28
Daawiti Galma Waaqaa Ijaariisaaf Qajeelfama Baase
1 Mootichi Daawiti qondaaltota kolbaa Israa'elii mara sooressitoota gosaa, ajajjoota kutaa loltootaa, ajajjoota kumaa, ajajjoota dhibbaa, itti gaafatantoota qabeenna maraa, itti gaafatantoota loon mootichaatii fi ilmaan isaa, qondaaltota mana mootumma'aatii fi loltoota gootota Yerusaalemitti wolitti waame.
2 Achiin duuba mootichi Daawiti ka'ee dhaabatee, «Obboleeyyan tiyya, kolbaa tiyya, na dhage'a'a. Ani mana Saanduqi Gondooroo Mootii Waan Maraa keessa tee'u, miilli Waaqa keennaa ka keessa ijjatu ijaariisaaf yaadadhee, ijaariisaafille qophii godhadheera. 3 Waaqi ammoo anaan, ‹Ati nama woraanaa, ka dhiiga dhangalaaseeru waan teeteef, ati Maqaa kiyyaaf mana hin ijaartu› jedhe. 4 Te'uu malee Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, akka ani kolbaa Israa'elii haga bara baraa bulchuuf, maatii abbaa kiyyaa duudii keessaa na fileera. Gosa Yihuda'aa sooressitoota akka te'anuuf, sanyii Yihuda'aa keessalle'ee maatii abbaa kiyyaa filatee, ilmaan abbaa kiyyaa keessalle'ee akka ani kolbaa Israa'elii mara irratti mootii te'uuf natti gammadeera. 5 Mootiin Waan Maraa ilmaan hedduu naa kenneera; ilmaan tiyya mara keessalle'ee barcumaa mootumma'aa ka mootummaa Mootii Waan Maraa irra tee'ee, kolbaa Israa'elii mara akka bulchuuf ilma kiyya Solomoon filateera. 6 Mootiin Waan Maraa anaan, ‹Ilmi keeti Solomoon ilma kiyya akka naaf te'u, ani abbaa akka isaaf te'u waan filadheef, inni mana kiyyaa fi badhinna mura'aa kiyya naaf hin ijaara. 7 Inni akkuma amma godhu kana, ajajaa fi seera kiyya jabeessee yoo eege, ani mootummaa isaa haga bara baraa hin jabeessa› jedhe.
8 «Maarre amma ani lafa dansaa tana akka dhaaltanuu fi ijoollee teessaniifille dhaala bara baraa akka gootanuuf, ajaja Mootii Waan Maraa Waaqa keennaa akka dansaa akka eegattanuuf, kolbaa Israa'elii mara, wolde'a Waaqaa duratti, Waaqa keenna ka nu dhage'uu fi ka nu dhaggu duratti isin ajaja.
9 «Atille Solomoon, ilma kiyya, Mootiin Waan Maraa gadhaa nama maraa qorqoree waan ilaaluuf, yaada namaatii fi karoora namaa waan beekuuf, Waaqa abbaa keetii beekiitii, gadhaa tokkochaa fi qalbii fedhii qadduun isa tajaajili. Ati yoo isa barbaadde, isa hin dhaggita; ati yoo isa lakkitte innille haga bara baraa si hin lakkisa. 10 Kunoo, addee woyyittii Galma Waaqaa akka ijaartuuf, Mootiin Waan Maraa si filateera; atille jabaadhuutii hujadhu» jedhe.
11 Achiin duuba Daawiti fakkii karoora ijaarsaa ta soroo Galma Waaqaa, ta kutaa badhoo mana keessaa, ta kutaa meya gatii guddo'oo keessa keyanuu, kolloota mana mana irraa, kolloota gara keessaa ta addee araarri cubbuu kolba'aa itti kennamuu ilma ifii Solomoonitti kenne. 12 Inni fakkii karoora badhinna dalleya keessaa ka Galma Mootii Waan Maraa, kolloota Galma sanitti naanneffamanee ijaaranuu mara, kolloota qabeenna Galma Waaqaatii fi waan Waaqaaf adda baye keessa keyanu akka qalbii isaa keessaa qabutti ilma ifiititti kenne. 13 Inni ammalle ramaddii hayyootaatii fi Lewwootaa maan akka hujanu, hujiin tajaajila Galma Mootii Waan Maraa keessaa marti attam akka hujantu, meen achi keessa ittiin hujanu kam akka te'e isatti hime. 14 Meya worqii irraa hujamee, hujii adda addaa ittiin hujiisaaf barbaachisuuf, haga worqii isaa, meya meetii irraa hujamee, hujii adda addaa ittiin hujatiisaaf barbaachisuufille haga meetii isaa, 15 akkuma tajaajila waan issaan irra keyamuutitti, waan issaa irra keyanu ka worqii irraa hujamee fi issaa isaa ka worqii irraa hujame haga worqii isaa, waan issaan irra keyamu ka meetii irraa hujamee fi issaa isaa ka meetii irraa hujame haga meetii isaa, 16 xarapheessaa daabboo Waaqaaf woyyoontu irra keyanu tokko tokkoo isaatiif, haga worqii isaa, xarapheessaa meetii irraa hujamuuf, haga meetii isaa, 17 filaa fooniitiif, qori'iif, muduunu'uuf, worqii qulluu; qorii boollitti'iifille tokko tokkoofuu haga worqii isi'ii, qorii meeti'iitiifille tokko tokkoofuu haga meetii isi'ii, 18 addee ciinca'aa ta hixaanni irratti aarfamuuf, worqii baqisiifante, akkasuma fakkii karooraa ta ifii garreettaa harkifamu ka dada ol-gubba'aa ta koola qadduu ka worqii irraa hujamee, koollii isaanii Saanduqa Gondooro'oo ka Mootii Waan Maraa irra gonboobeeru san itti kenne. 19 Daawiti, «Karoorri kun martinuu Mootiin Waan Maraa na qajeelchee barreeffame; inni na qarqaaree waan karoora kana keessa jiru mara hubadhe» jedhe.
20 Achiin duuba Daawiti ilma ifii Solomooniin, «Jabaadhu, jajjabaadhuutii huji. Waaqi kiyya, Mootiin Waan Maraa Waaqi si woliin waan jiruuf, hin sodaatin, hin nayinille'e. Haga hujiin Galma Waaqaa tun hobbaatutti inni si hin lakkisu yookiin si hin gatu. 21 Kunoo, hayyootii fi Lewwooti hujii Galma Waaqaa maraaf ramadamanee qophowaneeran; worri hujii harkaatiin ogeeyyii te'ane, hujiisaafille fedhii ka qabanu marti si hin qarqaaran. Qondaaltotii fi kolbaan marti waan ati ajajje mara hin fudhatan» jedhe.