11
Yesuus Ulfinna Gudda'aan Yerusaalem Seene
(Mat. 21:1-11; Luq. 19:28-40; Yoh. 12:12-19)
Isaan akkuma Yerusaalemitti dhikaataneen, Betfaage'ee fi Bitaaniya'atti, gaara Ejersaa bira geyane. Yesuus barattoota ifii keessaa nama lamaaniin, «Gara ollaa isiniin dura jiruu dhaqa'a; akkuma achi geettaneen ilmayyoo harre'ee mandiida* hidhameeruun hin dhaggitan; hiika'aatii as fida'a. Eennulle ‹Maaf hiittan?› jedhee yoo isin gaafate, ‹Gootta'atti barbaada; inni adoo hin turin hin deebisa› jedha'aan» jedhee erge.
Maarre isaan dhaqanee, ilmayyoo harre'ee balbala takka duratti, karaa qarqaratti hidhameeruun dhaggane. Adoo isaan hiikiisatti jiranuu, worra achi dhaabbataneeranu keessaa namooti gariin, «Maaf ilmayyoo harre'ee hiittan?» jedhanee isaan gaafatane. Barattootille waan Yesuus jedhe isaanitti himane; isaanille lakkisane. Barattooti ilmayyoo harre'ee gara Yesuusii fidanee, woyaa ifii harree irra buusane; innille irra tee'e. Nami hedduun uffana ifii, worri dhibiin dameelee baalaa raaqaa caccassanee karaa irratti afane.
Worri dura ideemanuu fi worri duubaan hordofanu, «Hosaa'inaa! maqaa Gootta'aatiin ka dhufu ka eebbifame! 10 Mootummaan abbaa keenna Daawitii ta dhuttu ta eebbifante! Ol-gubba'atti Hosaa'inaa!» qoonqoo guddo'oon jedhane.
11 Yesuus Yerusaalem geyee, Galma Waaqaa dhaqee, waan adaala sanii mara ilaale. Ammoo waan dhiiteertuuf barattoota ifii kudhanii lamaan wolii gara Bitaaniya'aa dhaqe.
Yesuus Muka Harru'uu Tokko Abaare
(Mat. 21:18-19)
12 Guyyaa lammeesso'oo yennaa isaan Bitaaniya'aa deebi'anu Yesuus beelaye. 13 Inni harruu urruuba takka fago'otti dhaggee, midhaan irraa dhaggadhaa laati jedhee, ilaaliisaaf dhaqe. Ammoo inni yennaa isii bira geye, yennaan sun yennaa harruun midhaan buuttu waan te'uu dhabeef, baala malee waan tokkolle irraa dhabe. 14 Maarre Yesuus harruu saniin, «Eennulle ijjumaa deebi'ee midhaan si irraa hin nyaatin!» jedhe. Barattooti isaalle waan inni jedhe kana dhage'ane.
Yesuus Gara Galma Waaqaa Dhaqe
(Mat. 21:12-17; Luq. 19:45-48; Yoh. 2:12-22)
15 Yennaa isaan Yerusaalem geyane, Yesuus gara Galma Waaqaa dhaqee, worra Galma Waaqaa keessatti wo bituu fi gurguratu mara gad yaase. Inni Xarapheessaa worra birrii jijjiiratuutii fi barcumaa worra saphaliisa gurguratuu garaggaggalchee, 16 eennulle dalleya Galma Waaqaa keessa meya tokkolle ba'atee akka hin qaxxaamurre dhoogge. 17 Achiin duuba inni, « ‹Manni kiyya gosa maraafuu mana daadimataa te'a› jedhamee barreeffameera. Isin ammoo goda hattuun itti dhokattu tolchitane» jedhee kolbaa barsiise.
18 Sooreyyiin hayyootaatii fi barsiisoti Seera Muuse'ee, waan Yesuus jedhe dhage'anee, mala isa ittiin ijjeesanu barbaadiisatti ka'ane. Waan gumiin barsiisa isaa akka malee baaseffatteertuuf, isaan isa sodaatane.
19 Galgala san, Yesuusii fi barattooti isaa qacha'aa bayane.
Gogiisa Muka Harru'uu
(Mat. 21:20-22)
20 Guyyaa lammeesso'oo ganama, adoo karaa san dabaranuu, harruun hidda isi'ii mara woliin goddeertuun dhaggane. 21 Pheexroos waan Yesuus harru'uun jedheeru qaabatee, «Barsiisa'a, ilaali! Harruun ati abaarte goddeerti» Yesuusiin jedhe.
22 Yesuusille deebisee, «Waaqatti dhugeeffadha'a. 23 Dhugumaan isiniin jedha; eennulle gadhaa ifiititti adoo hin mamin gaara kanaan, ‹Asii ka'iitii, gara abbaaya'aa ifi darbi!› yoo jedhe, wonni inni jedhulle akka teetuuf yoo dhugeeffate, wonni sun isaaf hin teeti.+ 24 Tanaaf ani isinitti hima; yennaa daadimattanuu fi waan tokko gaafattanu, akka fudhattaneetitti dhugeeffadha'a; wonni gaafattanu mara isiniif hin kennama.
25 «Yennaa daadimatiisaaf kaatanee dhaabbattanu, abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru yakkaa keessan akka isinii araaramu, eennulle irratti quuqaa yoo qabaattane araarama'a.+ [ 26 Ammoo yoo isin namaa araaramuu diddane, abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru yakkaa keessan isinii hin araaramu]» jedhe.
Gaaffii Marroo Baallii Yesuusii
(Mat. 21:23-27; Luq. 20:1-8)
27 Isaan ammalle Yerusaalemitti deebi'ane. Yesuus Galma Waaqaa keessa adoo deddeemuu, sooreyyii hayyootaa, barsiisoti Seera Muuse'eetii fi jaarsoleen gara isaa dhufanee, 28 «Waan kana mara tolchiisaaf baallii maanii qadda? Waan kana mara akka tolchituuf eennutti baallii tana si'iif kenne?» jedhane.
29 Yesuus deebisee, «Ani waan tokko isin gaafadha; yoo naaf deebittane, anille baallii maaniitiin waan kana mara akka tolchu isinitti hima. 30 Yohaannis akka cuuphuuf baallii eennutti kenneef? Waaqa mo'o nama? Me naaf deebisa'a!» isaaniin jedhe.
31 Isaan wol mormanee, «Waaqa yoo jenne, ‹Maaf dubbii Yohaannisii dhugeeffata diddane ree?› nu'uun jedha; 32 ‹Nama jennuu ree?› » jedhane. Nami mara Yohaannis akka dhugumaan raagichaatitti waan fudhateeruuf, kolbaa sodaatane. 33 Tanaaf isaan Yesuusiin, «Nuuti hin beennu» jedhane. Yesuus deebisee, «Maarre anille baallii maaniitiin waan kana mara akka tolchu isinitti hin himu» isaaniin jedhe.
* 11:2 Mandiida: Ijjumaa ka irra tee'anee hin beenne 11:9 Hosaa'inaa: Hosaa'inaa jedhuun fayyisi jechuu yennaa te'u, asitti ammoo Waaqi galatoomu yookiin hashuu yaada jedhulle qaba + 11:23 Mat. 17:23; 1 Qor. 13:2 + 11:25 Mat. 6:14-15 11:26 Woraabbiin gariin laakkossa 26 hin qabanu