Ergaa Phawuloos Gara
Worra Filiphisiiyuusii
Erge
Seensa
Phawuloos ergaa tana wolde'a kiristaana Filiphisiiyuusii, ka bulchiinsa worra Rooma'aa, lafa Meqedooniyaa jedhantu keessatti dhaggamuuf barreesse; wolde'i kiristaanaa kun ka Phawuloos lafa Awuropha'aatitti qara dhaabe; ergaan tun yennaa Phawuloos mana hidha'aa jiru barreeffante; tajaajiltoota kiristaanaa dhibii irraa yennaa mormiin isa dhaqqaddee fi wolde'a kiristaanaa ka Filiphisiiyuusii keessatti barumsa dharaa ka'een yennaa gadhaan isaa gaddaan gubate barreesse. Te'uu malee dhugeeffannaan Phawuloos Yesuus Kiristoositti qabu jadduu waan teeteef, ergaa tana keessatti irra caalaa ka mudhatu gammadaa fi ifi-addii guutu'u.
Sababi Phawuloos ergaa tana barreesseef: ka qaraa, yennaa rakkinna isaa, dhugeeffattooti Filiphisiiyuusii isa qarqaariisaaf kennansa waan erganeeranuuf isaan galateeffatiisa; rakkinni adda addaa isaa fi isaan dhaqqabulle, jabeennaa fi ifi-addii akka qabaatanu, tanuma keessa isaan jajjabeessa. Ifi jajiisaa fi waan qabanuun kooriisa lakkisanee, gadhi-laafummaa Yesuus Kiristoosiitiin akka guutamanu jabeessee yaadachiisa; Yesuus Kiristoos woliin Ayyaanaan tokko te'iisaan jiruu dhaggatane kennansa badhaadha Waaqaa irraa ka maddee fi ka dhugeeffanna'aan fudhatane malee, seera muummessiisaan ka dhaggamee moti jedhiisaan isaan qaabachiisa; worra Yesuus Kiristoos woliin tokkumma'aan jiraatu maraaf nageyaa fi gammada Waaqi kennu, isaaniif barreessa.
Ergaan tun gammada, ifi-addii, tokkummaa, dhugeeffanna'aa fi jajjabeenna jiruu kiristaanaa caalchittee mudhisiisaan beekkanti. Dabalamaan, jaalala guddaa ergamaan Phawuloos wolde'a kiristaana Filiphisiiyuusiitiif qabu mudhisa.
Haadhoo Dubbi'ii
Seensa1:1-11
Haala Phawuloos keessa ture1:12-26
Le'ii Kiristoosiin le'anu1:27—2:18
Yaada Ximootewoosii fi Epafrodiitusiif jiru2:19-30
Ifi eeggannoo diinotaa fi worra balaa fidu irratti kenname3:1—4:9
Galataa fi gorsa Phawuloos dhugeeffattoota Filiphisiiyuusiitiif dhikeesse4:10-20
Yaada buufataa4:21-23
1
1 Tajaajiltoota Yesuus Kiristoosii ka teene Phawuloosii fi Ximootewoos irraa:
Worra qachaa Filiphisiiyuusii keessa le'u, ka karaa Yesuus Kiristoosiitiin balchoome maraaf, akkasuma toowattootaa fi gargaartuu wolde'a kiristaanaatiif:
2 Waaqi Abbaan keennaa fi Goottaan Yesuus Kiristoos badhaadhaa fi nageya isiniif kennu!
Galataa Fi Daadimannaa Phawuloosii
3 Ani yennaa isin qaabadhu maraa Waaqa galateeffadha;
4-5 Guyyaa qaraatii jalqaddanee haga ammaa hujii Oduu Gammadaa keessatti waan hirmaattaneef, yennaa isin maraaf daadimadhu maraa gammadaan daadimadha.
6 Waaqi hujii dansaa isin keessatti jalqabe, haga guyyaa Yesuus Kiristoos deebi'ee dhufuutitti, akka muummessu ani mama hin qabu.
7 Yennaa ani amma hidhameeruu fi adoo hin hidhamin Oduu Gammadaatiif falmadhuu fi isii jabeessu, isin martinuu na woliin badhaadha Waaqaa waan qoodantaneef, yennaa mara gadhaa kiyya keessa jirtan. Maarre marroo teessaniif yaadi natti dhage'amiisatti jiru sirri'i.
