22
Mootiin Mo'aabii Balaaqi Bala'aam Waammate
1 Achiin duuba Israa'elooti gara dirree Mo'aabii ka'anee deemanee, laga Yordaanosii irraa gara aduun baatuun, fuullee Yeriko'oo qubatane.
2 Mootiin Mo'aabii, ilmi Ziphoorii Balaaqi, waan Israa'elooti Amoorota godhane mara dhagge.
3 Israa'elooti kolbaa hedduu waan teeteef, Mo'aaboti akka malee sodaatte. Dhugumaan, namooti Mo'aabii Israa'eloota sodaatanee sheephisane.
4 Mo'aaboti maanguddoo Miidiyaaniitiin, «Akkuma qotiyyoon marra diida keessaa muxuqqi gootu, gumiin tun waan adaala keenna jiru mara muxuqqi hin gooti» jedhane; tanaaf ilmi Siphoorii Balaaqi, ka yennaa san mootii Mo'aabii te'eeru,
5 ilma Be'orii Bala'aam ka qachaa Phetorii qarqara laga Efraaxiisii lafa dhaloota ifii jiru waansisiisaaf nama itti ergee, «Kolbaan takka biyya Gibxi'iitii dhuttee, lafa duudii guutteerti. Isaan dhikoo tiyya qabataneeran.
6 Isaan na caalaa hunnaameyyi'i; tanaaf koyiitii isaan naa abaari; akka wotoo ani isaan injifadhee biyya keessaa ari'ee isaan baasuu hin dande'a fa te'a. Nami ati eebbitte eebbifamaa, nami ati arbaartelle abaaramaa akka te'u ani hin beeka» jedhe.
7 Maarre maanguddooti Mo'aabiitii fi Miidiyaanii beesee kaffaltii moru'uu qabatanee, gara Bala'aamii dhaqanee, ergaa Balaaqii itti himane.
8 Bala'aam isaaniin, «Edana as bula'a; anille boru waan Mootiin Waan Maraa natti hime isinitti hin hima» jedheen. Maarre maanguddooti Mo'aabotaa Bala'aam bira bulte.
9 Waaqi gara Bala'aamii dhufee, «Jarri si woliin jirtu tun eennu fa'a?» jedhee gaafate.
10 Bala'aam deebisee, Waaqaan, «Mootiin Mo'aabii, ilmi Ziphoorii Balaaqi ergantoota tana gara kiyya ergee,
11 ‹Kolbaan takka biyya Gibxi'iitii dhuttee lafa duudii guutteerti; amma koyiitii isaan naaf abaari; achiin duuba ani akka wotoo isaan lolee biyya keessaa ari'ee isaan baasuu hin dande'a fa te'a› anaan jedhe» jedhe.
12 Waaqi ammoo Bala'aamiin, «Isaan woliin hin dhaqin. Kolbaan sun ta eebbifante waan teeteef, ati isaan hin abaarin» jedhe.
13 Bala'aam boruyyaa ganama ka'ee, qondaaltota Balaaqi erge saniin, «Akka ani isin woliin dhaqu, Mootiin Waan Maraa waan na dhooggeef, gara mana keessanii gala'a» jedhe.
14 Maarre qondaaltoti worra Mo'aabotaa gara Balaaqii dhaqanee, «Bala'aam nu woliin dhufuu dide» jedhaneen.
15 Balaaqi ammalle qondaaltota dhibii ka qondaaltota duraa san caalaa heddatanuu fi worra ulfinna qabanu Bala'aamitti erge.
16 Isaan gara Bala'aamii dhaqanee,
«Ilmi Ziphoorii Balaaqi, ‹Gara kiyya dhufiisa irraa wonni tokkolle si hin dhooggin!
17 Sababille ani ulfinna guddaa si'iif hin kenna; waan ati jette maralle hin godha. Koyiitii, kolbaa tana naaf abaari› siin jedheera» jedhaneen.
18 Bala'aam ammoo deebisee isaaniin, «Balaaqi mana ifii ka mootumma'aa ka meeti'ii fi worqi'iin guutame san yoo naaf kennelle, ani ajaja Waaqa kiyya Mootii Waan Maraa irra dabaree waan guddoo yookiin waan diqqoo hujuu hin dande'u.
19 Ammalle waan Mootiin Waan Maraa dabalee natti dubbatu akka beekuuf, worri duraa sun akkuma as bulane, isinille edana as bula'a» jedhe.
20 Halkan san, Waaqi gara Bala'aamii dhufee, «Jarri tun si waamiisaaf yoo dhufaneeranu teete, ka'ii isaan woliin deemi; ammoo waan ani sitti himu qofa huji» jedheen.
