26
Dunkaanii Woyyittii
«Dunkaanii Woyyittii, gollaa haadaa qoola kudhan: liilana quncee talba'aa dansaa, liilana bifa cuquliisaa, liilana bifa dhiille'eetii fi liilana diimaa irraa wolitti fowantee dhowateen huji. Nami hujii harkaa beeku, fakkii dada ol-gubba'aa ta koola qadduu irratti hujuu ti. Gollaan haadaa sun tokko tokkoon isaa dheerinni ciqilee diddamii saddeeti badhinni ciqilee afur, marti isaaniituu wol qixa te'anuu ti. Qoola woya'aa san shanan wolitti hodhi; shanan hafane kaanille akkasuma tolchi. Irga qoola woya'aa ka wolitti hodhantee sanitti qubeelee bifa cuquliisaa itti naqi. Qoola woya'aa ta wolitti hodhante ta gama kaanii irralle'etti akkasuma tolchi. Irga qoola woya'aa ka wolitti hodhamanee ka qaraatitti qubeelee shantama, ka lammeesso'oo irralle'etti qubeelee shantama, ta moggaa gama lamaaniituu fuullee wolitti galchii itti naqi. Achiin duuba Dunkaaniin Woyyittiin takkattii akka teetu, qoola woya'aa ta wolitti hodhamane san wolitti qassiisiisaaf hookkoo worqi'ii shantama huji.
«Dunkaanii Woyyittii san akka gollanuuf, gollaa rifeensa re'e'ee irraa hujame kudhanii tokko huji. Gollaan kudhanii tokko sun tokko tokkoon isaaniituu dheerinni isaanii ciqilee soddoma, badhinni isaanii ciqilee afur, marti isaaniituu wol qixa te'anuu ti. Gollaa shanan wolitti qassiisii hodhi; jaan hafane kaanille gara kaaniin wolitti qassiisii hodhi. Gollaa jayeesso'oo Dunkaanii Woyyittii fuula duraan irra dachaasi. 10 Irga gollaa wolitti hodhamane ka qaraatitti qubeelee shantama, ka lammeesso'oo irralle'etti qubeelee shantama itti hodhi. 11 Hookkoo sageettu'uu shantama hujiitii, gollaa gama lamaanii san wolitti qassiisiisaan Dunkaanii Woyyittii takkattii akka teetu hookkoo san qubeelee shantama san keessa galchi. 12 Gollaan Dunkaanii Woyyitti'ii irraa hafe gamsi isaa gara duubaatiin gad rarra'uu ti. 13 Gara dheerinnaatiin, gollaan hafe gara lamaaniinuu, ciqileen tokko tokko Dunkaanii Woyyittii irra gad rarra'uu ti. 14 Gogaa korbeessa hoole'ee ka hallame irraa Dunkaanii Woyyittii saniif irbuusa huji; ka dhibiille gogaa hoolee galaanaa irraa hujiitii irra buusi.
15 «Mikikkiloota Dunkaanii Woyyittii ol dhaabbachiisanu muka gololchaa irraa huji. 16 Dheerinni mikikkiloota sanii ciqilee kudhan, badhinni isaanii ciqilee tokkoo fi wodhakkaa te'anuu ti. 17 Mikikkilooti Dunkaanii Woyyitti'ii sun akka wol keessa seenanu qaccee irratti gaafa lama ka cinaa wolii jiru huji; akka kanaan mikikkiloota Dunkaanii Woyyitti'ii mara huji. 18 Dunkaanii Woyyittii cinaa gara kibbaatiif mikikkiloota diddama huji. 19 Mikikkiloota diddama saniif shafee meetii irraa hujante afurtama huji; gaafoti lama ka mikikkila tokkoo akka keessa seenanuuf shafee lama lama huji. 20 Dunkaanii Woyyittii san cinaa gara kaabaatiif mikikkiloota diddama huji. 21 Mikikkiloota diddama saniif, shafee meetii irraa hujante afurtama hujiitii, mikikkila tokko tokko jala shafee lama lama keyi. 22 Dunkaanii Woyyittii cinaa gara aduun seentuutiif mikikkila jaa huji. 23 Roga irga irgaatiif mikikkila lama lama huji. 24 Roga lamaan kana irratti mikikkilooti kun jalaa haga gubba'aatitti lama lama te'anee, qubee takkattii keessa seenuu qaban. Gara lamaaniinuu akkasuma te'uu qaba. 25 Maarre mikikkiloota saddeetii fi shafee meetii irraa hujante kudhanii jaatti achi jira; mikikkila tokko tokkoofuu shafee lama lamatti itti keyama.
26 «Muka gololchaa* irraa danqaraa shanan mikikkiloota cinaa gara tokkootiif, 27 shan mikikkiloota cinaa gara kaaniitiif, shanan hafane mikikkiloota gara seensa adu'uu jiranuuf huji. 28 Danqaraan wodhakka'aa, mikikkiloota wodhakkaa cinaa kaan irraa haga cinaa gara kaaniititti fulla'uu ti. 29 Mikikkiloota san worqii itti gonfi; danqarooti sun akka keessa seenanu qubeelee worqi'ii huji; danqaroota sanille worqii itti gonfi.
30 «Dunkaanii Woyyittii san akka ani gaara irratti sitti mudhise sanitti dhaabi.
31 «Gollaa liilana quncee talba'aa dansaa ka bifa cuquliisaa, ka bifa dhiille'eetii fi diimaa irraa wolitti fowamee dhowanteen huji. Nami hujii harkaa beeku, fakkii dada ol-gubba'aa ta koola qadduu irratti hujuu ti. 32 Hookkoo worqii irraa hujame ka utuboota muka gololchaa ka worqiin itti gonfanteertu irra jiranu irratti fannisiitii, shafee meetii irraa hujame irra dhaabi. 33 Gollaa san hookkota san irratti fannis. Saanduqa Gondooro'oo gollaa san gara duubaatiin keyi; Gollaan sun addee irra caalaa woyyitti'ii fi addee woyyittii gargar qooda. 34 Qadaaddaa addee gumaa cubbu'uu, Saanduqa Gondooro'oo ka Addee Irra Caalaa Woyyittii san keessa jiru irra keyi. 35 Xarapheessaa addee irra caalaa woyyitti'iin ala Dunkaanii Woyyittii keessa gara kaabaatiin keyiitii, waan issaa irra keyanu fuullee isaa gara kibbaatiin keyi.
36 «Seensuma Dunkaanii Woyyitti'iitiif, gollaa liilana quncee talba'aa dansaa ka bifa cuquliisaa, ka bifa dhiille'eetii fi diimaa irraa nama hujii harkaa beekuun wolitti fowamee dhowame keyi. 37 Gollaa kanaaf hookkoo worqi'iitii fi utubaa muka gololchaa shan ka worqii itti gonfame huji. Utuboota kanaaf shafee sageettu'uu shan tumi.
* 26:26 Muka gololchaa: Muki gololchaa kun gosa muka waaccu'uu hedduu keessaa tokko. Inni akka malee jabaa waan te'eef ijaarsaaf barbaachisa'a.