20
Ermiyaasii Fi Phashihur
1 Dura bu'aan Galma Waaqaa, ilmi Iimerii hayyichi Phashihur, Ermiyaas raaga kana raaguun yennaa dhage'e,
2 raagicha Ermiyaas dhaanee, karra Galma Waaqaa ta Beniyaaminii ta gatiiti'iititti miila isaa jirma lama wodhakkaa galchee hidhe.
3 Boruyyaa Phashihur yennaa jirma lama san wodhakka'aa Ermiyaas hiike, Ermiyaas isaan, «Haganaa achi Mootiin Waan Maraa, ‹Maagor Miisaabiib› jedhee si waama malee ‹Phashihur› si'iin hin jedhu» jedhe.
4 Mootiin Waan Maraa, «Si'ii fi jaalota teeti mara akka bararaxxanu hin godha; adoo ati ilaan dhaggituu shallaagaa diinotaatiin hin dhumatan; ani kolbaa Yihuda'aa mara harka mootii Baabilonii ka isaan booji'utti yookiin ka isaan ijjeesutti dabarsee hin kenna.
5 Qabeenna qachaa kanaa mara, waan qachaan kun dhaggatu mara, meya gatii guddo'ootii fi karra mootota Yihuda'aa mara harka diinota isaaniititti dabarsee hin kenna; isaanille saamanee gara biyya Baabilonii hin geessan.
6 Ee Phashihur, atii fi worri mana keeti keessa le'u marti gara Baabilonii booji'antanee hin deentan; ati jaalota teeti ta raaga dharaa isaaniif raadde mara woliin duutee, achitti hin awwaalanta» jedhe.
Gungunsuu Ermiyaasii
7 Ee Mootii Waan Maraa!
Ati na sodde;
anille sobame.
Ati na caalaa jabaa waan teeteef
na injifatte.
Guyyaa mara nami natti murga;
nami marti natti kolla.
8 Ani yennaa dubbadhu mara qoonqoo ol qabadhee,
marroo hunnaan nama irratti ka'iisaatii fi
marroo badi'ii dubbadha;
guyyaa mara Jechi Mootii Waan Maraa
arrabaa fi qaanii natti fide.
9 Ani ammoo, «Haganaa achi maqaa waaqaa hin dhowu;
maqaa isaatille'een waan tokkolle hin dubbadhu» yoo jedhe,
jechi isaa gadhaa kiyya keessatti akka ibiddaa bobe'ee,
lafee tiyya keessa lixe.
Ifi keessatti qabatiisa dadhabe;
ijjumaa hin dandeenne.
10 Ani worri bacaan hasaasaa, «Bararaqi addee mara jira;
waan inni jedhe hima'a!
Kowa'a waan inni jedhe hinnaa!» jedhanuun dhage'e.
Jaaloti tiyya marti, «Inni hin sobama fa'a te'a;
achiin duuba isa injifannee,
haluu teennalle isa hin baana» jedhaa gufatiisa kiyya eegan.
11 Mootiin Waan Maraa ammoo
akka loltuu jabaa jannaa na woliin jira;
tanaaf worri na ari'u hin jiga malee
na hin injifatu.
Isaan akka malee qaanowan malee
wonni isaan yaadanu isaaniif hin teetu.
Salphinni isaaniille
ijjumaa hin dedhamu.
12 Ee Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadde,
ka balchaa haga ilaaltu,
ka gadha'aa fi qalbii qorqortu,
haajaa kiyya waan sitti kennadheeruuf,
yennaa ati isaan haluu baatu,
ani isaan dhagguu ti.
13 Mootiin Waan Maraa lubbuu worra rakkata'aa
harka worra hamoole'ee keessaa waan baaseef
isaaf faarsa'a;
isa leellifadha'a.
14 Guyyaan ani dhaladhe ka abaarame te'uu ti!
Guyyaan haati tiyya na deette hin eebbifamin!
15 Nami abbaa kiyyaan, «Ilmi si'iif dhalateera» jedhee,
oduu gammadaa itti himee isa gammachiisu
ka abaarame te'uu ti.
16 Nami sun akka qachaa marartii malee
Mootiin Waan Maraa balleessee te'uu ti!
Ganama bowa,
orraa iyya lolaa dhage'uu ti!
17 Sababille inni gadhaa haadha tiyyaa keessatti
na hin ijjeenne;
silaa isiin addee awwaalaa naaf teetee,
haga bara baraa gadhaachottee turtiiyyu.
18 Ani rakkinnaa fi gadda dhaggiisaaf
bara kiyya qaani'iin muummeffatiisaaf
gadaamessa haadha tiyyaa keessaa maaf baye?