10
Du'a Saa'olii Mootichaa
(1 Sam. 31:1-13)
Bara san worri Filisxeemotaa Israa'eloota lolane; Israa'elootille isaan duraa adoo baqatanuu, bacaan isaanii gaara Giilbo'aa irratti ijjeefamane. Worri Filisxeemotaa Saa'olii fi ilmaan isaa ari'anee, ilmaan isaa sad Yonaataan, Abinaadaabii fi Malkiishuwaa ijjeesane. Lolli kun Saa'ol irratti jabaate; worri daayaan lolu yennaa isa dhaggane, daayaan isa madeessane. Saa'ol namicha meya lolaa ka isaa ba'atuun, «Worri haqanqabaa hin qabatin kun dhufee akka natti hin taphanne, ati shallaagaa keeti buqqifadhuutii na ijjeesi!» jedhe. Namichi meya lolaa ka isaa ba'atu sun ammoo, guddoo waan sodaateef, tana hin goone. Tanaaf, Saa'ol shallaagaa ifii fudhatee, isa irratti ifi dire. Namichi meya lolaa ka isaa ba'atu sun, Saa'ol akka du'e yennaa dhagge, innille shallaagaa ifii irratti ifi diree du'e. Akka kanaan Saa'ol du'e; isaa fi ilmaan isaa sadiinuu, maatiin isaa marti woluma gula dhumatane. Israa'elooti dhooqa san keessa jiranu, loltooti isaanii akka baqatane, Saa'olii fi ilmaan isaa akka dhumatane yennaa dhaggane, qachoota ifii lakkisanee baqatane. Worri Filisxeemotaa dhufanee qachoota san qabatane.
Boruyyaa worri Filisxeemotaa, worra dhumatane san irraa meya mulqatiisaaf yennaa dhufane, reeffa Saa'oliitii fi reeffa ilmaan isaa gaara Giilbo'aa irratti dhaggane. Isaan woyaa Saa'ol irraa mulqatanee, mataa isaa muranee, meya lolaa isaa fudhatanee, oduu dansaa tana waaqotaa fi kolbaa ifiititti akka himanuuf, lafa Filisxeemotaa mara keessa namoota ergane. 10 Isaan meya lolaa ka isaa galma waaqota ifii keessa keyanee, mataa isaa galma waaqa ifii ka Daagonii keessatti fannisane. 11 Namooti qachaa Yaabesh-Giil'aadii keessaa ammoo, waan worri Filisxeemotaa Saa'ol irratti godhane mara yennaa dhage'ane, 12 loltooti isaanii jajjaboon dhaqanee, reeffa Saa'oliitii fi reeffa ilmaan isaa fuudhanee, gara Yaabeshii fidane; lafee isaanii qilxaa jalatti awwaalanee, guyyaa torba laamane.
13 Saa'ol Mootii Waan Maraatiif addatamiisa waan dhabeef du'e; inni worra ekeraa dubbisu irraa gorsa gaafate malee, jecha Mootii Waan Maraatiif hin ajajanne. 14 Inni Mootii Waan Maraa hin gaafanne. Tanaaf Mootiin Waan Maraa isa ijjeesee, mootummaa isaa ilma Iseyii Daawititti dabarsee kenne.