11
Daawiti Mootii Israa'elii Te'e
(2 Sam. 5:1-10)
Achiin duuba Israa'elooti martinuu Kebroonitti Daawiti biratti wolitti qabamanee, «Kunoo, nuuti foon keetii fi dhiiga keeti. Dur yennaa Saa'ol mootii te'ee jiruuyyuu, ka Israa'eloota duulchisee galchu si'i. Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si'iin, ‹Ati kolbaa tiyya Israa'el hin tissita; bulchaa kolbaa tiyya Israa'elii hin teeta› jedheera» jedhaneen. Jaarsoleen Israa'elii marti Kebroonitti mooticha Daawiti bira yennaa dhufane, inni fuula Mootii Waan Maraa duratti isaan woliin gondooroo gondoorate. Akkuma Mootiin Waan Maraa karaa Saamu'eliitiin dubbatetti, isaan akka Daawiti Israa'el irratti mootii te'u muudane.
Mootichi Daawitii fi Israa'elooti marti gara qachaa Yerusaalemii ka «Yibus» jedhamuu duulane. Worri Yibusootaa ka achi keessa le'u, Daawitiin, «Ati as hin seentu» jedhane. Daawiti ammoo, kushee Xiyoonii qabate; kusheen sun, «Qachaa Daawitii» jedhantee beekkante. Daawiti, «Nami dursee Yibusoota lolu sooressa loltootaa ajajaa woraanaa hin te'a» jedhe. Yo'aab ka Zeruyaan deette dursee dhaqee isaan lolee, ajajaa te'e. Achiin duuba Daawiti kushee san keessa le'e; tanaaf isiin, «Qachaa Daawitii» jedhante. Inni kaabii, «Miiloo» jedhantuu kaasee, kushee sanitti naannessee qachaa ijaare; Yo'aabille qachaa hafe deebisee haaresse. Mootiin Waan Maraa ka waan mara dade isa woliin waan jiruuf, Daawiti ittuma jabaataa ideeme.
Loltoota Daawitii Gootota
(2 Sam. 23:8-39)
10 Isaan kun Loltoota Daawitii keessaa gootota, kolbaa Israa'elii mara woliin akkuma Mootiin Waan Maraa waadaa galetti, akka Daawiti mootii te'u, mootummaan isaalle akka jabaattu worra mootummaa isaa keessatti isa qarqaare. 11 Laakkossi loltoota gootota Daawitii ka asii gad jiru: Ka qaraa Yaashobi'aam ka fira Hakmonii sooressa gootota sadii ti; inni lola tokko keessatti eboo ifiitiin namoota dhibba sad ijjeese. 12 Gootota sad keessaa ka isatti aanu, fira Ahohii ilma Dodoo Ele'azaar. 13 Yennaa worri Filisxeemotaa lolaaf Phasdamiimitti wolitti qabamane, inni Daawiti woliin achi jiraayyu; addee fichaa garbuun bacaan keessa jiruutitti, Israa'elooti worra Filisxeemotaa duraa baqatane. 14 Daawitii fi Ele'azaar fichaa san keessatti waan addee qabataneeranuuf, worra Filisxeemotaa lolane; Mootiin Waan Maraa injifachaa guddoo isaaniif kenne.
15 Loltoota worra Filisxeemotaa keessaa gariin, dhooqa Refaa'iimii keessatti kushee qabatanee adoo jiranuu, sooreyyii loltoota Daawitii soddoma keessaa sad, Daawiti bira gara rassaa goda Adulaamii bira jiruu dhaqane. 16 Yennaa san Daawiti kushee keessa jiraayyu; loltooti Filisxeemotaalle Betlihem keessa jiraniiyyu. 17 Daawiti bisaan dheebotee, «Boolla bisaanii ta karra Betlihem bira jirtu keessaa, bisaan ani unu eennutti woraabee naa fida laati!» jedhe. 18 Achiin duuba loltooti goototi sadiin sun, loltoota worra Filisxeemotaa keessa dabaranee, boolla karra Betlihemii bira jirtu san keessaa bisaan woraabanee, Daawitiif fidane. Daawiti ammoo, bisaan san hin unne. Inni bisaan san kennansaa godhee Mootii Waan Maraatiif dhangalaasee, 19 «Akka ani bisaan kana hin unne Waaqi narraa fageessuu ti! Bisaan kana uniis akka ani dhiiga namoota lubbuu ifii gurguratanee, bisaan kana fidanee unaneetii motii ree?» jedhe. Tanaaf inni bisaan san hin unne. Namooti goototi sadiin sun wonni godhane tana. 20 Obboleessi Yo'aabii Abiishaayi sooressa loltoota gootota sadiin sanii ti; inni eboo ifii fudhatee namoota dhibba sad ijjeesee, akka loltoota gootota sadiin sanii gurra dhaggate. 21 Inni loltoota sadiin san keessaa tokko te'uu dhabulle, isaan caalaa ulfinna guddaa dhaggatee ajajaa isaanii te'e.
