24
1 Bara Yehoyaaqiim bulche keessa, mootiin Baabilonii Nebukadnezaar biyya Yihuda'aatitti duulee qabate; mootichi Yehoyaaqiim woggaa sad isa jalatti bule. Achiin duuba yaada ifii jijjiiratee isa irratti ka'e.
2 Mootiin Waan Maraa karaa tajaajiltoota ifii raagotaatiin akkuma dubbate garee loltoota Baabilonii, garee loltoota Sooriya'aa, garee loltoota Mo'aabiitii fi garee loltoota Amoonotaa mooticha Yehoyaaqiim irratti kaasee, biyya Yihuda'aa akka balleessanuuf erge.
3 Sababa cubbuu mootichi Minaaseen huje maraatiif, Mootiin Waan Maraa fuula ifii duraa isaan balleessiisaaf, ajaja isaatiin kolbaa Yihuda'aa irratti tun teete.
4 Sababa Minaaseen dhiiga namoota balleessaa hin qanneelle dhangalaasee, Yerusaalem dhiigaan guuteef, Mootiin Waan Maraa araaramuu hin barbaanne.
5 Wonni dhibiin ta Yehoyaaqiim huje duudiin, kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti.
6 Yehoyaaqiim du'ee, addee isaatitti ilmi isaa Yehoyaakiin mootii te'e.
7 Mootiin Baabilonii lafa Gibxi qabattee turte mara, laga Gibxi'iitii kaasee haga laga Efraaxiisii waan qabateef, mootiin Gibxi'ii biyya ifiitii bayee deebi'ee hin duulle.
Mootii Yihuda'aa Yehoyaakiin
(2 Dab. 36:9-10)
8 Yehoyaakiin yennaa mootii te'e nama woggaa kudhanii saddeetii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee, ji'a sad bulche. Maqaan haadha isaa Nehushta'a; isiin intala Elnaataanii nama qachaa Yerusaalemii ti.
9 Yehoyaakiin akkuma abbaa ifii Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje.
10 Bara Yehoyaakiin bulche keessa, loltooti Nebukadnezaarii mootii Baabilonii, dhaqanee Yerusaalem marsane.
11 Adoo loltooti isaa qachaa san marsanee jiranuu, Nebukadnezaar ifiifuu gara Yerusaalemii dhufe.
12 Mootiin Yihuda'aa Yehoyaakiin, haati isaa, tajaajiltooti isaa, qondaaltoti isaatii fi qondaaltoti mana mootumma'aa keessaa mootii Baabiloniititti harka kennatane; mootiin Baabilonii Nebukadnezaar mootii te'ee, woggaa saddeetesso'ootitti Yehoyaakiin booji'ee,
13 akkuma Mootiin Waan Maraa dubbate, Nebukadnezaar qabeenna Galma Mootii Waan Maraatii fi qabeenna mana mootumma'aa mara fudhate; meya worqi'ii ka mootiin Israa'elii Solomoon Galma Mootii Waan Maraatiif huje mara caccassee, worqii fudhate.
14 Inni hiyyeeyyota qofa biyya Yihuda'aa keessatti lakkisee, kolbaa Yerusaalemii mara, qondaaltota mara, loltoota mara, namoota hujii harkaa hujanuu fi sibiila tumanu mara wolumatti namoota kuma kudhan booji'e.
15 Mootiin Baabilonii Nebukadnezaar Yehoyaakiinii mooticha, haadha isaa, niitota isaa, qondaaltota mana mootummaa isaatii fi sooressitoota Yihuda'aa Yerusaalem irraa gara Baabilonii booji'e.
16 Mootiin Baabilonii loltoota jajjaba kuma torba ka lola dande'anu mara, worra hujii harkaa hujanuu fi namoota sibiila tumanu kuma tokko booji'ee, gara biyya Baabilonii geesse.
17 Mootiin Baabilonii Nebukadnezaar abbaa diqqaa Yehoyaakiinii Mataaniyaa addee Yehoyaakiiniititti mootii godhee, maqaa isaa jijjiiree, «Zedeqiiyaa» jedhe.
Mootii Yihuda'aa Zedeqiiyaa
(2 Dab. 36:11-12; Erm. 52:1-3)
18 Zedeqiiyaan yennaa mootii te'e nama woggaa diddamii tokko ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee, woggaa kudhanii tokko bulche. Maqaan haadha isaa Hamutaal; isiin intala Ermiyaasii nama qachaa Liibana'aa ti.
19 Zedeqiiyaan akkuma Yehoyaaqiimii Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje.
20 Mootiin Waan Maraa waan isaanitti aareef, kolbaa Yerusaalemiitii fi Yihuda'aa irratti tun marti teete; muummee irratti inni fuula ifii duraa isaan balleesse.