8
Guddinna Waaqaatii Fi Ulfinna Namaa
Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Daawitii ta suusulle'een faarfatante.
1 Ee Mootii Waan Maraa, Goottaa keenna!
Maqaan keeti lafa maratti attam attam gudda'a!
Ulfinna keeti ol-gubbaa irratti diriirsiteerta.
2 Diinota keeti loliisaaf,
nyaaphotaa fi worra haluu bayu cadhi godhiisaaf,
afaan ijoolle'eetii fi daa'immaan harma hootuutiin,
hunna qopheessite.
3 Ani ol-gubbaa ati dadde,
hujii harka keetii,
ji'aa fi urjoota ati dadde
yennaa ilaalu,
4 akka ati isaaf yaadattuuf,
nami maan inni?
Akka ati isa kunuunsituuf,
ilmi namaa maan inni?
5 Ati diqquma Waaqa isa hanqittee,
kallacha guddinnaa fi ulfinnaa itti keette.
6 Hujii harka keetii mara irratti bulchaa isa gootee,
waan mara baallii ilma namaatiin jala goote.
7 Hoole'ee fi loon mara,
bineensota,
8 sinbirrootaa fi qurxummii mara,
dada abbaayaa keessaa mara
baallii ilma namaatiin jala goote.
9 Ee Mootii Waan Maraa, Goottaa keenna!
Maqaan keeti lafa maratti attam attam gudda'a!