43
Waaqi Kolbaa Ifii Hin Woda
Amma ammoo, ee Yaaqoob, ka si dade,
ee Israa'el, ka si huje,
Mootiin Waan Maraa,
«Ani waan si wodeef hin sodaatin;
ani maqa'aan si waameera, ati kiyya.
Yennaa ati bisaan keessa dabartu
ani si woliin hin jiraadha;
yennaa ati laga gamatti buutu
bisaan si hin fudhatu;
ibidda keessa yennaa ideentu hin gubattu;
bobeenni ibiddaalle si hin gubu.
Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti,
Woyyichi Israa'elii
fayyisaa keeti.
Ani Gibxii wodoo teetiif,
Itoophiya'aa* fi Saabaa addee teeti hin kenna.
Ati na duratti gatii guddo'oo fi
ulfinna waan qadduuf,
ani waan si jaaladhuufille addee teeti kolbaa,
addee lubbuu teetii gosa biyya adda hin kenna.
Ani si woliin waan jiruuf hin sodaatin!
Ani ijoollee teeti karaa aduun baatu irraa hin fida;
karaa aduun seentulle'e isin
wolitti hin qaba.
Ani biyya kaabaatiin, ‹Kolbaa tiyya fida'a!›
Biyya kibbaatille'een,
‹Isaan hin dhooggina'a!› hin jedha;
ilmaan tiyya biyya fago'oo irraa,
ijoollee tiyya ta durraa qaccee biyya lafaatii fida'a.
Kolbaa maqaa kiyyaan waamante mara,
ta ani ulfinna kiyyaaf dadadhe,
ta ani bifa itti tolchee huje fida'a!» hin jedha.
Israa'el Dhugaa Baatota Mootii Waan Maraa Ti
Mootiin Waan Maraa, «Kolbaa tiyya ila adoo qadduu ta hin dhaggine,
gurra adoo qadduu ta hin dhageenne fida'a.
Gosi biyya adda addaa marti wolitti qabantuu ti;
kolbaan marti wolitti dachaatuu ti.
Isaan keessaa duraan dursee tana ka nutti hime,
waan dur te'eeru ka nutti lasse eennu?
Worri dhibiin dhage'ee,
‹Tun dhuga'a› akka jedhu,
sirrii akka te'ane mirkaneessiisaaf,
dhugaa baatota dhikeeffatanuu ti.
 
10 «Isin beettanee,
akka natti dhugeeffattanu,
tana ka godhe ana Waaqa dhuga'aa akka te'e
akka hubattanu,
isin kolbaan Israa'elii,
dhugaa baatota tiyya;
tajaajilaan ani filadhelle isinuma;
Anaan qara waaqi dhibiin hin jiru;
anaan duuballe hin jiraatu.
 
11 «Anumattuu Mootii Waan Maraa ti;
ana malee fayyisaan dhibiin hin jiru.
12 Ani duraan dursee himeera;
isin fayyiseera;
isinitti dubbadheera;
waaqoti ormaa odduu teessanitti
tana hin goone.
Ani Waaqa akka te'e
isin dhugaa baatota tiyya.
13 Ani duruuyyuu Waaqa;
gara duraalle ka jiraatu anuma.
Eennulle harka kiyya keessaa bawuu hin dande'u;
waan ani huju eentu jijjiiruu dande'a?» jedhe.
Israa'el Baabilon Jalaa Baate
14 Mootiin Waan Maraa ka isin wode, Woyyichi Israa'elii,
«Ani marroo teessaniif jedhee
loltoota tiyya Baabilonitti hin erga;
karra qachaa Baabilonii mara hin caccassa;
geerarsa worra Baabiloniille bowatti hin jijjiira.
15 Ani Mootiin Waan Maraa Woyyichi keessan,
ka Israa'el dade,
mootii keessan» jedha.
16 Mootiin Waan Maraa abbaayaa keessatti karaa,
bisaan jabaa keessatti daandii ka baase,
17 garreettota fardo'oon harkifamuu fi fardoo,
loltootaa fi gootota deebi'anee akka hin kaane,
achumatti akka hafanu,
akka bobe'a dhaamuu ka dhaanfe,
18 «Waan durii dedha'a;
waan dabare hin yaadina'a.
19 Kunoo, ani waan haareya hin godha;
isiin ammuma hin teeti;
isin hin hubatanuu?
Ani goomolee keessatti karaa,
lafa godduu keessalle'etti bisaan hin baasa.
20 Ani kolbaa tiyya ta filadhe obaasiisaaf,
goomolee keessatti bisaan,
lafa godduu keessalle'etti
lagi akka yaa'u waan godhuuf,
bineensoti, jeedalli fi guchiin
ulfinna naaf hin kennan.
21 Kolbaan ani ifiif dadadhelle
na hin leellifatti» jedha.
Cubbuu Israa'elii
22 Mootiin Waan Maraa, «Ee Yaaqoob, ati na hin waammanne;
ee Israa'el, ati na tajaajiliisa dadhaddeerta.
23 Ciincaa naaf dhikeessiisaaf
hoolee naaf hin finne;
ciincaa teetille'een
ulfinna naaf hin kennine.
Kennansa midhaanii akka naaf dhikeessitu,
ani ba'aa si'itti hin teene;
hixaana akka naaf aarsituufille
si hin dadhassiinne.
24 Beesee teetiin dakkara naaf hin binne;
yookiin ciincaa coomaa teetille'een
dharraa na hin baanne;
ammoo cubbuu teetiin ba'aa natti teetee,
yakkaa teetiin na dadhassiitte.
25 Ka ifumaaf jedhee,
yakkaa teeti si irraa balleessu anuma;
ani cubbuu teeti
deebi'ee si irratti hin laakkowu.
 
26 «Waan si godhe himadhu me!
Waan kana wol falmannuu ti;
sirrii akka teete himi.
27 Abbaan keeti ka qaraa cubbuu hujeera;
namooti si'iif dubbatanulle
na finqilaneeran.
28 Tanaaf ani qondaaltota
Galma keessaa hin salphisa;
Yaaqoob ijjumaa balleessee,
Israa'el hin qaanessa» jedha.
* 43:3 Itoophiyaa: Yaadannoo Dad. 2:13 irratti kenname ilaali.