139
Waaqa Waan Mara Beeku
Faaruu Daawitii, sooressa faarfattootaatiif.
Ee Mootii Waan Maraa,
ati qorqortee na beetteerta.
Ati teessoo tiyyaa fi ka'a tiyya hin beetta;
yaada kiyya fago'ottuu hubatta.
Addee ani deemu fi itti foorfadhu
hubattee beetta;
ati hujii tiyya mara hin beetta.
Adoo dubbiin afaan kiyyaa hin bayin,
ee Mootii Waan Maraa,
ati dubbii san maraayyuu hin beetta.
Ati duraa fi duuba kiyya
harka keeti ana irra qaddeerta.
Beekkumsi akkasii akka malee naaf baasa;
akka malee hubantii tiyyaan ol.
 
Ayyaana keeti duraa eessa deemuu dande'a?
Fuula keeti duraa eessa baqatuu dande'a?
Gara ol-gubba'aa yoo ol baye, ati achi jiraata;
addee worri du'e jiru keessa yoo irkadhelle,
ati achi jirta.
Ani koola baasee akka dayya'a boru'uu ka'ee,
gara seensuma adu'uutitti yoo qubadhe,
10 silaa achille'etti harki keeti na hin sooressa;
harki keeti middichi jabeessee na qabaayyu.
11 Ani, «Dukkanti dhugumaan na hin golliti;
ifi adaala kiyyaalle
halkan hin te'a!» yoo jedhe,
12 dukkantinuu sitti hin dukkanoottu;
si'iif dukkanti akka ifaa waan teeteef,
halkan akka guyya'aa ifa.
 
13 Keessa namummaa tiyyaa ka dade si'i;
gadaamessa haadha tiyyaa keessatti
sittuu na dade.
14 Ani baasa maso'oo te'ee waan dadameef,
ani si leellisa;
hujiin teeti waan maade'ee ti;
anille tana miidhassee beeka.
15 Ani yennaa addee dhossa'aatitti dadame,
qilee gadaamessaa keessatti dadame;
lafeen tiyyaayyuu si duraa hin dhokanne.
16 Gadhaa haadha tiyyaa keessatti,
adoo ani dhiigaatuu,
ilti teeti na dhaggite;
dhaladhee barri jiruu tiyyaa
laakkowamiisa adoo hin jalqabin,
guyyooti naaf yaadamane marti
kitaaba keeti keessatti barreeffamane.
17 Ee Waaqa, yaadi keeti hubatiisaaf
attam attam natti ulfaata!
Guutumatti attam attam bacata!
18 Ani laakkowiisaaf yoo wodhaane,
maansa caala hin bacata;
ani yennaa dammaqu,
ammalle sima woliin jira.
 
19 Ee Waaqa, nama hamaa adoo ijjeettee!
Isin worri dhiiga namaa dhangalaasu
na irraa fagaadha'a!
20 Isaan hammeennaan
marroo teeti dubbatan;
diinoti keeti akkasumaan
maqaa keeti kaasan.
21 Ee Mootii Waan Maraa,
ani worra si jibbu hin jibba;
worra si irratti ka'ulle ani hin diqadha.
22 Ani ijjumaa isaan jibba;
isaan diinota natti te'aneeran.
 
23 Ee Waaqa, qorqoriitii gadhaa kiyya beeki;
haga na ilaaliitii yaaddoo tiyya beeki.
24 Hammeenni yoo na keessa jiraate ilaali!
Karaa bara baraa irra na sooressi.