110
Mooticha Mootiin Waan Maraa File
Mootiin Waan Maraa Goottaa* kiyyaan,
«Haga ani diinota keeti
ejjata miila keetii jala kewutti,
ati midda kiyya tee'i» jedhe.
 
Mootiin Waan Maraa
Xiyoon irraa ulee bokku'uu
ta jabeenna keetii si'iif hin erga;
atille diinota keeti irratti mootii te'i!
Guyyaa ati diinota keeti loltu,
kolbaan teeti fedhii ifiitiin si woliin hin duulan;
dargaggooti teetille akka fixeensa dayya'a boru'uu,
kooba woyyittii irratti gara keeti hin dhufan.
 
Mootiin Waan Maraa,
«Akkuma hayyummaa Malkiisedeqii,
ati hayyuu bara baraa ti» jedhee kakateera;
inni yaada ifii hin jijjiiratu.
 
Mootiin Waan Maraa midda keeti jira;
guyyaa mufii ifii mootota hin butucha.
Inni gosa biyya adda addaatitti hin mura;
reeffa isaan keessa hin guuta;
bulchitoota lafaa duudiille hin butucha.
Mootichi madda karaa cina'aa keessaa
bisaan hin una;
tanaaf inni mataa ifii ol hin qabata.
* 110:1 Goottaa: Goottaan kun Masiihii.