32
Ermiyaas Fichaa Bitate
1 Zedeqiiyaan mootii biyya Yihuda'aa te'ee woggaa kudhaneesso'ootitti, mootiin Baabilonii Nebukadnezaar mootii te'ee woggaa kudhanii saddeetesso'ootitti jechi Mootii Waan Maraa biraa gara Ermiyaasii dhufe ka asii gad jiru:
2 Yennaa san loltooti mootii Baabilonii Yerusaalem marsaneeraniiyyu; raagichi Ermiyaasille kolloo eeddotaa ta badhinna mana mootumma'aa ka mootii Yihuda'aa duraa keessatti hidhameeraayyu.
3 Mootiin Yihuda'aa Zedeqiiyaan ka inni waan Mootiin Waan Maraa isatti mudhise raaga dubbateef isa hidhe sun, «Ati maaniif, ‹Mootiin Waan Maraa: Kunoo ani qachaa kana harka mootii Baabiloniititti dabarsee hin kenna; innille hin qabata.
4 Mootiin Yihuda'aa Zedeqiiyaalle dhugumaan harka mootii Baabiloniititti dabarfamee hin kennama malee isa jalaa hin miliqu; inni mootii Baabilonii ilaan dhaggee, isa dura dhaabbatee, isa woliin hin dubbata.
5 Inni Zedeqiiyaa gara Baabilonii hin geessa; haga ani murtee isaaf kennutti inni achuma tura; worra Baabilonotaa yoo loltanelle hin injifattanu jedha› jette» jedhe.
6 Ermiyaas, «Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
7 ‹Hanaami'el ilmi obboleessa abbaa keetii Shaalum, gara keeti dhufee: Ati fira aanti'ii waan teeteef, fichaa kiyya ka qachaa Anaatotii bira jiru, akka seeraatitti wodatiisaaf mirga qadda si'iin hin jedha› anaan jedhe.
8 «Akkuma jechi Mootii Waan Maraa jedhe, ilmi obboleessa abbaa kiyyaa Hanaami'el badhinna mana hidha'aa ka addee eeddotaatitti gara kiyya dhufee, ‹Fichaa kiyya ka qachaa Anaatotii bira lafa Beniyaaminii keessa jiru akka seeraatitti wodatiisaaf nami mirga qabu si waan teeteef, wodadhuu ifiif hamburadhu› anaan jedhe; maarre anille tun akka jecha Mootii Waan Maraa teete beekee,
9 lafa Hanaami'elii ilma obboleessa abbaa kiyyaa ta qachaa Anaatotii bira jiru san meetii gara giraama dhibba lamaa kennee irraa bitadhe.
10 Wolii galtee bitta'aa san addee dhugaa baatoti jirtutti itti mallatteessee chaappaa itti dhowe; meetiille madaala irratti isaaf madaale.
11 Achiin duuba garagalcha wolii galtee bitta'aa ta chaappaan itti dhowamee fi ta chaappaan itti hin dhowamin fuudhee,
12 ilma obboleessa abbaa kiyyaa Hanaami'el, dhugaa baatota wolii galtee irratti mallatteessanee fi Yihudoota badhinna mana hidha'aa tee'aneeranu mara duratti, akaakoo Maaseya'aa, ilma Neriiya'aa Baarukitti kenne.
13 Isaanuma duratti qajeelfama kana Baarukitti kennee:
14 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, ‹Wolii galtee bitta'aa ta chaappaan itti dhowamee fi ta chaappaan itti hin dhowamin tana fuudhiitii, akka isiin yennaa hedduu turtuuf, okkotee keessatti massi.
15 Lafa tana keessatti namooti mana, ficha'aa fi oorruu muka woynii itti dhaabbatanu yennaan bitatanu hin dhutti jedha› jedhiin» jedhe.
Daadimata Ermiyaasii
16 Wolii galtee bitta'aa ilma Neriiya'aa Baarukitti kenneen duuba, ani gara Mootii Waan Maraa daadimadhee,
17 «Ee Goottaa, Mootii Waan Maraa! Ati jabeenna keeti gudda'aa fi irree teeti hunnaametti'iin lafaa fi ol-gubbaa daddeerta; wonni ati hin dandeenne takkaalle hin jirtu.
18 Ati namoota kuma heddu'uuf jaalala keeti ka bara baraa hin mudhitta; te'uu malee, yakkaa abbooti'ii sanyii isaaniititti hin laakkotta. Ati Waaqa guddaa hunnaamesa; maqaan keeti Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara dade.
19 Kaayoon teeti guddo'o; hujiin teetille hunnaametti'i. Ilti teeti waan ilmaan namaa hujju mara dhaggiti; tokko tokkoofuu akka ideensa isaatii fi akka hujii isaatitti gatii isaaf hin kennita.
20 Ati beessisa bilbaasaatii fi maadee biyya Gibxi'ii keessatti hujjeerta; haga adhalle Israa'elii fi ilmaan namaa mara oddu'utti akkasuma hujiisatti jirta; tanaaf maqaan keeti biyya mara keessatti haga adhaa beekkame.
21 Ati beessisaa fi maade'een, jabeenna keeti gudda'aa fi irree teeti hunnaametti'iin, waan guddoo nama bararassuun kolbaa Israa'elii biyya Gibxi'ii keessaa baatteerta;
22 lafa abbootii isaanii ta duriitiif kenniisaaf kakatte, lafa aananii fi dammaa tana isaaniif kennite.
