22
Daawiti Gara Goda Qachaa Adulaamii Biraatitti Baqate
Daawiti qachaa Gaatiitii bayee gara goda qachaa «Adulaam» jedhamu bira jiruutitti baqate; obboleeyyan isaatii fi maatiin abbaa isaa marti tana dhage'anee achi gara isaa dhaqane. Worri rakkate marti, worri liqaan irra jiruu fi worri jireenni itti hammaateeru marti namooti gara dhibba afurii isa biratti wolitti qabamane; inni ajajaa isaanii te'e.
Daawiti achii ka'ee gara qachaa Miispha'aa ka biyya Mo'aabii keessaa dhaqee, mootii Mo'aabiitiin, «Maganne'e, waan Waaqi naaf godhu haga beekutti, abbaan kiyyaa fi haati tiyya si bira turanuu ti» jedhe. Maarre inni mootii Mo'aabii biratti isaan lakkisee, isaanille haga Daawiti kushee jadduu keessa dhokatee ture san mara mooticha san bira turane.
Achiin duuba Gaadiin raagichi Daawitiin, «Kushee jadduu tana keessa hin turin; ka'iitii gara biyya Yihuda'aa deemi!» jedhe. Maarre Daawiti achii ka'ee gara gongomaa Kaaretii dhaqe.
Saa'ol Nob Keessatti Hayyoota Ijjeese
Saa'ol gaafa tokko Daawitii fi namooti isa woliin jiranu akka mudhatane dhage'e. Saa'ol eboo ifii qabatee qachaa Giibe'aa keessa kooba irra muka «Tamariiski» jedhamu tokko jala tee'eeraayyu; tajaajiltooti isaa marti adaala isaa dhaabbataneeraniiyyu. Saa'ol tajaajiltoota ifii worra isa bira dhaabbateeruun, «Isin worri Beniyaaminii Dhage'a'a; ilmi Iseyii ficha'aa fi addee muka woyni'ii itti dhaabbatanu isin maraaf hin kennaa ree? Inni ajajjoota kumaatii fi ajajjoota dhibbaa isin mara hin godhataa ree? Isin marti tanaaf na irratti mala dhoottanii ree? Ilmi kiyya ilma Iseyii woliin yennaa gondooratu nami tokkolle natti hin hinne. Akkuma adhaa ilmi kiyya yennaa tajaajilaa kiyya na irratti kaasee akka inni riphee na eeggatu yennaa godhe, isin keessaa nami tokkolle marroo tiyyaaf quuqamee natti hin hinne» jedhe.
Achiin duuba nami qachaa Edoomii Do'eeg, ka tajaajiltoota Saa'olii woliin dhaabbateeru deebisee, «Ilmi Iseyii gara qachaa Nobii, ilma Ahiixubii Ahiimelek bira dhufuun dhaggeera; 10 Ahiimelekille marroo isaa Mootii Waan Maraa gaafatee, gala'aa fi shallaagaa Goliyaadii Filisxeemichaalle isaaf kenne» jedhe. 11 Achiin duuba mootichi nama ergee, Ahiimelekii hayyicha ilma Ahiixubii, maatii abbaa ifii maraa fi worra Nob keessatti hayyoota te'ane mara waansisee, isaan marti gara mootichaa dhufane. 12 Yennaa san Saa'ol, «Ee, ilma Ahiixubii amma dhage'i!» jedhe.
Innille deebisee, «Kunoo, ani as jira, goottaa kiyya!» jedheen.
13 Saa'olille isaan, «Akkuma adha godhu kana, ilmi Iseyii na irratti ka'ee akka na gaadu, daabbo'oo fi shallaagaa isaaf kennitee, marroo isaatiif Mootii Waan Maraa gaafatiisaan, isa woliin maaf na irratti mala dhoottane?» jedhe. 14 Ahiimelek deebisee mootichaan, «Soddaan mootichaa, ajajaa eeddota teetii te'ee mana keeti keessatti ka ulfinna qabu, tajaajiltoota teeti mara keessaa akka Daawitii ka addatame eennu? 15 Ani marroo isaatiif Mootii Waan Maraa gaafatiisa adha jalqabee ree? Waawwo'o! Ani tajaajilaan keeti marroo waan kanaa guddisee yookiin diqqeesseelle waan tokkolle waan hin beenneef, tajaajilaa keetii yookiin maatii abbaa kiyyaa mara hin komatin» jedhe.
16 Mootichi ammoo, «Ahiimelek! Atii fi maatiin abbaa keetii martinuu dhugumaan hin duutan» jedhe. 17 Achiin duuba mootichi eeddota adaala isaa dhaabbataneeranuun, «Hayyooti Mootii Waan Maraa tun marti Daawitiif golanee, baqatiisa isaa adoo beekanuu natti himuu waan didaneef, itti garagala'aatii isaan ijjeesa'a» jedhe. Tajaajiltooti mootichaa ammoo harka ifiitiin hayyoota Mootii Waan Maraa ijjeesiisaaf hin barbaanne. 18 Achiin duuba mootichi Do'eegiin, «Ati hayyoota tana ijjeesi» jedhe. Maarre Do'eeg nami qachaa Edoomii, itti garagalee, guyyaa san hayyoota saddeettamii shan ta woyaa hayyumma'aa ta qomaa ta quncee talba'aa irraa hujante uffataneeranu ijjeese. 19 Qachaa hayyootaa Nobitti duulchisee, dhiiraa fi dubartii, ijoolle'ee fi annoolee, qotiyyoo, harre'ee fi hoolee mara shallaaga'aan ijjeese.
20 Akaakoon Ahiixubii ilmi Ahiimelekii Abiyaataar ammoo miliqee bayee gara Daawitii baqatee, 21 Saa'ol hayyoota Mootii Waan Maraa akka ijjeese Daawititti hime. 22 Daawitille Abiyaataariin, «Ani nama qachaa Edoomii Do'eeg yennaa achitti dhagge, akka inni dhugumaan waan mara Saa'olitti himu gaafasuma beeke. Maarre ijjeefamiisa maatii abbaa keetii maraaf ka itti gaafatamu ana. 23 Nami si ijjeesiisaaf barbaade, nama na ijjeesiisaaf barbaade waan te'eef, ati na woliin turi; hin sodaatin. Ati na woliin nageyaan leeta» jedhe.