46
Qondaalaa fi Kennansa Adda Addaa
« ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Karri badhinna dalleya keessaa ka gara keessaa ta fuullee karaa aduun baatuu, guyyaa huji'ii jaa cufantuu ti; guyyaa sanbataatii fi guyyaa baatii ji'aa ammoo banantuu ti. Qondaalli yennaa alaa dhufu karaa soroo karraatiin seenee, mikikkila karraa san bira dhaabbatuu ti. Hayyooti kennansa inni qopheesse kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa dhikeessanu ti; qondaaltichi adduma badhinna karraa sanitti sagaduu ti. Achiin duuba inni hin baya; karri ammoo haga galgalaatitti hin cufantu. Guyyaa sanbataatii fi guyyaa baatii ji'aa kolbaan lafa sanii seensuma karra saniititti Mootii Waan Maraa duratti gad gombifantee sagadduu ti. Qondaaltichi guyyaa sanbataa kennansa gubamuuf buruusota korbeeyyii hoole'ee ta fafa hin qanne jaa fi korbeessa hoole'ee ka fafa hin qanne tokko Mootii Waan Maraatiif dhikeessuu ti. Kennansi midhaanii ka korbeessa hoole'ee san woliin dhikaatu eefaa tokko te'uu ti; ka buruusota korbeeyyii hoole'ee san woliin dhikaatu haguma inni kennuu dande'e te'uu ti; eefaa tokko tokkooyyuu woliin zayitii litirii sad fiduu ti. Guyyaa baatii ji'aa inni loon keessaa dardara fafa hin qanne tokko, buruusota korbeeyyii hoole'ee jaa fi korbeessa hoole'ee ka fafa hin qanne tokko dhikeessuu ti. Kennansa midhaanii dardara tokko san woliin bullaa eefaa tokko, korbeessa hoole'ee tokko san wolille'een bullaa eefaa tokko, buruusota san woliin haguma inni kennuu dande'e, bullaa eefaa tokko tokko saniif zayitii litirii sad sad dhikeessuu ti. Qondaalli sun yennaa seenu, karaa soroo karraatiin seenee, yennaa bayulle karuma saniin bayuu ti.
« ‹Guyyoota jila beekkantee mara kolbaan lafa sanii Mootii Waan Maraa dura yennaa dhufanu, worri karaa karra kaabaatiin seene, karaa karra kibbaatiin bayanuu ti; worri karaa karra kibbaatiin seene, karaa karra kaabaatiin bayanuu ti; eennulle karaa karra seeneetiin hin bayin. Ammoo adoo gara hin galin gara duraa bayuu ti. 10 Yennaa isaan seenanu, qondaalli isaan woliin seenuu ti; yennaa isaan bayanulle inni isaan woliin bayuu ti. 11 Guyyoota jilaatii fi guyyoota jila beekkantee mara kennansi midhaanii ka dardara tokko woliin dhikaatu bullaa eefaa tokko, ka korbeessa hoole'ee tokko wolille'een dhikaatu eefaa tokko te'uu ti; buruusota woliin haguma inni kennuu dande'e, bullaa eefaa tokko tokkoof zayitii litirii sad dhikeessuu ti.
12 « ‹Qondaala fedhii ifiitiin kennansa gubamu yookiin kennansa tokkumma'aa Mootii Waan Maraatiif dhikeessiisa dhufuuf, nami tokko karra fuullee karaa aduun baatuu isaaf banuu ti. Innille akkuma guyyaa sanbataa kennu san kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa kennuu ti. Achiin duuba inni bayee deemuu ti; inni deemeen duuba karri cufantuu ti.
13 « ‹Inni guyyuma guyya'aan ganama mara buruusoo korbeessa hoole'ee ka fafa hin qanne ka woggaa tokkoo kennansa gubamuuf ana Mootii Waan Maraatiif hin dhikeessa. 14 Isa woliin kennansa midhaanii ganama mara bullaa eefaa tokko harka jaa keessaa harka tokko, bullaa ittiin sukkuumiisaaf zayitii litirii tokko qopheessuu ti; kunille seera yennaa maraa te'uu ti. 15 Akka kanaan buruusi korbeessa hoole'ee, kennansi midhaaniitii fi zayitiin guyyuma guyya'aan ganama mara kennansa gubamuuf dhikaatanuu ti jedha› jedhiin» jedhe.
Qondaaltichaa Fi Lafa
16 Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Qondaalli tokko lafa ifii irraa ilmaan ifii keessaa ilma tokkoof yoo kenne, latti sun ilmaan isaatii fi sanyii isaaniitiif dabartee dhaala teetuu ti. 17 Qondaalli tokko lafa ifii irraa tajaajiltoota ifii keessaa tajaajilaa tokkoof yoo kenne ammoo haga woggaa bilisumma'aatitti ka isaa teetuu ti. Achiin duuba isiin qondaaltichaaf deebituu ti; latti sun ta isaa waan teeteef, ilmaan isaa qofaaf teetuu ti. 18 Qondaalli kolbaa irraa lafa hunnaan hin fudhatin; kolbaan tiyya lafa ifii irraa akka hin bittinnoonneef, latti inni ilmaan ifiitiif kennu qooda ifii qofa irraa teetuu ti» jedha.
Addee Kennansi Adda Addaa Itti Iffeelamu
19 Achiin duuba nami sun karaa seensuma karra bira jiruutiin gara kolloota woyyoota hayyootaa ta fuullee kaabaatitti tarre'etti jiranuu na geesse. Kunoo, dhuma kollootaa karaa aduun seentuun addee takkatti jiraayyu. 20 Inni anaan, «Isaan kennansa woyyoota kana gara addee badhinna dalleya keessaa ka gara alaa fidanee kolbaan akka hin miidhanneef*, addeen tun addee hayyooti kennansa sababa yakka'aatiif dhikaatu, kennansa sababa cubbu'uutiif dhikaatulle itti iffeelanuu fi addee kennansa midhaanii itti bilcheessanu» jedhe.
21 Achiin duuba nami sun gara badhinna dalleya keessaa ka gara alaa na geessee, roga arfan irra na marsiise. Kunoo, roga badhinna dalleya keessaa san tokko tokkoo isaaniituu irra badhinna dalleya keessaa ka dhibi'itti jiraayyu. 22 Roga badhinna dalleya keessaa san arfanuu irra badhinna dalleya keessaa didiqqaa ka dheerinni isaanii ciqilee afurtamaa, badhinni isaaniille ciqilee soddomaatitti jiraayyu; isaan arfanuu woluma qixa. 23 Cinaa badhinna dalleya keessaa didiqqaa san arfaniituu gara keessaatiin dhaaba dhaka'aatitti naanneffamee jiraayyu; dhaaba dhaka'aa san mara jala addee ibidda itti bobeessanutti jiraayyu. 24 Achiin duuba namichi sun anaan, «Kun marti addee tajaajiltooti Galma Waaqaa ciincaa kolbaan dhikeessitu itti iffeeltu» jedhe.
* 46:20 Kolbaan akka hin miidhanne: Afaan Ibrootaatiin Kolbaa woyyoonsiisaaf jedha.