23 Isaanille lafa sanitti galanee qabatane; isaan ammoo si'iif hin ajajane yookiin seera keeti hin eegane; waan ati isaan ajajjelle hin muummessine; tanaaf ati badii tana mara isaanitti fidde.
24 «Worri Baabilonii qachaa qabatiisaaf kaabii attam akka itti marsanee ijaaranee ilaali; sababa woraanaatiin, sababa beelaatii fi bala'aatiin worra qachaa kana loliisatti jiru harka worra Baabiloniititti qachaan kun dabarfamee hin kennama. Kunoo akkuma ati dhaggitu, wonni ati dubbatte teeteerti.
25 Ee Goottaa, Mootii Waan Maraa! Qachaan harka worra Baabiloniititti dabarfamee akka kennamu adoo beettuu ati, ‹Dhugaa baatota biratti meeti'iin lafa bitadhu› naan jettee?» jedhe.
26 Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii dhufee,
27 «Ani Mootii Waan Maraa Waaqa nama maraa ti; wonni ani hin dandeenne jirtii ree?
28 Tanaaf Ani qachaa kana harka Nebukadnezaarii mootii Baabiloniititti dabarsee hin kenna; innille hin qabata.
29 Worri Baabilonii ka qachaa kana loliisatti jiru, seenanee qachaa kana ibiddaan hin guban; mana isaan na aarsiisaaf heellichoo manaa irratti hixaana Ba'aaliif aarsanuu fi mana isaan waaqota dhibi'iif kennansa daadhii woyni'ii itti dhikeessanu san mara hin guban.
30 Kolbaan Israa'eliitii fi Yihuda'aa jalqabuma irraa jalqabanee fuula kiyya duratti waan hantuu qofa hujane; isaan waan harka ifiitiin hujaneen na aarsane malee wonni isaan hujane takkaalle hin jirtu.
31 Isaan qachaa kana haga ijaarameen jalqabanee haga ammaatitti na aarsanee waan na mufachiisaneef ani qachaa kana fuula kiyya duraa hin balleessa.
32 Kolbaan Israa'eliitii fi Yihuda'aa, moototi isaanii, qondaaltoti isaanii, hayyootii fi raagoti isaanii hujii hantuu hujanee waan na aarsaneef, ani qachaa kana hin balleessa.
33 Adoo ani deddeebi'ee isaan gorsuu, isaan dudda natti galane malee fuula natti hin galle; isaan gorsa kiyyalle hin caqanne yookiin adabbii tiyyalle'een hin deebine.
34 Isaan waaqota dharaa ka jibbisiisu Galma maqaan kiyya keessatti waamamu keessa keyanee batteessane.
35 Ilmaan ifiitii fi ijoollee ifii ta durraa waaqa dharaa ka, ‹Moleek› jedhamuuf ciincaa dhikeessiisaaf, dhooqa Ben-Hiinomii keessatti waaqa dharaa Ba'aaliif, addee waaqonfanna'aa ijaarane; isaan waan jibbisiisaa akkasiitiin, kolbaan Yihuda'aa cubbuu akka hujju godhane; ani waan akkasii kana akka isaan naaf godhanu, isaan hin ajajne yookiin qalbii tiyya keessatti hin yaadanne.
36 «Isin kolbaan, ‹Qachaan kun sababa woraanaatiin, sababa beelaatii fi bala'aatiin harka Nebukadnezaarii mootii Baabiloniititti dabarfamee hin kennama› jettan; ani Mootii Waan Maraa Waaqi Israa'elii ammoo,
37 kolbaa aari'ii fi mufii tiyya jaddu'uun lafa itti bittinneesse mara keessaa dhugumaan wolitti hin qaba; gara addee tanaatitti deebisee isaan fidee akka isaan nageyaan le'anu hin godha.
38 Isaan kolbaa tiyya hin te'an; anille Waaqa isaaniif hin te'a.
39 Isaan yennaa mara akka na sodaatanu, isaaniif, sanyii isaaniitiifille wonni dansaan akka teetu, ani gadhaa tokkochaa fi yaada tokkocha isaaniif hin kenna.
40 Ani gondooroo bara baraa isaan woliin hin godhadha; waan dansaa isaaniif godhiisa hin lakkisu; akka isaan na irraa hin fagaanneef, ulfinna akka isaan naaf kennanu hin godha.
41 Ani waan dansaa isaaniif godhiisatti hin gammada; ani dhugumaan gadhaa kiyyaa fi yaada kiyya tokkochaan akka isaan lafa tana keessa le'anu hin godha.
42 «Kolbaa tana irratti badii guddoo tana mara akkuma fide, waan dansaa isaaniif waadaa gale mara isaaniif hin kenna.
43 Lafa isin, ‹Latti tun harka worra Baabiloniititti dabarfantee waan kennanteef, ontee ta nami yookiin horiin keessa hin jirre teeteerti› jettanu tana keessatti nami deebi'ee fichaa hin bitata.
44 Ani biyya isaan itti booji'amane keessaa waan isaan deebisuuf, biyya Beniyaaminii keessatti, ollaa adaala Yerusaalemii keessatti, qachoota Yihuda'aa keessatti, qachoota biyya koobitti'ii keessatti, qachoota kooba gara aduun seentuu jalaatii fi qachoota kibba Yihuda'aa keessatti namooti fichaa meeti'iin hin bitatan; dhugaa baatota duratti wolii galtee irratti mallatteessanee chaappaa itti hin dhowan» jedhe.