16
Nageya Ergame
1 Obboleettii teenna Feebeen, ta wolde'a kiristaanaa ka Kanchire'aa keessa tajaajiltu, nama dansaa akka teete akka beettanu barbaada. 2 Akkuma kolbaa Waaqaatiif maltetti, maqaa Gootta'aatiin isii fudhadha'a! Isiin kolbaa heddu'uu fi analle waan qarqaarteertuuf, qarqaarsa isiin isin irraa barbaaddu maraayyuu isi'iif kenna'a.
3 Worra hujii Kiristoos Yesuusii na woliin huje, Phirisqiila'aa fi Aqiila'atti nageya naaf hima'a.HuE. 18:2 4 Isaan jireenna isaanii naaf kennaneeran. Ani isaan galateeffadha; na calla'aa motii wolde'i kiristaanaa ka worra Yihudoota hin te'inille martinuu isaan galateeffatan. 5 Wolde'a mana isaanii keessatti wolitti qabamulle'etti nageya naaf hima'a.
Jaala kiyya jaalatamaa, biyya Asiya'aa keessaa dursee Kiristoositti dhugeeffate Ephanexositti nageya naaf hima'a. 6 Maariyaamii isiniif jabeennaan hujjetti, nageya naa hima'a. 7 Yihudoota na woliin hidhamanee turane Andironikosii fi Yuniyaasitti nageya naaf hima'a; isaan ergantoota oddu'utti worra beekkamee fi worra anaan dura kiristaana te'eeru.
8 Jaala kiyya jaalatamaa Gootta'aan jaaladhu, Aphiliiyaaxositti nageya naaf hima'a. 9 Jaala kiyya jaalatamaa Isxaakisii fi Urbaanosii karaa Kiristoosiitiin nu woliin hujutti nageya naaf hima'a. 10 Aphelesii Kiristoositti dhugeeffatiis isaa mirkaneeffametti nageya naaf hima'a. Worra maatii Arisxobulosii te'elle'etti nageya naaf hima'a. 11 Herodiyoonii akkuma kiyya Yihudii te'etti nageya naaf hima'a. Worra maatii Naarkisosii keessaa kiristaana te'etti nageya naaf hima'a.
12 Worra tajaajila hujii Gootta'aa huju, Tiriifeenee fi Tiriiphaase'etti nageya naaf hima'a. Hujii Gootta'aa guddoo ta hujje, jaalatantuu jaala tiyya Pharsiisille'etti nageya naaf hima'a. 13 Ruufoosii hujii Gootta'aatii filamee fi haadha isaa, ta yennaa mara akka ilmaatitti ana ilaaltetti nageya naaf hima'a.Mar. 15:21 14 Asinkiriixositti, Filegoonitti, Hermeesitti, Phaaxrobaasitti, Hermaasii fi kiristaanota dhibii isaan woliin jiranu maratti nageya naaf hima'a. 15 Filogosii fi Yuliya'atti, Neryoosii fi obboleettii isaatitti, Olimphaasii fi kolbaa Waaqaa worra isaan woliin jiranu maratti nageya naaf hima'a.
16 Sunqaa obbolumma'aatiin nageya wol fuudha'a. Wolde'ooti Kiristoosii marti nageya isinii dhaaman.
Gorsa Gara Dhumaarratti Kenname
17 Obboleeyyan tiyya! Worra barnoota isin fudhattaneen mormiisaan, dhugeeffannaa kolba'aalle garagalchuu fi sababa gargar qoqoodamiisaa te'u irraa akka ifi eegattanu isin gorsa. Isaan irraa fagaadha'a! 18 Worri waan akkasii godhu kun halchaa nyaata ifiitiif malee, Kiristoosii Goottaa keennaaf hin hujanu. Dubbii ifii damma dibiisaa fi sossobiisaan kolbaa gadhaa babadhattu gowwoonfatan. 19 Nami marti Wongeelaaf ajajamuu keessan dhage'eera; sababa kanaafille ani marroo teessaniif hin gammada. Marroo waan dansa'aatiif qaroo, marroo waan hantu'uutiif ammoo gowwoolee akka teetanu ani barbaada. 20 Maddi nageya keennaa, Waaqille, dafee Seexana miila keessan jalatti hin butucha. Badhaadhi Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii isin woliin jiraatu.
21 Ana woliin ka huju, Ximootewoos akkasuma Yihudooti akka kiyyaa Luukiyoos, Yaasonii fi Soosiiphaaxroos nageya isiniif dhaaman.HuE. 16:1
22 Ani Xirxiwoosiin Phawuloos himaaruun xalayaa kana barreesse, Gootta'aan te'ee nageya isiniif dhaama.
23 Keessummeessaan kiyya Gaayos, ka mana isaa keessatti wolde'i kiristaana wolitti qabamu, nageya isiniif dhaama. Qabataan beesee qacha'aa, Eraasxoos fi obboleessi keenna Ku'arxoos, nageya isiniif dhaaman.HuE. 19:29; 1 Qor. 1:14; 2 Xim. 4:20 24 Badhaadhi Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii isin mara woliin jiraatu.*Laakkossi 24 woraabbii garii qofa irra jira
Leellisiisaan Muummeffatuu
25 Ulfinna Waaqaaf kenninuu ti! Akka Wongeela ani marroo Yesuus Kiristoosii lallabeetitti, akka mudhachuu dhossaa dhugittii bara duriitii jalqaddee hin mudhatin turtelle'etti, inni dhugeeffanna teessaniin akka isin jabaattanee dhaabbattanu godhuu dande'a. 26 Te'uu male, amma, karaa kitaaba raagoti barreessaneen dhossaan tun ifatti baateerti; martinuu dhugeeffatee akka ajajamu, ajaja Waaqa bara baraatiin kolbaa maratti akka beekkamu godhameera. 27 Karaa Yesuus Kiristoosiitiin, Waaqa qofuu qarichaaf, bara baraan ulfinni te'u.