22 Ilmi Yihoyaada'aa nami biyya Kabzii'elii Benaayaan, lolticha goota nama hujii gugurdoo huje. Inni gootota Mo'aabii lama ijjeese. Gaafa dhakaan roobaa bu'e tokko gara bowwa'aa gad dhaqee neenqa tokkolle ijjeeseera. 23 Inni nama biyya Gibxi'ii ka ciqilee shan dheeratu tokkolle ijjeeseera. Namichi Gibxi'ii sun, eboo somey isi'ii muka worri woyaa dhowu, woyaa dhowu itti maru fakkaattu qabaatulle, Benaayaan ulee ifii qabatee itti dhaqee, eboo isaa harkaa butee fuudhee, ebuma isaatiin namicha Gibxi'ii san ijjeese. 24 Ilmi Yihoyaada'aa Benaayaan tana godhiisaan, innille akkuma gootota dhiira sadiin sanii gootummaa dhaggate. 25 Inni loltoota gootota soddoma san caalaa ulfinna dhaggate; te'uu malee inni akka gootota sadiin kaanii ka beekkamee moti. Daawiti worra isa eegu irratti itti gaafatamaa isa godhate. 26 Loltooti goototi ka asii gad jiranu: obboleessa Yo'aabii Asaahel, nama biyya Betlihemii ilma Dodoo Elhaanaa, 27 nama biyya Harorii Shaamoot, nama biyya Phelonii Helez, 28 nama biyya Teqo'aa ilma Iiqishii Iiraa, nama biyya Anaatotii Abii'ezer, 29 nama biyya Hushii Siibekaayi, nama biyya Ahohii Iilaayi, 30 nama biyya Netofii Maharaay, nama biyya Netofii ilma Ba'anaa Heled, 31 sanyii Beniyaamii keessaa nama biyya Giibe'aatii ilma Riibaayii Iitaayi, nama biyya Phiiraatonii Benaayaa, 32 nama biyya dhooqa Ga'aashii keessaa Huraayi, nama biyya Aarbataahii Abii'el, 33 nama biyya Baharumii Azmaawet, nama biyya Sha'albonii Eliyaabaa, 34 ilmaan Haashemii nama biyya Giizonii, nama biyya Haraarii ilma Shaagee Yonaataan, 35 nama biyya Haraarii ilma Saakaarii Ahii'aam, ilma Urii Eliifaal, 36 nama biyya Mekeraatii Hefer, nama biyya Phelonii Ahiiyaa, 37 nama biyya Qarmelosii Hezro, ilma Ezbaayii Na'araayi, 38 obboleessa Naataanii Yo'el, ilma Hagrii Miibhaar, 39 nama biyya Amoonii Zeleq, nama biyya Berootii ka meya lolaa Yo'aabii ba'atu, ka Zeruyaan deette Naharaayi, 40 nama biyya Yaatiirii Iiraa, nama biyya Yaatiirii Gaareb, 41 nama biyya Heetii Uriiyaa, ilma Ahilaayii Zaabaad, 42 ilma Shiizaa nama biyya Ruubenii ka gosa Ruubeniitii fi loltoota soddoma isa woliin jirtuuf sooressa te'e Adiinaa, 43 ilma Ma'akaa Haanaan, nama biyya Miitaanii Yoshaafaax, 44 nama biyya Ashteraatii Uziyaa, ilmaan Hotaamii nama biyya Aro'erii Shaamaa'ii fi Yeyi'el, 45 ilmaan Shiimrii nama biyya Tiizaahii Yediyaa'elii fi obboleessa isaa Yohaa, 46 nama biyya Mahawaatii Elii'el, ilmaan Elnaa'aamii Yeriibaayii fi Yoshaabiyaa, nama biyya Mo'aabii Iitmaa, 47 Elii'el, Obedii fi nama biyya Mezoobii Ya'aasi'el.