Kitaaba Ermiyaasii Raagichaa
Seensa
Ermiyaasiin raagichi dhaloota Kiristoosiitiin dura haga dhuma jaarraa torbeesso'ootii fi jalqaba jaarraa jayeesso'oo le'e. Ermiyaas tajaajila woggaa dheera'aa kana keessatti, sababa kolbaan waaqota dharaa waaqonfattee fi sababa cubbuu isaaniitiif badiin jadduun kolbaa Waaqaa akka dhaqqaddu ifi eeggachiise. Inni raaga hedduu dubbate keessaa ka asii gad jiranu bara le'ii ifii keessatti muummowanuun dhaggeera. Mootiin baabilonii Nebukadnezaar Yerusaalem qabatee, qacha'aa fi Galma Waaqaa akka diigu, mootiin Yihuda'aalle kolbaa bacaa woliin booji'amee gara Baabilonii akka fudhatamu Ermiyaas dhaggeera. Kolbaan Israa'elii boojuu irraa akka deebituu fi mootummaan Israa'elii adde'etti akka deebitu raageera.
Kitaab Ermiyaasii raagichaa addee afuritti qoodamuu dande'a. (1) Bara mootummaa Yosiyaasii, Yehoyaaqiimii, Yehoyaakiiniitii fi Zedeqiiya'aa, jecha Waaqaa ka gara kolbaa Yihuda'aatii fi bulchitoota isaanii dhufe. (2) Raaga adda addaa, waan jiruu Ermiyaasii irratti muummowee fi barreeffama yaadannoo Baarokii barreessaa Ermiyaasii irraa dhaggame. (3) Ergaa Waaqaa ta gosa biyya adda addaa ta ormaatiif dabarte. (4) Dabarsii marroo qabamiisa Yerusaalemiitii fi marroo kolbaa booji'antee gara Baabilonii fudhatantee. Ermiyaas nama guddoo kolbaa jaalatuu fi isaan irratti muraa badi'ii dabarsiisa nama akka malee jibbu. Akka inni raagaa te'ee tajaajiluuf, Waaqi waan isa waameef, inni waan itti rakkatee gadde kitaaba kana keessatti addee baca'atti dubbateera. Jechi Mootii Waan Maraa gadhaa isaa keessatti akka ibiddaa waan te'eef, dhossee hamburatiisa hin dandeenne.
Kitaaba kana keessatti dubbii raagaa gugurdoo barreeffante keessaa gariin, bara Ermiyaasii ka rakkoo itti bacatte irra dabartee, gondooroon haaretti Waaqi isaan woliin godhe yennaa muummottu ta mudhittu. Gondooroon haaretti gadhaa kolba'aa keessatti waan barreeffantuuf, barsiisaan isaan qaabachiisu adoo hin jiraatin hin eegatan (31:31-34).
Haadhoo Dubbi'ii
Waamamiisa Ermiyaasii1:1-19
Waaqi Kolbaa Yihuda'aatii fi Israa'elii akka adabu2:1—25:38
Ermiyaasii raagota dharaa morme 26—29
Waaqi kolbaa ifii gara lafa isaaniititti hin deebisa 30—33
Tajaajila Ermiyaasii ka adda addaa 34—38
Jinnana Yerusaalemiitii fi waan Yihudaa irratti te'e 38—42
Ermiyaas lafa Gibxi'ii keessatti 43—44
Ergaa Baarookiif ergante 45
Raaga raagichi kolbaa gosa biyya adda addaa irratti raage 46—51
Jinnana Yerusaalemii 52
1
Dubbiin Ermiyaasiin ilmi Hilqiiya'aa dubbate ta asii gad jirtu; abbaan isaa hayyoota lafa Beniyaaminii keessaa worra qachaa Anaatotii keessa jiranu keessaa tokko. Ilmi Amoonii Yosiyaas mootii Yihuda'aa te'ee, woggaa kudhanii sadeesso'ootitti jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii dhufe. Ammalle bara mootummaa Yehoyaaqiimii ilma Yosiyaasii mootii Yihuda'aatii, haga dhuma woggaa kudhanii tokkeessoo mootummaa Zedeqiiyaa ilma Yosiyaasiititti, wogguma san keessa haga ji'a shaneesso'oo ta kolbaan Yerusaalemii itti booji'antetti jechi Mootii Waan Maraa gara isaa dhufe.
Waamamiisa Ermiyaasii
Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, «Ani gadhaa haadha teetii keessatti adoo si hin dadin si beeke; adoo ati hin dhalatin adda si baafadhee, gosa biyya adda addaatiif, raagaa akka teetu si filadhe» naan jedhe.
Anille deebisee, «Maalo'o, Goottaa Mootii Waan Maraa, ani ijoollee waan te'eef attam akka dubbadhu hin beeku» jedhe.
Mootii Waan Maraa ammoo anaan, «Gara ani si ergu mara dhaqiitii, waan ani si ajaju mara godhi malee, ‹Ani ijoolle'e› hin jedhin. Ani si baasiisaaf si woliin waan jiruuf, isaan hin sodaatin» jedhe.
Achiin duuba Mootiin Waan Maraa harka ifii diriirsee hidhii tiyya tuqee, anaan, «Kunoo ani jecha kiyya ka ati dubbattu afaan keeti keessa keyeera; 10 akka buqqituu fi akka diiddu, akka balleessituu fi akka garagalchitu, akka ijaartuu fi akka dhaaddu, gosa biyya adda addaatii fi mootota irratti si muudeera» jedhe.
Ermiyaas Mudhii Lama Dhagge
11 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, «Ee, Ermiyaas! Maan dhaggiisatti jirta?» jedhee na gaafate.
Anille deebisee, «Damee muka ‹Almond› jedhamuu dhaggiisatti jira» jedheen.
12 Mootiin Waan Maraalle, «Ee, sirri'itti dhaggiteerta; wonni ani jedhe haga muummottutti xiyyeeffadhee hin eega» jedhe.
13 Ammalle jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, «Maan dhaggiisatti jirta?» jedhee na gaafate.
Anille deebisee, «Okkotee gara kaabaatii asi garagaltee danfitu takka dhagga» jedhe.
14 Mootiin Waan Maraalle anaan, «Gara kaabaatiin kolbaa lafa irra leetu mara irratti badiin hin dhutti» jedhe. 15 Mootiin Waan Maraa, «Kunoo ani kolbaa mootummoota kaabaa keessa jirtu mara hin waama; moototi isaanii dhufanee, Yerusaalemii fi adaala dalleya isi'ii ka dhaka'aa mara, qachoota Yihuda'aa mara lolanee, barcumaa mootumma'aa ifii seensuma karra Yerusaalemii keessa hin keyatan. 16 Kolbaan tiyya na lakkittee waan hantuu hujjee, waaqota dhibi'iif hixaana aarsitee, waan harka ifiitiin hujje waan waaqonfataneef, ani isaanitti hin mura. 17 Ati ammoo ka'iitii hidha keeti hidhadhuu, waan ani si ajaju mara isaanitti himi. Ati isaaniif hin bararaqin; yoo bararaxxe, akka ati isaan duratti bararaxxu godha. 18 Ati lafa Yihuda'aa mara, mootota Yihuda'aa, bulchitoota isi'ii, hayyoota isi'iitii fi kolbaa lafa sanii mara akka injifattuuf, kunoo, ani adha akka qachaa dalleya dhaka'aa qabuu, akka utubaa sibiilaa, akka dalleya sageettu'uu si godheera. 19 Isaan si hin lolan, ani ammoo si baasiisaaf, si woliin waan jiruuf, isaan si hin injifatanu» jedhe.