13
Kiriiyat-Ya'ariim Irraa Saanduqa Gondooro'oo Fidane
Daawitiin mootichi ajajjoota ifii ta kumaatii fi ta dhibbaa, sooreyyii ifii mara woliin mari'ate. Achiin duuba Daawiti gumii Israa'elootaa maraan, «Wonni kun yoo isinitti dansaa fakkaatte, fedhii Mootii Waan Maraa Waaqa keennaalle yoo teete, obboleeyyan teenna ta hatte, worri lafa Israa'elii keessa jiranu, hayyootaa fi Lewwooti qachoota ifii keessaa fi lafa tikaa ta ifii keessa jiranu marti, dhufanee akka nu woliin wolitti qabamanu namoota isaanitti ergina. Kowa'a, Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa Waaqa keennaa ta bara mootummaa Saa'olii hin barbaadin, dhandhee fidanna» jedhe. Wonni sun marti isaan maratti sirrii teetee waan mudhatteef, kolbaan sun marti tana godhiisaaf wolii galte.
Maarre Daawiti Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa Kiriiyat-Ya'ariimii fidiisaaf, Israa'eloota laga Shiihorii ka Gibxii keessaatii jalqabee, haga seensuma Haamaatii jiranu mara wolitti qabe. Daawitii fi Israa'elooti marti Saanduqa Gondooro'oo ta Waaqa Mootii Waan Maraa ta maqaa isaatiin waamante, ta dada ol-gubba'aa ta koola qaddu lamaan odduu barcuma'aa irra keyante san fidiisaaf, gara qachaa Ba'aalaa, ka Yihudaa keessaa ka «Kiriiyat-Ya'ariimii» jedhamutti ol bayane. Isaan Saanduqa Gondooro'oo ta Waaqaa mana Abinaadaabiitii fuudhanee, garreettaa haareya irra keyanee fidane. Uzaanii fi Ahiiyon garreettaa harkifamu san oofane. Daawitii fi Israa'elooti marti hunna ifii maraan Waaqa duratti weeddu'uun, kiraara guddichaan, maseenqo'oon, dibbe'een, sibiila wolitti dhowamee qoonqoo guddoo dhageessisuu fi tultulla'aan jilifatane.
Eeddummee Kiidonii yennaa geyane qotiyyooti garreettaa harkittu waan gufatteef, Uzaan Saanduqa Gondooro'oo san qabiisaaf itti hiixate. 10 Uzaan Saanduqa Gondooro'oo san harka ifiitiin waan tuqeef, Mootiin Waan Maraa isatti aaree isa dhowe. Maarre inni achuma Waaqa duratti du'e. 11 Aariin Mootii Waan Maraa waan Uzaa cassiteef, Daawiti aare. Addeen sun haga adhaatitti «Pherez-Uzaa*Pherez-Uzaa: Afaan Ibrootaatiin cannana Uza'aa jechu'u.» jedhanti.
12 Daawiti gaafasii jalqabee Waaqa sodaatee, «Ani attamiin Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa tana fudhadhee galuu dande'a ree?» jedhe. 13 Tanaaf, Daawiti Saanduqa Gondooro'oo san gara qachaa ifii fudhatee galiisa lakkisee, gara mana Obed-Edoomii nama qachaa Gaatii geesse. 14 Saanduqi Gondooro'oo ta Waaqaa, ji'a sad maatii Obed-Edoomii woliin mana isaa keessa turte. Mootiin Waan Maraalle maatii Obed-Edoomiitii fi waan inni qabu mara eebbise.

*13:11 Pherez-Uzaa: Afaan Ibrootaatiin cannana Uza'aa jechu'u.