Ergaa Phawuloos
Gara Worra Qorontoosii Erge
Ta Qaraa
Seensa
Ergaan Phawuloos gara Worra Qorontoosii erge ta qaraa wolde'a kiristaanaa ka Phawuloos lafa Qorontoosiititti ijaare keessatti dhugeeffannaa'aa fi jiruu kiristaanaa irratti rakkoo kaateef fala kenniisaaf ta barreeffante. Yennaa san Qorontoos qachaa Giriikii ka addunyaa maraati; lafa Akaayaa jedhantu ta bulchiinsa Rooma'aa jala jirtuufille qachaa guddicha. Qachaan kun guddinna daldalaatiin, guddinna aada'aatiin, amala badaa babadhatiisatti jiruu fi bacatiisa dhugeeffanna'aatiin ka beekkame.
Ergamaan keessattuu marroo gargar bayiisaa fi jireenna amala bada'aa ka wolde'a kiristaanaa keessa jiruu, marroo sagaagalaa fi fuudhaa heerumaa, marroo yaada wodana'aa, marroo seera wolde'a kiristaanaa, marroo kennansa Ayyaana Woyyichaatii fi du'aa ka'iisaa irratti xiyyeeffata. Inni hubantii guddo'oon, deebii Oduun Gammadaa gaaffii tanaaf kennitu mudhisa.
Foorri kudha sadeesso'oo ka kennansa Waaqi kolbaa ifiitiif kenne keessaa jaalalli ka caalu akka te'e mudhisu, kitaaba kana keessatti addee akka malee beekkante akka teeteetitti yaadatama.
Haadhoo Dubbi'ii
Seensa1:1-9
Gargar bayiisa wolde'a kiristaanaa keessatti ka'e1:10—4:21
Sagaagalumma'aa fi Wol Himatiisa5:1—6:1
Fuudhaa fi Heeruma Kiristaanaa7:1-40
Kiristaanotaa fi worra Kiristaanota hin te'in8:1—11:1
Le'ii wolde'a Kiristaanaatii fi waaqonfannaa11:2—14:40
Du'aa ka'iisa Kiristoosiitii fi kiristaanaa15:1-58
Kennansa Kiristaanota lafa Yihuda'aatiif dhikaate16:1-4
Haajaa isaatii fi yaada buufataa16:5-24
1
Ana Phawuloosii fedha Waaqaatiin ergamaa Yesuus Kiristoosii akka te'uuf waamamee fi obboleessa keenna Sostenees irraa:
Wolde'a kiristaanaa ka Waaqaa ka qachaa Qorontoosii keessa jiruuf, worra Yesuus Kiristoosiin woyyoontanee fi ka isaa te'iisaaf*Ka isaa te'iisaaf: Isaa fooyamiisaaf waamantane, akkasuma isaanii fi nu'uuf Goottaa ka te'e, worra maqaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii addee gara garaatitti waammattanu maraaf:
Waaqi Abbaan keennaa fi Goottaan keenna Yesuus Kiristoos badhaadhaa fi nageya isiniif kennu.
Waaqa Galateeffachuu
Waaqi karaa Yesuus Kiristoosiitiin badhaadha ifii waan isinii kenneef ani yennaa maraa isa galateeffadha. Isin Kiristoosiin waan maraan waan dubbattanuu fi beekkumsaan duroontaneertan. Wonni nuuti marroo Kiristoosiitiif dhugaa baane, isin biratti hidda horattee jabaatteerti. Tanaaf mudhatiisa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii adoo eeggattanuu, Kennansi Ayyaanaa tokkolle isin irraa hin dhidhanne. Haga guyyaa dhufa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiititti worra komii hin qanne teetanee akka jiraattanu, inni jabaattanee akka jiraattanu isin tolcha. Ilma isaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoos woliin, tokkummaa akka qabaattanu ka isin waame Waaqi addatama'a.
