29
Kennansa Ijaarsa Galma Waaqaatiif Kenname
Achiin duuba mootichi Daawiti gumii san maraan, «Ilmi kiyya Solomoon ka Waaqi filate kun mucaa diqqa'a; muuxannoolle hin qabu. Manni guddaan ijaaramu kun Mootii Waan Maraa Waaqaaf ijaarama malee, namaafii moti; tanaaf hujiin isaa tun hujii guddo'o. Kunoo, ani haga hunna tiyyaatitti, Galma Waaqa kiyyaa ijaariisaaf meya worqii irraa hujamuuf worqii, meya meetii irraa hujamuuf meetii, meya sageettuu irraa hujamuuf sageettuu, meya sibiila irraa hujamuuf sibiila, meya muka irraa hujamuuf muka, akkasuma dhakaa Sardoniikiille, dhakaa gatii guddo'oo ka tarree galchanee ittiin mana miidhassanu, dhakaa gurraacha calalaqaa, dhakaa gatii guddo'oo ka bifa adda addaatii fi dhakaa adii calalaqaa baceessee qopheesseera. Isaan kana mara baceessee wolitti qabeera. Kana maleelle, ani jaalaltii hujii Galma Waaqaa waan qabuuf, waan qara Galma Waaqaa kanaaf qopheesse irratti dabalee, qabeenna kiyya keessaa worqi'ii fi meetii hin kenna: Dalleya Galma Waaqaa midhassiisaaf worqii Ofiirii gara kiiloogiraama kuma dhibbaatii fi meetii gara kiiloogiraama kuma dhibba lamaa fi kuma afurtamaa, meya ogeessoti hujanu maraaf, ka worqi'iin hujamuuf worqii, ka meetii irraa hujamuuf meetii hin kenna. Maarre adha fedha ifiitiin ka Mootii Waan Maraatiif ifi woyyoonsu eennu ree?» jedhe.
Achiin duuba sooreyyiin maati'ii, qondaaltoti gosa Israa'elii, ajajjooti kumaa, ajajjooti dhibbaatii fi itti gaafatantooti hujii mootichaa fedha ifiitiin kennansa kennane. Ijaarsa Galma Waaqaatiif worqii gara kiiloogiraama kuma dhibba tokkoo fi kuma torbaatama caaltu, meetii gara kiiloogiraama kuma dhibba sadii fi kuma afurtama caaltu, sageettuu gara kiiloogiraama kuma dhibba jaa fi kuma diddamaa kenniisaaf murteessane. Sibiila gara kiiloogiraama miliyoona sadii fi kuma dhibba afurii fi kuma shantama. Worri dhakaa gatii guddo'oo qabanu, ka qabeenna Galma Waaqaa eegu Yehii'elii Geshoonichatti kennane.
Daawiti Waaqa Leellise
Sooressitooti isaanii fedha ifiitiin, gadhaa tokkochaan Mootii Waan Maraatiif waan kenniteef, kolbaan gammadde. Mootichi Daawitille guddoo gammade. 10 Mootichi Daawiti achitti kolbaa mara duratti Mootii Waan Maraa leellisee, «Waaqa abbaa keenna Israa'elii haga bara baraa leellifami. 11 Ee Mootii Waan Maraa, ati gudda'a; hunnaamessalle'e. Ulfinni, baalli'ii fi arnyi keeti. Wonni ol-gubba'aa fi lafa irra jirtu marti teeti; ati mooticha waan maraan olii ti. 12 Durumma'aa fi ulfinni marti si biraa dhufan. Ati jabeennaa fi hunna teetiin waan mara bulchita. Ati nama mara gudda'aa fi jabaa tolchuu hin dandeetta. 13 Amma, Waaqa keenna, si galateeffanna; maqaa keeti ulfaataa hin leellifanna.
