14
Abbaayaa Diintuu Qaxxaamurane
Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Israa'elooti deebi'anee Phiihahiirot bira, wodhakkaa Miigdoliitii fi abbaayaa diintu'uu*, fuullee Ba'aal-Zefonii qarqara abbaaya'aa akka qubatanu itti himi. Mootichi Gibxi'ii, ‹Goomoleen karaa wollaalchittee, Israa'elooti joonjanee lafa keessa maran› jedhee hin herrega. Ani mataa isaa waan jabeessuuf, inni isaan hin hordofa; ani ammoo mootichaa fi loltoota isaa mara irratti ulfinna hin dhaggadha; worri Gibxi'iille akka ani Waaqa te'e kanaan beekan» jedhe. Israa'elootille akkuma isaanitti himame godhane.
Kolbaan akka baqattee baate mooticha Gibxi'iititti yennaa himane, innii fi qondaaltoti isaa yaada jijjiiratanee, «Kolbaan Israa'elii nu'uuf hujiisa lakkisanee akka deemanu tolchuun keenna kun maan?» jedhane. Maarre mootichi garreettaa ifii ka fardaan harkifamuu fi loltoota ifii qopheeffate. Inni garreettaa fardaan harkifamu ka filame dhibba jaa, garreettaa fardaan harkifamu ka worra Gibxi'ii ka dhibiille ajajjoota isaanii woliin fudhatee ka'e. Mootiin Waan Maraa mooticha mataa jabeessee, Israa'eloota irree jaddu'uun bayiisatti jiranu hordofe. Worri Gibxi'ii, abbootiin fardaa ta mootichaatii fi garreettaan fardaan harkifamu ka mootichaa, abbootiin fardaa ta dhibi'ii fi loltooti miilaa isaan hordofanee, fuullee Ba'aal-Zefonii abbaayaa diintuu qarqara, Phiihahiirot bira qubataneeranuun isaan dhaqqabane.
10 Mootichii fi loltooti isaa isaan hordofanee akka itti dhikaatane dhagganee, Israa'elooti guddoo sodaatanee gara Mootii Waan Maraa iyyane. 11 Isaan Muuse'een, «Biyya Gibxi'ii keessa addeen awwaalaa waan hin jirreef goomolee keessatti akka dhumannuuf as nu fiddee? Biyyaa Gibxi'ii keessaa nu baattee wonni ati nu tolchite kun maan? 12 Nuuti biyya Gibxi'ii keessatti, ‹Goomolee keessatti du'iisaa manna, worra Gibxi'iitiif garboota teenee akka tajaajillu, nu lakkisi› ta si'iin jenne tanaafii motii?» jedhane.
13 Muuseelle deebisee, «Worra Gibxi'ii ka adha dhaggitanu kana deebitanee lammeessoo waan hin dhaggineef, hin sodaatina'a; jabaadha'aatii dhaabbadha'a; adha Mootiin Waan Maraa isin baasiisaaf, waan inni tolchu ilaala'a. 14 Mootiin Waan Maraa isiniif waan loluuf itita'a» jedhe.
15 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Isin maaf gara kiyya iyyitan? Isaan gara duraa akka deemanu Israa'elootatti himi. 16 Ati ammoo ulee teeti fudhadhuutii, harka keeti abbaayaa irra diriirsi; akka Israa'elooti abbaayaa keessa lafa godduu irra gamatti bu'anu, bisaan gargar kuti. 17 Gibxooti akka Israa'eloota gula seenanu ani gadhaa isaanii hin jabeessa. Ani mootichaa fi loltoota isaa mara irratti, garreettaa fardaan harkifamuu fi abbootii fardaa ta isaa irratti ulfinna hin dhaggadha. 18 Yennaa ani mooticha irratti, garreettaa isaa ka fardaan harkifamuu fi abbootii fardaa ta isaa irratti ulfinna dhaggadhe, worri Gibxi'ii akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan» jedhe.
19 Ergamaan waaqaa ka Israa'elootaan dura deemaa ture, duubatti dabaree isaaniin duuba deeme; utubaan duumensaalle duubatti dabaree dhaabbatee, 20 worra Gibxi'iitii fi Israa'eloota odduu seenee, halkan san duudii mogguu Israa'elootaatitti ifa kennee, mogguu Gibxootaa ammoo dukkaneesse.
21 Muuseelle harka ifii abbaayaa irra diriirse; Mootiin Waan Maraa ammoo halkan guutuu qilleensa jabaa gara aduun baatuu kaasee abbaayaa gara duubaa deebisee, bisaan gargar kutee, lafa godduu tolche. 22 Israa'elootille bisaan middaa fi bitaa isaaniititti akka dalleya dhaka'aa te'ee dhaabbateeruun lafa godduu irra abbaayaa keessa qaxxaamurane.
23 Worri Gibxi'iille fardoolee mootichaatiin, garreettaa isaa ka fardaan harkifamuu fi abbootii fardaa maraan isaan ari'anee, isaan gula abbaayaa odduu seenane. 24 Yennaa latti bariite Mootiin Waan Maraa utubaa ibiddaatii fi duumensa keessaa loltoota worra Gibxi'ii gad ilaalee, akka isaan gara itti goranu wollaalanu godhe. 25 Korboo garreettaa fardaan harkifamu ka isaanii akka dhaabbattu godhe. Worri Gibxi'iille, «Mootiin Waan Maraa isaaniif jedhee, nu worra Gibxi'ii loliisatti waan jiruuf, kowa'a Israa'eloota duraa baqanna» jedhane.
26 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Bisaan worra Gibxi'ii irra, garreettaa isaanii ka fardaan harkifamuu fi abbootii fardaa ta isaanii irra akka garagaluuf, harka keeti abbaayaarra diriirsi» jedhe. 27 Muuseelle harka ifii abbaayaarra diriirse; abbaayaalle ganama addee ifiititti deebite. Worri Gibxi'ii isii duraa gara duubaa baqate. Mootiin Waan Maraa akka isaan abbaayaa keessatti hafanu godhe. 28 Bisaan sun adde'etti deebi'ee garreettaa fardaan harkifamuu fi abbootii fardaa, loltoota mootichaa mara worra Israa'eloota gula gara abbaaya'aa seenane mara liqinse; isaan keessaa nami tokkolle hin hanne. 29 Israa'elooti ammoo bisaan middaa fi bitaa isaaniititti akka dalleya dhaka'aa te'ee dhaabbateeruun lafa godduu irra abbaayaa keessa qaxxaamurane.
30 Guyyaa san Mootiin Waan Maraa Israa'eloota harka worra Gibxi'ii jalaa baase; Israa'elootille reeffa worra Gibxi'ii ka abbaayaa qarqara ciisu dhaggane. 31 Mootiin Waan Maraa irree jadduu ifiitiin worra Gibxi'ii irratti waan huje yennaa dhaggane, Israa'elooti Mootii Waan Maraa sodaatanee, isaa fi Muusee tajaajilaa isaatitti addatane.
* 14:2 Abbaayaa diintuu: Afaan Ibrootaatiin abbaayaa allaadu'uu jedhama