Gargar Bayiisa Wolde'a Kiristaanaa Keessa Jiru
10 Obboleeyyan tiyya, gargar bayiisi odduu teessanitti hin jiraatin; isin duudiin waan dubbattanutti akka wolii galtanu, yaadaa fi akeettii takka'aan jabaattanee akka leetanu maqaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin isin gorsa. 11 Obboleeyyan tiyya, wol dhabi odduu teessanitti akka jiru, maatiin Kilo'ee natti himaneeran. 12 Kunille isin tokkoon tokkoon keessan, «Ani ka Phawuloosii ti»; ka dhibiin, «Ani ka Apholoosii ti»; kuun, «Ani ka Pheexroosii ti»; ka biraa, «Ani ka Kiristoosii ti» jettan. 13 Kiristoos gargar qoodameeraa ree? Fannoo irratti isiniif ka du'e Phawuloosii? Yookiin isin maqaa Phawuloosiitiin cuuphantanee?
14 Kiriisphosii fi Gaayos malee, isin keessaa nama tokkolle waan hin cuuphiniif ani Waaqa galateeffadha. 15 Tanaaf nami tokkolle, «Maqaa Phawuloosiitiin cuuphantaneertan» jedhiisa hin dande'u. 16 Ee, ani Isxifaanosii fi maatii isaalle cuupheera; kana malee nama dhibii ka cuupheeru hin qaabadhu. 17 Kiristoos akka ani Oduu Gammadaa lallabuuf ana erge malee, akka cuuphuuf na hin ergine. Fannifamuun Kiristoosii akka hunna hin dhanne, Oduu Gammadaa ka lallabaaru qarummaa namaatiinii moti.
Kiristoos Hunnaa fi Qarummaa Waaqaa ti
18 Ergaan fannifamuu Kiristoosii worra baduuf gowwumma'a; nu worra fayyuuf ammoo hunna Waaqaa ti. 19 Barreeffama Woyyicha keessatti,
«Ani qarummaa worra qaroole'ee hin balleessa;
beekkumsa beekkole'eelle gatii hin dhoogga» jedha.
20 Maarre qaroon meet? Beekaan guddaan hore eessa jira? Ka waan lafa tanaa qorqoru hore meet? Waaqi qarummaa lafa tanaa gowwummaa tolchee hin jiruu?
21 Waaqi akka worri lafa tanaa qarummaa ifiitiin isa hin beenne waan godheef, barsiisa akka gowwumma'aatitti laakkowamu ka nuuti lallannu worra dhugeeffatu fayyisiisaaf fedhii Waaqaa te'eera. 22 Yihudooti bilbaasa dhagguu fedhan, Giriikootille qarummaa barbaadan. 23 Nuuti ammoo Kiristoosii fannifame lallanna. Kun Yihudootaaf gufu'uu, worra Yihudoota hin te'iniifille gowwumma'a. 24 Ammoo worra Waaqi waame, worra Yihudootaatii fi worra Giriikootaatiif Kiristoos hunna Waaqaatii fi qarummaa Waaqaa ti. 25 Wonni gowwummaa Waaqaa fakkaattu qarummaa namaa hin caalti; wonni dadhabbii Waaqaa fakkaattulle hunna nama hin caalti.
26 Obboleeyyan tiyya, yennaa Waaqi isin waame nama attamii akka teetane qaabadha'a. Akka yaada namaatitti isin keessaa worri hedduun qaroolee, yookiin jajjaba, yookiin worra gugurda'aa moti. 27 Waaqi ammoo qaroolee qaanessu'uuf, worra biyya lafaatitti akka gowwoole'ee laakkowamanu fowate; worra jajjaba qaanessu'uuf worra biyya lafaatitti akka dadhaboole'ee laakkowamanu fowate. 28 Waaqi, waan worra biyya lafaa biratti barbaachisa'a jedhamee ilaallamu akka hin jirre godhiisaaf, waan biyya lafaatitti gadi qabamee fi tuffatamee, woyittuu hin laakkowanne fowate. 29 Eennulle fuula Waaqaa duratti akka ifi hin jajneef inni tana godhe. 30 Isin ammoo Waaqi akka Kiristoos woliin tokkummaa qabaattanu godhe. Tanaaf Waaqi, akka Yesuus Kiristoos qarummaa teenna, balchummaa teenna, woyyumma'aa fi wodoo keenna te'u godhe. 31 Maarre Barreeffam Woyyichi, «Ka ifi jaju Gootta'aan ifi jajuu ti» jedha.

*1:2 Ka isaa te'iisaaf: Isaa fooyamiisaaf