14 «Nuuti fedha keennaan akkas akka kenninu ka nu dandeessitte ani eennu? Kolbaan tiyyalle eennu? Wonni marti kennansa si biraa nuuf dhufe; waanuma duruu keeti te'e qofa deebinnee siif kennine. 15 Nuuti si duratti akkuma abbootii teenna ta durii akka alaga'aatii fi akka keessumma'aa ti. Barri keenna lafa irratti akka gaaddisaa ti; du'a jalaa miliquu hin dandeennu. 16 Ee Mootii Waan Maraa, Waaqa keenna, ulfinna Maqaa keeti woyyichaatiif Galma ijaariisaaf, meyaa fi horiin bacaan nuuti sii kennine marti si biraa nuu dhufane; wonni kun martinuu teeti. 17 Waaqa kiyya, ati gadhaa namaa akka qorqortuu fi yaada qajeela'atti akka ati gammaddu ani hin beeka. Tanaaf, ani waan kana maraayyuu fedha kiyyaan, yaada qajeela'aan kenneera; kolbaan teeti ta asitti dachaateertulle fedha ifiitiin kennansa sii kenniisaaf attam akka gammadelle ani dhaggeera. 18 Ee Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii teenna ta durii ka Abrahaamii, ka Yisihaqii, ka Israa'elii yaada kolbaan teeti sii kennite kana haga bara baraa gadhaa isaanii keessatti isaaniif eegi; akka si'iif addatamanulle godhi. 19 Ilmi kiyya Solomoon ajaja, seeraa fi seerata keeti eegatee, waan ani qophii godheen Galma ijaariisa akka dande'u fedhii guutuu isaaf kenni» jedhe.
20 Achiin duuba Daawiti kolbaa san duudi'iin, «Mootii Waan Maraa Waaqa keessan leellisa'a!» jedhe. Kolbaan sun duudiin Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii leellifatte; isaan gad jedhanee, Mootii Waan Maraatii fi mootichaafille ulfinna kennane.
Solomoon Mootii Te'e
21 Boruyyaa isaan ciincaa Mootii Waan Maraatiif dhikeessane; kennansa gubamu Mootii Waan Maraatiif korommii kuma tokko, korbeeyyii hoole'ee kuma tokko, buruusoo korbeeyyii hoole'ee kuma tokko kennansa unto'oo woliin, ciincaan bacaan marroo kolbaa Israa'elii maraatiif dhikaate. 22 Gaafa san isaan gammada gudda'aan Mootii Waan Maraa duratti nyaatanee unane.
Achiin duuba isaan ilma Daawitii Solomoon akka inni mootii te'u yennaa lammeesso'oo Mootii Waan Maraa duratti muudane; Zaadoqille akka hayyuu te'u muudane. 23 Achiin duuba Solomoon addee abbaa ifii Daawitiititti, barcumaa Mootii Waan Maraa irra tee'e. Wonni marti isaaf teetee, kolbaan Israa'elii martille isaaf ajajante. 24 Sooressitootii fi dhiirti goototi marti, ilmaan Daawitii mootichaa martille, akka isaaf ajajamanu Solomoonii mootichaaf mirkaneessane. 25 Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'elii mara biratti Solomoon, nama guddoo beekkamaa akka te'u godhee, arnya mootumma'aa ka mootota isaan qara Israa'el irratti mootii te'ane irra ijjumaa hin jirre, isaaf kenne.
Du'a Daawitii
26 Ilmi Iseyii Daawiti kolbaa Israa'elii mara irratti mootii te'e. 27 Inni Kebroon keessa tee'ee woggaa torba, Yerusaalem keessa tee'ee woggaa soddomii sad, wolumatti inni woggaa afurtama Israa'el bulche. 28 Achiin duuba inni durumma'aa fi ulfinna dhaggatee, bara hedduu le'ee, dulloomee du'e. Ilmi isaa Solomoon addee isaatitti mootii te'e. 29 Wonni mootichi Daawiti bara mootummaa ifii keessa huje, jalqabaa haga dhumaatitti, kitaaba dabarsi'ii ka Saamu'elii mudhii dhagguu, kitaaba dabarsi'ii ka Naataanii raagichaatii fi kitaaba dabarsi'ii ka Gaadii mudhii dhagguu keessatti dhaggama. 30 Barreeffama san keessatti marroon mootummaa isaa, marroon gootummaa isaa, wonni isa irra dhaqqabe, wonni kolbaa Israa'elii irra dhaqqabe, wonni mootummoota biyya lafaa ta dhibii irralle dhaqqabe martinuu barreeffameera.