21 Maarre Bala'aam ganama ka'ee, harree ifii fe'atee, qondaaltota worra Mo'aabii woliin deeme.
22 Yennaa Bala'aam deeme, Waaqi ammoo guddoo itti aare; ergamaan Mootii Waan Maraa isa mormiisaaf karaa keessa dhaabbate. Yennaa san Bala'aam harree irra tee'eeraayyu; tajaajiltooti isaa lamaan isa woliin jiraniiyyu.
23 Harreen sun ergamaan Mootii Waan Maraa shallaagaa buqqifatee, harkatti qabatee, karaa keessa dhaabbatuun yennaa dhaggite, karaa irraa ficha'atti gorte; Bala'aamille kara'atti deebisiisaaf dhowe.
24 Achiin duuba ergamaan Mootii Waan Maraa karaa dhiphaa addee oorruu woyni'ii lamaan ka dalleenni dhaka'aa gara lamaaniinuu jiru keessa dhaabbate.
25 Harreen sun ergamaa Mootii Waan Maraa yennaa dhaggite, gara dalleya dhaka'aa maxxantee, miila Bala'aamiille dalleya dhaka'aatitti maxxansite. Maarre inni ammalle isii dhowe.
26 Ergamaan Mootii Waan Maraa gara duraa deemee, addee dhiphoo, middatti yookiin bita'atti garagaliisaaf karaan hin jirre dhaabbate.
27 Harreen sun ergamaa Mootii Waan Maraa yennaa dhaggite, Bala'aam duraa gad ciitte; Bala'aamille guddoo aaree, ulee ifiitiin isii dhowe.
28 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa afaan harree sanii banee, harreen sun Bala'aamiin, «Ani maan si goonaan, ati yennaa sad na dhootte?» jette.
29 Bala'aam harree saniin, «Ati waan naan taphatteef ree! Ani adoo shallaagaa harkaa qabaadhee, ammuma silaa si ijjeesaayyu!» jedhe.
30 Harreen sun deebittee, Bala'aamiin, «Ani harree teeti ta ati yennaa mara, haga guyyaa adhaatitti irra teettuu motii? Ani akkas sitti te'ee beekaa?» jette.
Innille, «Waawwo'o» jedheen.
31 Achiin duuba Mootii Waan Maraa ila Bala'aamii banee, ergamaan Mootii Waan Maraa shallaagaa buqqifate san harkatti qabatee, karaa keessa dhaabbatuun dhagge; Bala'aam fuula ifiitiin lafatti gad gombifame.
32 Ergamaan Mootii Waan Maraa, «Ati maaf harree teeti yennaa sad akkana dhootte? Ati karaa dabaa deemiisatti waan jirtuuf, ani si mormiisaaf dhufeera.
33 «Harreen teeti na dhaggitee, yennaa sad na irraa gorte. Adoo isiin na irraa goruu dhaddee, ani silaa dhugumaan, amma si ijjeesee isii lakkiseeraayyu» jedheen.
34 Bala'aam, ergamaa Mootii Waan Maraatiin, «Ani cubbuu hujeera; akka ati anaan mormiisaaf, karaa keessa dhaabbatteertu hin beenne. Amma deemiisi kiyya kun yoo si gammachiisin hin deebi'a» jedhe.
35 Ergamaan Mootii Waan Maraa, Bala'aamiin, «Jara tana woliin deemi; ammoo waan ani sitti himu qofa dubbadhu» jedhe. Maarre Bala'aam qondaaltota Balaaqii woliin deeme.
Balaaqi, Bala'aam Gammadaan Fudhate
36 Balaaqi akka Bala'aam dhufiisatti jiru yennaa dhage'e, isa fudhatiisaaf gara qachaa Aarii ka Mo'aab keessaa, ka bisaan Aaronii bira irga lafa isaa jiruu dhaqe.
37 Balaaqi, Bala'aamiin, «Ani akka ati ariifattee dhuttu gara keeti ergeeraayyuu motii? Ati maaf gara kiyya dhufuu dhadde? Ani ulfinna sii kennuu hin dande'uu?» jedhe.
38 Bala'aam deebisee, «Kunoo, amma gara keeti dhufeera; ammoo waan Waaqi akka dubbadhu natti hime qofa dubbadha malee, waan tokkolle hin dubbadhu» jedhe.
39 Achiin duuba Bala'aam Balaaqi woliin gara qachaa Kiriiyat-Huzotii dhaqe.
40 Balaaqi loonii fi hoolota ciincaa dhikeessee, foon isaanii irraa garii Bala'aamii fi qondaaltota isa woliin jiranuuf kenne.
41 Balaaqi boruyyaa ganama Bala'aam fuudhee gara Baamot-Ba'aaliititti ol baase; inni achi dhaabbatee kolbaa Israa'elii worra cinaa quttumaa jiranu dhagge.