30
Addee Ciinca'aa Ta Hixaana Itti ciincessanu
«Addee ciinca'aa ta hixaana itti ciincessanu muka gololchaatiin ijaari. Dheerinni isi'ii ciqilee tokko, badhinni isi'ii ciqilee tokko, hojjaan isi'ii ciqilee lama te'ee, rogi arfanuu wol qixa te'uu ti. Roga arfanittuu gaafota itti baasi. Gubbaa isi'iitii fi roga isi'ii mara, gaafota isi'iille worqii qulluu itti gonfi. Roga isi'ii irra naannessii xiyyoo worqi'ii itti huji. Danqaraa keessa loosanee addee ciinca'aa ittiin ba'atiisaaf, qubee worqi'ii lama hujiitii xiyyoo jalatti gama lamaanittuu qassiisi. Muka gololchaa irraa danqaraa hujiitii worqii itti gonfi. Addee ciinca'aa san gollaa Saanduqa Gondooro'ootiin duratti fannifameeruun fuula dura, qadaaddaa addee gumaan araara cubbu'uu irra keyamu ka Saanduqa Gondooro'oo irra jiru addee ani si'iin wol dhaggu san dura keyi.
«Aaron yennaa issaa qopheessu, ganama ganama addee ciinca'aa irratti hixaana foolee dansaa qabu aarsuu ti. Inni galgala dimimmisa yennaa issaa issu, hixaana aarsuu ti; maarre hixaanni dhaloota dhufuuf, ana Mootii Waan Maraa duratti yennaa mara hin aarfama. Addee ciinca'aa tana irratti hixaana dhooggame hin aarsin yookiin kennansa gubamu yookiin kennansa midhaanii hin dhikeessin; kennansa daadhii woyni'iille irratti hin dhibaasin. 10 Aaron wogga'atti yennaa tokko, gumaa cubbu'uu gaafota isi'ii irratti tolchuu ti. Gumaan araara cubbu'uu ka wogga'atti tolfamu kun dhiiga araaraa cubbu'uu woliin dhaloota dhufu maraaf tolfamuu qaba. Gumaan kun ana Mootii Waan Maraatiif irra caalaa woyyicha» jedhe.
Beesee Gumaa Araara Cubbu'uu
11 Mootiin Waan Maraa ammalle Muuse'een, 12 «Ati kolbaa Israa'elii yennaa laakkottu, isaan yennaa laakkowamanu, balaan akka isaanitti hin buune, wodoo lubbuu ifii ana Mootii Waan Maraatiif kaffalanuu ti. 13 Worri laakkossatti dabalamu martinuu akka madaallii Dunkaanii Woyyitti'iititti meetii gara giraama kudhanii tokkoo* kennuu ti. Kennansi kun ana Mootii Waan Maraatiif kennama. 14 Worri laakkossatti dabalamu marti, ka woggaa diddamaatii fi woggaa diddamaa olii, kennansa naaf kennanuu ti. 15 Gumaa araara cubbuu teessaniitiif, kennansa ana Mootii Waan Maraatiif yennaa kennitanu, dureessichi meetii gara giraama kudhanii tokkoo caalaa, hiyyeessille meetii gara giraama kudhanii tokkoo hanqisee hin kennin. 16 Beesee gumaa cubbu'uu tana Israa'eloota irraa fuudhiitii tajaajila Dunkaanii Woldeenna'aa irra oolchi. Lubbuu teessaniif gumaa cubbu'uu tolchiis kun isin Israa'elootaaf ana Mootii Waan Maraa duratti yaadannoo hin te'a» jedhe.
