8
1 Nami akka nama qaro'oo hiikkaa woyii beeku eennu? Qarummaan fuula namaa ifaallessa gooti; nyaara namaalle hin jijjiirti.
Mooti'iif Ajajamuu
2 Waaqa duratti waan kakatteef, ajaja mooti'ii muummessi.
3 Fuula mooti'ii duraa deemiisaaf hin ariifatin; inni waan jaalate godhiisa waan dande'uuf, dubbii baddu'uuf hin dhaabbatin.
4 Jechi mooti'ii baallii waan qabuuf, «Ati maaf waan kana goota?» ka jedhuu dande'u eennu?
5 Nami ajaja mooti'iitiif ajajamu hin miidhamu; gadhaan nama qaro'oo yennaa wo itti hujuu fi akka itti wo huju hin beeka.
6 Rakkinni namaa akka malee itti ulfaatulle, waan maraaf yennaa itti teetuu fi akka itti teetutti jira.
7 Nami waan gara duraa te'u eega hin beenne, waan dhufu'uu jiru eentu itti himuu dande'a ree?
8 Nami hafuura isa keessaa bawu irratti, guyyaa du'a ifii irralle'etti baallii qabu hin jiru. Akkuma nami Yennaa lolaa keessa gad lakkifamuu hin dandeenne, wonni hantuun worra isii huju gad hin lakkittu.
Nama Hama'aa Fi Nama Balchaa
9 Ani waan biyya lafaa irratti hujame mara qalbii tiyyaan qorqoree dhagge. Nami nama miidhiisaaf, yennaa nama dhibii irratti goottaa te'utti jira.
10 Akkasuma, ani worri hamaan addee woyyitti'ii gad bayaa, ol seenaa turane, awwaalamanee dhagge; isaan qachuma waan hantuu itti hujane keessatti leellifamane. Tunille bu'aa hin qaddu.
11 Yakkaa irratti muraan ariiti'iin yennaa hin kennamin, gadhaan kolba'aa mala hantuu hujiisaatiin guutama.
12 Nami cubbaalessi yennaa dhibba yakkaa hujee bara dheeraa le'ulle, worra Waaqa sodaatu, ka ulfinna Waaqaaf kennuuf wonni dansaan akka teetuuf ani hin beeka.
13 Nami hamaan ammoo Waaqa waan hin sodaanneef, wonni dansaan isaaf hin teetu; barri isaalle akka gaaddisaa hin dheeratuuf.
14 Wonni dhibiin bu'aa hin qanne takka lafa irra jirti: waan nama balcha'aaf te'u nami hamaan, waan nama hama'aaf te'u nami balchaan fudhata; tunille waan bu'aa hin qanne.
15 Nami biyya lafaa irra le'u nyaatee, unee, gammadiisa caalaa wonni tokkolle waan hin jirreef, maarre ani gammadiis dansaa akka te'e murteesse; tanaaf, nami bara Waaqi biyyaa lafaa irratti jiruu isaaf kenne mara hujii ifiititti hin gammada.
16 Ani qarummaa beekiisaaf, eloo namaa ta lafa irratti halkanii fi guyyaa ilti isaa hirriiba hin qanne hubatiisaaf, qalbii tiyyaan yennaa qorqoru,
17 waan Waaqi huje mara dhagge; waan biyya lafaa irratti godhamu eennulle beekuu hin dande'u; nami qorqoriisaaf guddoo wodhaanulle hiikkaa dhaggiisaaf hin dande'u; nami qaroon, «Hin beeka» yoo jedhelle, ijjumaa hubatuu hin dande'u.