126
Faaruu Worra Boojuu Keessaa Deebi'ee
Faaruu Ittiin Ol Bayanu
Yennaa Mootiin Waan Maraa
boojuu keessaa gara Xiyoonii nu deebise,
oojjuu nutti fakkaatte.
Afaan keenna kollaan,
arrabi keenna ililleetti'iin guutame.
Achiin duuba gosa biyya adda addaa oddu'utti,
«Mootiin Waan Maraa
waan guddoo isaaniif tolche» jedhante.
Mootiin Waan Maraa,
waan guddoo nuuf godheera;
nuutille gammanne.
Ee Mootii Waan Maraa,
Goomolee kibba Kana'aaniitiif*
akkuma bisaan deebittu,
akka dur jirrutti nu deebisi.
Worri imimmaan dhangalaasaa facaasane,
ilillisaa haammatan.
Worri sanyii facaasiisaaf,
ba'atanee bowaa deemanu,
laddee ba'atanee ilillisaa hin deebi'an.
* 126:4 Kibba Kana'aanii: Afaan Ibrootaatiin Negeb Jedha.