Gabataa Itti dhiqatanu
17 Mootiin Waan Maraa ammalle Muuse'een, 18 «Akka itti dhiqatanu, gabataa itti dhiqatanuu fi waan isa irra keyanu sageettuu irraa hujiitii wodhakkaa Dunkaanii Woldeenna'aatii fi addee ciinca'aa keyiitii, bisaan itti naqi. 19 Aaronii fi ilmaan isaa bisaan saniin harkaa fi miila ifii dhiqatanuu ti. 20 Isaan yennaa Dunkaanii Woldeenna'aa seenanu akka hin duune bisaan saniin dhiqatanuu ti. Isaan kennansa ibiddaan gubamu ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessiisaan tajaajiliisaaf gara addee ciinca'aa yennaa dhikaatanulle, 21 akka hin duuneef harkaa fi miila ifii bisaan saniin dhiqatanuu ti. Kun dhaloota dhufuuf, Aaronii fi sanyii isaatiif seerata bara baraa te'uu ti» jedhe.
Zayitii Muudaa
22 Mootiin Waan Maraa ammalle Muuse'een, 23 «Uddowaa dansaa: fiqiree qumbi'ii gara kiiloogiraama jaa, qarafaa gara kiiloogiraama sadii, marra uddowu gara kiiloogiraama sadii, 24 dakkara gara kiiloogiraama jaa fuudhiitii akka madaallii Dunkaanii Woyyitti'iititti, zayitii ejersaalle gara litirii afurii itti ede'iitii, 25 akka fiqiree worri hujii isi'ii beeku hujuu godhiitii zayitii muudamaa woyyittii huji. Isiin zayitii muudamaa woyyittii hin teeti. 26 Achiin duuba Dunkaanii Woldeenna'aatii fi Saanduqa Gondooro'oo, 27 xarapheessa'aa fi meya isaa mara, waan issaa irra keyanuu fi meya isi'ii mara, addee ciinca'aa ta hixaanni irratti aarfamu, 28 addee ciinca'aa ta kennansa gubamuutii fi meya isi'ii mara, akkasuma gabataa itti dhiqatanuu fi waan isa irra keyanu dibi. 29 Akka isaan irra caalaa woyyoomanu ati isaan woyyoonsi; isaanille irra caalaa woyyuu hin te'an; ka isaan tuqe marti woyyuu hin te'a. 30 Hayyoota te'anee akka na tajaajilanu Aaronii fi ilmaan isaa muudiitii woyyoonsi.
31 «Kolbaa Israa'eliitiin, ‹Tun dhaloota dhufuuf zayitii woyyittii tiyya ta muudamaa ti. 32 Zayitii tana nama mara irratti hin dhangalaasina'a. Zayitii akka kanaa ta dhibiille hin hujina'a; isiin woyyitti'i; akka isiin woyyuu teetelle qalbeeffadha'a. 33 Nami zayitii akka kanaa ta dhibii hujee, hayyoota malee nama dhibii muude marti, kolbaa ifii keessaa bawuu ti› jedhi» jedhe.
Hixaana Qopheessuu
34 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Uddowaa dansaa: ceem'aa muka uddowuu, uddowaa muka adda addaa irraa dhaggamu, aanan muka uddowuutii fi hixaana muka hin qanne ka madaalliin isaanii wol qixxee te'ane fuudhiitii, 35 akka fiqiree worri hujii isi'ii beeku hujuu, atille soodda itti naqiitii hixaana qulluu woyyicha qopheessi. 36 Isa irraa diqqaa isaa daakii bulleessiitii, Dunkaanii Woldeenna'aa keessaa addee ani si'iin wol dhaggu Saanduqa Gondooro'oo fuula dura keyi; inni irra caalaa woyyuu si'iif te'a. 37 Hixaana akkasii ifiif hin qopheeffatin; inni ana Mootii Waan Maraatiif woyyuu akka te'e qalbeeffadhu. 38 Nami ittiin gammadiisaaf hixaana akkasii hujate, kolbaa ifii keessaa bawuu ti» jedhe.
* 30:13 Gara giraama kudhanii tokkoo: Afaan Ibrootaatiin gamisa sheeqeli'ii jedha. 30:34 Ceem'aa mukaa: Hambee mukaa worri jedhulle hin jira.