8 Jaalala Yesuus Kiristoosiitiin attam akka ani isin maraa dharra'u Waaqi hin beeka.
9 Jaalalli keessan beekkumaa fi hubanti'iin ka guutame te'ee ittuma akka guddatuuf hin daadimadha.
10 Waan irra caalu qorattanee akka beettanuu fi yennaa Kiristoos deebi'ee dhufu qulliyye'ee fi komii malee akka dhaggantanuuf ani tana godha.
11 Akka kanaan jiruun teessan midhaan balchumma'aa, ka Yesuus Kiristoosiin dhaggamuun ta guutante teetee, ka ulfinnaa fi galata Waaqaaf dhaggisiittanu hin teetan.
Jiruu Jechuun Kiristoosiin Le'iisa
12 Obboleeyyan tiyya! Wonni na dhaqqabe maraa, Oduun Gammadaa akka badhattu akka godhe, akka beettanu barbaada.
13 Akka ani Kiristoosiif jedhee hidhame, eedduu mana mootumma'aatii fi worra dhibii maraa biratti beekkameera.
14 Waan ani hidhameef dhugeeffattoota keessaa hedduun Gootta'atti addataneeran; jecha Waaqaa sodaa malee lallabiisaafille ka qaraa caalaa jabeenna dhaggataneeran.
15 Worri gariin hinaaffa'aa fi qoxxe'een Kiristoos lallaban; worri kuun ammoo fedha dansa'aan lallaban.
16 Worri jaalala dansa'aan Kiristoos lallabu, akka ani Oduu Gammadaatiif falmatiisaaf as keyameeru hin beeka.
17 Worri halchaa fedha ifii hordofiisaan dabaan Kiristoos lallabu ammoo, hidhamuu kiyya irratti rakkinna dabaliisaaf yaadatanee lallaban.
18 Womaa moti! Fakkeessiisaanille te'ee, dhuga'aanille te'u karaa maraan Kiristoos lallabameera! Ani kanatti hin gammada. Haganaa achille ittuma hin gammada;
19 sababille daadimannaa keessanii fi qarqaarsa Ayyaana Yesuus Kiristoosiitiin akka bilisa bawu hin beeka.
20 Karaa tokkolle'een akka ani hin qaanonne, halcha'aa fi addiin tiyya san; ammoo akkuma yennaa maraa tolchu, amma jiru'uun yookiin du'aan Kiristoos nafa kiyya irratti akka ulfaatu jabeenna guutuu hin qabaadha.
21 Maarre jiruu jechuun naaf Kiristoosiin le'iisa, duutille bu'aa tiyya.
22 Ani yoo fooniin jiraadhe, sun naaf hujii midhaan qaddu ittuma hujiisa; ammoo kam akka filadhu hin beeku.
23 Waan lamaan kanaan rakkadheera: ani le'ii tana lakkisee, Kiristoos woliin le'uu fedha; kun waan mara caalaa naaf woyya.
24 Te'uu malee fooniin jiraachuun kiyya isiniif caalaa barbaachisa'a.
25 Ani kana hubatiisaan, akka isin dhugeeffanna'aan guddattanuu fi akka gammaddanu, isin maraa bira akka turuu fi akka jiraadhu beekeera.
26 Ani yennaa deebi'ee gara keessan dhufe, booniisi isin Kiristoos Yesuusiin qaddanu sababa kiyyaan hin fakkana.
27 Isinummaan akka Oduun Gammadaa ta Kiristoosii jettutti jiraadha'a; tana yoo gootane, ani dhufee yoo isin dhagge yookiin fagoo jiraadhee waan keessan yoo dhage'e, dhugeeffannaa Oduu Gammadaatiif akka nama tokkoo teetanee falmatiisaan ayyaana tokkochaan jabaattanee akka dhaabbattanu hin beeka.
28 Waan tokkolle'een mormitoota teessan sodaattanee hin raafamina'a! Jabeenni kun Waaqa irraa isiniif kenname; kunille isaaniif beessisa badi'ii ti; isiniif ammoo beessisa fayyinnaa ti.
29 Carraa Kiristoositti dhugeeffatiisaa callaa adoo hin te'in, carraan isaaf rakkinna fudhatiisaalle, isiniif kennameera.
30 Tanaaf akkuma kanaan dura rakkinni na geyeeruun dhaggitanee fi akkuma ammalle na geyiisatti jiruun dhageettanu, isinille rakkinnuma san fudhatiisatti jirtan.