12
Loltoota Daawititti Dabalamane
Daawiti ilma Qiishii Saa'ol duraa dhokatee Siiqlaag keessa adoo jiruu, loltoota gootota duula keessatti isa qarqaarane keessaa ka gara isaa dhufane, ka asii gad jiranu: Isaan worra guube'ee ka daaya harka middaatii fi bita'aatiin darbatiisa, dhakaalle qolaansiisa dande'u, gosa Beniyaamii keessaa fira Saa'olii ti; Sooressitooti isaanii Ahii'ezerii fi Yo'aas; isaan lamaanuu ilmaan Shema'aa nama biyya Giibe'aatii ti; ilmaan Azmaweeyezii'elii fi Phelex, Beraakaa, nama biyya Anaatotii Yehuu, nama biyya Giibe'onii Yishmaa'iyaa ka odduu loltoota soddomaatitti gooticha sooressa isaanii te'e; Ermiyaas, Yahaazi'el, Yohaannaan, nama biyya Gederaatii Yozaabaad, Eluzaayi, Yeremoot, Belaayaa, Shemaariyaa, nama biyya Haruufii Shefaaxiyaa, Elqaanaa, Yeshiiyaa, Azaarel, Yo'ezerii fi nama biyya Qoraahii Yaashaabe'aam, nama biyya Gedoorii keessaa ilmaan Yerohaamii Yo'elaa fi Zebaadiya'a.
Daawiti kushee goomolee keessaa keessa adoo jiruu gosa Gaadii keessaa loltooti goototi gara isaa dhufane; isaan worra wonte'ee fi woraana qabatiisa beekanu, ka fuulli isaanii akka fuula neenqaa sodaachisuu fi ariitiin isaaniille akka buddannee gaara irraa ti. Sooressitooti isaanii tokkeessoon Ezer, lammeessoon Obaadiyaa, sadeessoon Eliiyaab, 10 arfeessoon Miishimana'a, shaneessoon Ermiyaas, 11 jayeessoon Aataayi, torbeessoon Elii'el, 12 saddeetessoon Yohaanna'a, sagaleessoon Elzaabaad, 13 kudhaneessoon Ermiyaas, kudha tokkeessoon Maakbaanaay.
14 Isaan kun ajajjoota loltoota gosa Gaadii ti; isaan keessaa ajajaan diqqaan akka ajajaa loltoota dhibbaa ti; ajajaan guddaan akka ajajaa loltoota kumaa ti. 15 Isaan ji'a qaraa keessa, yennaa lagi Yordaanosii guute, gamatti bu'anee worra Yordaanos irraa karaa aduun baatuu fi karaa aduun seentu dhooqa keessa le'u mara ari'ane.
16 Gosa Beniyaaminiitii fi gosa Yihuda'aa keessaa namooti gariin gara kushee isaa Daawiti bira dhufane. 17 Daawiti isaan qophatiisaaf gara isaanii gad bayee isaaniin, «Isin nageyaaf, na qarqaariisaafille gara kiyya yoo dhuttanee jiraattane, isin fudhatiisaaf qophoweera. Adoo ani dokonkora tokko hin qabaatin, isin diina kiyyatti dabarsitanee na kenniisaaf gara kiyya yoo dhuttanee jiraattane ammoo, Waaqi abbootii teennaa isin dhagguu ti; isinille'etti muruu ti» jedhe.
18 Achiin duuba ayyaanni Waaqaa ajajaa loltoota soddomaa Amaasaayi irratti bu'ee,
«Ee Daawiti, nuuti keeti;
Ee ilma Iseyii nuuti si woliin jirra;
Waaqi waan si qarqaaruuf
nageenni siif te'u!
worra si qarqaaruufille
nageenni te'uu ti» jedheen.
 
Maarre Daawiti isaan fudhatee, sooressitoota loltoota ifii godhate.
