11
Balaa Kudhaneesso'oo; Duuti Angafootaa Himante
Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Ani amma balaa tokko callaa mooticha Gibxi'iitii fi kolbaa isaa irratti hin fida; saniin duuba mootichi akka isin asii deentanu gad isin hin lakkisa; nami tokkolle adoo hin hafin isin maraayyuu hin ari'a. Kolbaan Israa'elii marti ollaa ifii irraa meya meeti'iitii fi worqi'ii gaafatanee akka fudhatanu itti himi» jedhe. Mootiin Waan Maraa worri Gibxi'ii akka Israa'eloota ulfeessanu godhe. Muuseelle biyya Gibxi'iititti, qondaaltota mootichaatii fi fuula kolba'aa mara duratti nama ulfinnaa te'e.
Maarre Muuseen mootichaan, «Mootiin Waan Maraa, ‹Halkan wodhakkaa ani lafa Gibxi'ii mara keessa hin deddeema; ilmaan angafooti Gibxi keessaa marti hin du'an; ilma angaficha mooticha barcumaa mootumma'aa irra tee'uun jalqabee haga ilmaan angafoota dubartoota garboolee daakuu daattuutitti, angafooti hori'iille martinuu hin du'an. Biyya Gibxi'ii mara keessatti, iyyi wiiccifataa ka kanaan qara te'ee hin beenne yookiin ka gara duraalle hin teene hin te'a. Namaa fi horii Israa'elootaatitti ammoo sareelle itti hin duttu; worra Israa'elootaatii fi worra Gibxi'ii oddu'utti Mootiin Waan Maraa garaagarummaa akka godhe kanaan hin beettan› jedheera» jedhe. Muuseen, «Qondaaltoti teeti tun marti gara kiyya dhufanee, na duratti gad jedhanee, ‹Atii fi kolbaan si gula deentu martinuu deema'a!› jedhanee na hin kadhatan; saniin duuba ani hin deema» jedhe. Achiin duuba Muuseen aarii jaddu'uun mooticha biraa bayee deeme.
Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Bilbaasi kiyya biyya Gibxi'ii irratti akka bacatuuf, mootichi isin dhage'uu hin didata» jedheeraayyu. 10 Muuse'ee fi Aaronille fuula mootichaa duratti bilbaasota kana mara godhane; Mootiin Waan Maraa ammoo mooticha mataa waan jabeesseef, mootichi Israa'elooti biyya isaa keessaa akka bayanu gad hin lakkinne.