22
Durummaa guddo'oo mannaa, maqaa dansaa woyya;
meeti'ii fi worqii caalaa
fudhatama qabaachuu woyya.
Isaan lamaanuu ka dade,
Mootii Waan Maraa waan te'eef,
dureessii fi hiyyeessi wol qixxe'e.
Nami qalbeeffataan balaa dhaggee dhokata;
nami gowwaan ammoo ittuma ideemee rakkata.
Gad ifi qabiisii fi Mootii Waan Maraa sodaatiis
karra, ulfinnaa fi jiruu namaaf kennan.
Karaa namoota hama'aa keessa qore'ee fi tiyyo'otti jira;
nami ifi eegatu ammoo irraa fagaata.
Ijoollee karaa sirri'ii barsiisi;
yennaa dulloomanelle isaan
karaa san irraa hin goranu.
Dureessi hiyyeessa bulcha;
ka liqeeffatulle ka liqeessuuf tajaajila'a.
Nami hammeenna facaasu rakkoo haammata;
uleen aarii isaalle hin baddi.
Sagalee ifii hiyyeeyyii woliin waan qoodamuuf,
nami arjaan hin eebbifama.
10 Nama murgu gad baasi;
wol dhabille hin baya;
lolli, arrabille hin jiraatu.
11 Nami yaada qullu'uu fi dubbii qulluu jaalatu,
jaala mooti'ii hin te'a.
12 Ilti Mootii Waan Maraa beekkumsa eeddi;
dubbii worra hin addatannee ammoo inni hin balleessa.
13 Nami booseyi, «Neenqi ala jira!
Yookiin ani karaa irratti hin du'a» jedha.
14 Afaan dubartii gaarayyeeffattu'uu akka boolla qile'ee ti;
nami Mootii Waan Maraa abaare isii keessa bu'a.
15 Gowwummaan yaada ijoolle'ee qabatteerti;
uleen xixxa'aa ammoo gowwummaa isaan irraa hin fageessiti.
16 Nami durummaa ede'atiisaaf hiyyeessa cunqursu,
ka dureessaaf kennansa kennulle lamaanuu hin hiyyoommatan.
Jecha Qaro'oo
17 Gurra keeti itti qabadhuutii,
Waan qaroon jedhu caqasi!
Gadhaa keeti gara barsiisa kiyyaa deebifadhu!
18 Isiin dansaa waan teeteef, gadhaa keetitti qabadhuutii,
yennaa mara marroo isi'ii dubbadhu.
19 Akka ati Mootii Waan Maraatitti addattuuf,
ani adha si barsiisa.
20 Jechoota gorsaatii fi beekkumsaa
soddoma ani si'iif hin barreessinee ree?
21 Worra si erguuf deebii dhuga'aa akka deebittuuf,
dhuga'aa fi jecha dhuga'aa ani si hin barsiinnee ree?
Tokkeessoo
 
22 Worra hiyyeeyyii waan hiyyeeyyii te'aneef hin saamin;
worra rakkataa addee mura'aatitti hin farrisiisin.
23 Mootiin Waan Maraa isaaniif waan falmatuuf,
nama isaan saamu hin saama.
Lammeessoo
 
24 Nama aarammeessa jaala hin godhatin;
nama dafee aarutti hin maxxanin.
25 Ati isa irraa barattee,
tiyyoo isaa keessa seenta fa'a.
Sadeessoo
 
26 Nama waada'aaf harka namaa dhowu,
yookiin liqa'aaf wobii dabaru hin te'in.
27 Ati waan kaffaltuu yoo dhadde,
itilleen teeti si jalaa hin fuudhatanti.
Arfeessoo
 
28 Dhakaa meessa'aa ka durii ka abbootiin durii dhaabane adde'ee hin munyuussin.
Shaneessoo
 
29 Ati nama hujii ifiitiin leenji'eeru dhaggiteertaa?
Inni mootota dura tajaajila malee,
nama mara dura hin tajaajilu.