunoo, ani worra anaan dura Yerusaalemitti mootii te'e mara caalaa, nama guddaa te'eera; qarummaalle ede'adheera» jedhee yaade. 17 Achiin duuba ani qarummaa, maraattummaa, gowwummaalle gargar baasee beekiisaaf itti yaade; kunille ammoo akka nama qilleensa ari'ee akka te'e hubadhe. 18 Qarummaan akkuma bacattuun gaddi bacataa deema; beekkumsi akkuma bacatuun laaleffatisille bacataa deema.