40
1 Ammalle Mootiin Waan Maraa Iyoobiin,
2 «Nami ana Waaqa waan mara dande'u morkee
hin sirreessaa ree?
Ka Waaqa moromu deebii kennuu ti» jedhe.
Iyoob
3 Achiin duuba Iyoob deebisee Mootii Waan Maraatiin,
4 «Kunoo ani nami woy hin baane;
afaan kiyya qabatiisa malee,
maan si'iif deebisa ree?
5 Ani takkaa dubbadheera,
waan deebisu hin qabu;
lammeessoolle dubbadheera,
haganaa achi itti hin dabalu» jedhe.
6 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa hobonbolattii keessaa Iyoobitti dubbatee,
7 «Akka dhiiraa hidha keeti hidhadhu;
ani si gaafadha;
atille naaf deebis.
8 «Ati anaayyuu dokonkora keessa galchitaa?
Ati balchaa ifi godhiisaaf yakkaa natti murtaa?
9 Ati hunna akka hunna tiyyaa qaddaa?
Qoonqoon teetille akka qoonqoo tiyyaa hin mandiitii?
10 Arnyaa fi guddinnaan ifi kuuladhu;
ulfinnaa fi fudhatama dhaggatiisa uffadhu.
11 Worra kooru ilaaliitii qaanessi;
aarii teetille isaan irratti dhangalaas.
12 Worra kooru duudii gad qabi;
worra hamoota lafa isaan dhaabbatanetti butuchi.
13 Fuula isaan mariitii
biyya lafaa ta jalaatitti
mara isaaniituu wolumatti awwaali.
14 Achiin duuba akka ati hunnuma teetiin injifattu,
anille dhugaa si'iif hin baya.
15 «Roophii ta ani akkuma si dade, isiille dade ilaali;
isiin akkuma qotiyyo'oo marra dheeddi.
16 Jabeenni isi'ii hidha isi'ii keessa,
hunni isi'ii morgeya gadhaa isi'ii keessa jirti.
17 Eegeen isi'ii akka hindheensaa sooti'i;
morgey miila isi'iille jaba'a.
18 Lafeen isi'ii akka uujjummee sageettu'uu ti;
harkii fi miilli isi'ii akka ulee sibiilaa ti.
19 Isiin dada ani dade duudii keessaa ta qaraa ti;
ana malee ka isii injifatu hin jiru.
20 Gaaroti bineensoti duudiin irra burraaqanu,
marra isiin dheeddu baasaniif.
21 Isiin haxanxarii qore'ee jala ciittee,
caffaa keessa
odduu alladdu'uutitti dhokatti.
22 Haxanxariin qore'ee gaaddisa ifiitiin isii golliti;
muki olaati'iille isii hin marsa.
23 Yennaa lagi guutee danbala'u hin sodaattu;
lagi Yordaanosii guutulle hin rifattu.
24 Eennulle adoo ilti roophi'ii dhaggituu isii qabuu,
yookiin malxaqqo'oon funnaan isi'ii uruu dande'a ree?