29
Hunna Mootii Waan Maraa
Faaruu Daawitii.
1 Isin ergantooti Waaqaa,
ulfinnaa fi hunna Mootii Waan Maraa leellisa'a.
2 Ulfinna maqaa isaatiif,
Mootii Waan Maraa leellisa'a;
Arnya woyyummaa isaatiif,
Mootii Waan Maraa waaqonfadha'a.
3 Qoonqoon Mootii Waan Maraa
abbaayaa guddittii irraa dhage'anti;
Waaqi ulfinnaa, Mootiin Waan Maraa
abbaayaa irraa mandi'a.
4 Qoonqoon Mootii Waan Maraa hunnaametti'i;
qoonqoon Mootii Waan Maraa arnya qabeetti'i.
5 Qoonqoon Mootii Waan Maraa
hindheensa caccassiti;
Mootiin Waan Maraa
hindheensa Libaanoniituu hin caccassa.
6 Inni gaara Libaanonii akka jabbi'ii,
gaara Siiriyoniille
akka ilmee gafarsaa hin burraassisa.
7 Qoonqoon Mootii Waan Maraa
balaqqeettii balaqqitti.
8 Qoonqoon Mootii Waan Maraa
goomolee tachootti;
Mootiin Waan Maraa
goomolee Qaadeshii hin tachoosa.
9 Qoonqoon Mootii Waan Maraa
qilxaan akka hargufamu gooti;
baala muka badda'aa hin harcaatti;
worri addee inni jiruu martinuu,
«Ulfinni Mootii Waan Maraatiif te'u!» jedhan.
10 Mootiin Waan Maraa qilee abbaaya'aalle bulcha;
Mootiin Waan Maraa haga bara baraa hin bulcha.
11 Mootiin Waan Maraa kolbaa ifiitiif jabeenna kenna;
nageyalle'een isaan eebbisa.