5
Muraa Israa'elitti Murantu
«Isin hayyoota, tana dhage'a'a! Isin Israa'eloota hubadha'a! Ee, maatii moototaa caqasa'a! Muraan tun isin irratti muranti; isin Miispha'atti tiyyoo, gaara Taaborii irralle'etti caccoo afante teetaneertan. Worri finqilaan ijjeecha'atti jabaataneeran. Ani isaan mara hin adaba. Ani marroo Efreemotaa hin beeka; Israa'el na duraa dhokattee hin jirtu. Efreem, ati amma gara sagaagalaa deebiteerta; Israa'el battootteerti.
«Hujiin isaanii gara Waaqaa akka deebi'anu isaan hin gootu. Sagaagalummaan yaada isaanii keessa jirti; isaan Mootii Waan Maraa hin beekanu. Koorri Israa'elii isaanuma irratti dhugaa baya; Israa'elii fi Efreem cubbuu ifiitiin gufatan; Yihudaalle isaanuma woliin gufata. Isaan hoole'ee fi re'ee, loon ifiille fudhatanee Mootii Waan Maraa hin barbaadan; garuu inni isaan irraa waan adda bayeef, isaan isa hin dhagganu. Isaan Mootii Waan Maraatiif waan hin addataminiif, ijoollee ormaaf uumaneeran; tanaaf amma jilti baatii ji'aa ta isaanii, isaanii fi fichaa isaanii hin balleessiti.
Yihuda'aa fi Israa'el Wol Lolan
«Giibe'aa keessatti tultullaa, Raamaa keessatti suusullee afuufa'a. Bet-Aween keessatti iyya lolaa kaasa'a. ‹Ee, kolbaa Beniyaaminii, isinitti dhufane› jedha'a Guyyaa adabbi'ii Efreem duwwaa hin teeti; ani gosa Israa'elii oddu'utti dhugumaan waan te'uuf jiru lassiisatti jira.
10 «Sooreyyiin Yihuda'aa akka worra meessaa dhiibuu te'aneeran; ani mufii tiyya akka lolaa bisaanii isaan irratti hin dhangalaasa. 11 Efreem waaqota dharaa hordofiisa yaada waan qabuuf, cunqurfamee, muraan isatti dhutte. 12 Ani Efreemiif akka qu'e'ee*, kolbaa Yihuda'aatiif akka shanto'oo hin te'a.
13 «Efreem dhibee ifii, Yihudaan madaa ifii yennaa dhagge, achiin duuba Efreem gara biyya Asoorii deebi'ee, qarqaarsa dhaggatiisaaf mootii guddichatti ergate; inni ammoo dhibee isaanii fayyisuu, madaa isaaniille irraa balleessuu hin dandeenne. 14 Ani Efreemitti akka neenqaa, Yihudaalle'etti akka neenqa dardaraa hin te'a. Ani tatarsaasee kukkutee isaan biraa hin deema; fuudheelle hin deema; ka isaan baasu hin jiru.
15 «Haga isaan yakkaa ifii beekanutti, ani gara addee tiyyaa hin deebi'a. Isaanille fuula kiyya hin barbaadan; isaan rakkinna ifii keessa akka malee na hin barbaadan» jedhe.
* 5:12 Qu'e'ee: Yookiin qooqqanna'aa yookiin barbaara'aa jedhamuu hin dande'ama.