19 Daawiti worra Filisxeemotaa woliin Saa'olii mooticha loliisaaf yennaa dhaqe, gosa Minaase'ee keessaa gariin finqilanee loltoota Daawitiititti makamane; te'uu malee Daawitii fi namooti isaa worra Filisxeemotaa hin qarqaarre; sababille sooressitooti Filisxeemotaa, «Daawiti, nu fixee gara goottaa ifii Saa'olii deebi'a» jedhanee waan sodaataneef, mari'atanee akka inni achii deemu godhane. 20 Yennaa Daawiti gara Siiqlaagii dhaqe gosa Minaase'ee keessaa, ajajjooti kumaa: Adiinaa, Yozaabaad, Yediyaa'el, Mikaa'el, Yozaabaad, Eliihuu fi Ziiletaay finqilanee gara isaa galane. 21 Isaan kun marti loltoota gootota waan te'aneef, loltoota isaa keessalle'etti ajajjoota waan te'aneef, worra Daawititti duule loliisaan isa qarqaarane. 22 Loltooti Daawitii akka loltoota Waaqaa haga bacatanutti, namooti isa qarqaarsiisaaf guyyuma guyya'aan gara isaa dhufane.
Worri dhibiin Kebroonitti Gara Daawitii Dhufane
23 Akkuma Mootiin Waan Maraa Daawitiif waadaa galetti, laakkossi loltoota lolaaf hidhatanee, mootummaa Saa'olii mootichaa gara isaa deebisiisaaf, Kebroonitti gara Daawitii worri dhufe ka asii gad jiru:
24 Wonte'ee fi eboo qabatanee lolaaf worri qophowane, namooti Yihuda'aa loltoota kuma jaa fi dhibba saddeeti.
25 Gosa Shimi'oonii keessaa loltooti goototi lolaaf qophowane, namoota kuma torbaa fi dhibba tokko.
26 Gosa Lewwi'ii keessaa loltoota kuma afurii fi dhibba jaa. 27 Akkasuma fira Aaronii keessaa Yehoyaadaa sooressaa isaanii woliin nama kuma sadii fi dhibba torba. 28 Dargaggeessa goota Zaadoqii fi maatii abbaa isaa keessaa ajajjooti diddamii lama. 29 Fira Saa'olii keessaa namooti Beniyaamii kum sad, isaan keessaa gariin irra caalaan haga bara saniititti Saa'oliif addatamane.
30 Namoota Efreemii keessaa, loltooti goototi fira abbaa ifii keessatti beekkamane kuma diddamaa fi dhibba saddeeti.
31 Namoota gamisa gosa Minaase'ee keessaa, ka maqaan isaanii galmeeffamee, Daawiti mootii godhatiisaaf dhufane, namoota kuma kudha saddeeti.
32 Sanyii Yisaakorii keessaa, worri bara hubatane, waan Israa'el maltelle worri beekane, fira isaanii worra ajaja isaanii jala jiranu mara woliin sooreyyiin dhibba lama.
33 Namoota Zebuloonii keessaa, loltooti meya lolaa maraan leenjifamanee lolaaf qophowane, ka gadhaa tokkochaan Daawiti qarqaariisaaf dhufane, namoota kuma shantama.
34 Sanyii Niftaalemii keessaa ajajjooti kuma tokko; isaan wolille'een worri wonte'ee fi eboo qabatu nama kuma soddomii torba.
35 Sanyii Daanii keessaa ka lolaaf qophowane, namoota kuma diddamii saddeetii fi dhibba jaa.
36 Sanyii Asheerii keessaa ka lolaaf leenjifamanee duulaaf qophowane kuma afurtama.
37 Worra laga Yordaanosii irraa karaa aduun baatu jiranu keessaa, namooti Ruubenii, namooti Gaadiitii fi gamisa gosa Minaase'ee ka meya lolaa mara hidhatane, nama kuma dhibba tokkoo fi kuma diddama.
38 Loltooti lolaaf qophootte tun martinuu gadhaa tokkochaan, Daawiti Israa'el irratti mootii godhatiisaaf gara Kebroonii dhufane. Namooti Israa'elii worri hafane martille, Daawiti mootii godhatiisaaf yaadi isaanii akkuma san tokko te'e.
39 Namooti kun waan firri isaanii isaaniif qopheessane nyaataa, unaa guyyaa sad Daawiti bira turane. 40 Israa'el keessatti yennaa gammadaa waan teeteef, namooti adaala isaanii jiranulle, lafa fagoo Yisaakor irraa, Zebuloonii fi Niftaalem irraa sagalee harreelle'etti, gaalotatti, gaangole'ee fi sangootatti fe'anee bullaa, bixee harru'uu, bixee midhaan woyni'ii, daadhii woyni'iitii fi zayitii bacaa fe'anee fidane. Sangootaa fi hooleelle fidanee dhufane.