2
Marroo Kiristoosii Fannifamee Barsiisuu
1 Obboleeyyan tiyya, ani yennaa gara keessan dhufe jechoota gugurda'aa fi qarumma'aan dhossaa Waaqaa isinitti hin lallanne. 2 Ani haga isin bira ture Yesuus Kiristoosii fannoo irratti fannifame malee, waan dhibii waan tokkolle beekuu dhabiisaaf murteeffadheera. 3 Ani dadhabaa te'ee, soda'aan akka malee rorommaa gara keessan dhufe. 4 Haasonni kiyyaa fi lallabi kiyya ayyaanaa fi hunna Waaqaa mudhisiisaan malee, jechoota qarummaa namaatiinii moti. 5 Dhugeeffannaan teessan qarummaa namaa irratti adoo hin te'in hunna Waaqaa irratti ta hundootte akka teetuuf ani tana godhe.
Qarummaa Waaqaa
6 Teetuu malee worra ayyaanaan bilchaateef jecha qarumma'aatiin barsiinna. Qarummaan tun ammoo ta biyya lafaa yookiin muummee irratti ta badu qarummaa bulchitoota lafa tanaatii moti. 7 Nuuti ammoo biyyi lafaa adoo hin dadamin duratti ulfinna keennaaf qarummaa Waaqi qopheessee fi dhossaa isi'ii ta dhokattee turte dubbanna. 8 Bulchitoota biyya lafa tana keessaa qarummaa tana ka beeke tokkolle hin jiru. Adoo beekanee jiraatane, Goottaa ulfinnaa hin fannisanuuyyu. 9 Teetuu malee Barreeffam Woyyichi,
«Waan ilti namaa hin dhaggin,
Waan gurri namaa hin dhage'in,
Waan gadhaan namaa hin yaadatin
Waaqi worra isa jaalatanuuf qopheesseera» jedha.
10 Waaqi ammoo karaa ayyaana ifiitiin dhossaa ifii nutti mudhiseera. Ayyaanni Waaqaa waan duudii, dhossaa Waaqaa ta gadi fago'ootuu hin qorqora. 11 Waan nama tokko keessa jiru mara ayyaanuma nama san keessa jiruttuu beeka malee, nami dhibiin hin beeku. Akkasuma ayyaana Waaqaa malee, marroo Waaqaa ka beeku eennulle hin jiru. 12 Waan Waaqa irraa nuu kenname akka beennuuf, Ayyaana Waaqaa fudhanne malee, ayyaana biyya lafa tanaa hin fudhanne.
13 Tanaaf nuuti dhugaa ayyaanaa ayyaantole'eef ka barsiisaarru, qarummaa Ayyaana Waaqaa irraa dhaggantuun malee, qarummaa nama irraa dhaggantuunii moti. 14 Nami Ayyaana Waaqaa hin qanne gowwummaa waan itti fakkaattuuf, kennansa ayyaana Waaqaa irraa kennamu hin fudhatu; kennansi sun ka qorqoramu Ayyaana Waaqaatiin waan te'eef hubatiisaaf hin dande'u. 15 Nami Ayyaana Waaqa qabu waan duudii qorqora; inni ammoo ifiif eennulle'een hin qorqoramu. 16 Barreeffam Woyyichi,
«Yaada Gootta'aa ka beeku eennu?
Ka gorsa isaa kennu eennu?» jedha.
Nuuti ammoo, qalbii Kiristoosii qanna.